1 Gara Worra Qorontoosii 6 - Waadaa Haarawa

Wol Dhabiinssa Kristaanota Jidduu Jiru Attamitti Dhabamsiisuun Akka Danda'amu

1Isin keessaa tokko obboleessa isaa ka kristaana ta'e woliin yoo wol dhabe, dhimmicha kristaanonni murti'iin akka laalan taasisuu irra, himanna'aaf gara mana murti'ii ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee deemu'uuf, attamitti uggama?

2Namoonni Waaqaa biyya lafaa irratti akka murteessan hin beekittan moo? eegaa, biyya lafaa irratti ka murteessitan yoo ta'u, waan diqqoo kana irratti murteessuun isin ni dhiba ree?

3Maleyikkootuma irrattuu akka muriteessinu hin beekittan moo? Eegaa wonittoota biyya lafaa kana irratti nu'u caala'atti muriteessuu attamitti hin dandeenne ree?

4Eegaa ufii keessan yoo wol dhabiddan tokkummaa kristaanumma'aatiin ala worra ta'anii fi namoota tuffataman duranatti, dhimma keessan attamitti dhiyeessitan?

5Kana ka jedhu'uuf akka saalfattaniif jedheeti, haa ta'u malee obboleeyyan jiddu'utti murtii kennu'uuf ka danda'u jaarssi hubattanii hin argamu moo?

6Eegaa, kirstaanni tokko krirstaana bira'aa himatee gara mana murtii Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee, fiduun isaan ni malaa ree?

7Gonkumaa ufii keessan wol himattanii wol mormmuun mataan isaatuu, isiniif salphinna, kana irra isin uduu miidhamttanii hin woyyuu ree? Akkuma kana isin uduu sobamttanii isinii hin woyyuu ree?

8Isin garuu obboleeyyan keessan kristaanota ta'an irratti'llee, miidha'aa fi sobiinssa ni raawwattan.

9Hamaaleyyiin Mootummaa Waaqaa akka hin dhaalle ni beekitanii mitii ree? Waan kanaan hin sobaminaa, yookiin Waaqa harkaan hojjatame waaqeffattoonni, yookiin sagaagalttoonni, yookiin worri dhiiraan woliin sagaagalummaa raawwatan,

10yookiin hattoota, yookiin haafayoota, yookiin machoofttota, yookiin worra maqaa namaa balleessan, yookiin saamttonni, Mootummaa Waaqaa hin dhaalan.

11Isin keessaa'llee tokko tokkoon keessan akkuma kana turttan, ammaa garuu maqaa Gooftaa Yesus Kristositii fi hafuura Waaqa keennaatiin cubbuu irraa miicamttanii jirttan, Waaqaaf'llee ka addaan baye ummata Qulqulluu taatanii jirttan, qulqullaayomttanii'llee jirttan.

Qaama Ulfinna Waaqaatiif Oolichuun Akka Malu

12 1Qor 10:23. «Wonitti marrinuu naaf eeyyamamee jira» Garuu wonitti marrinuu ana fayyada jechu'uu miti, wonitti marrinuu naaf eeyyamamee jira, haa ta'u malee waan kamiifuu garbcha ta'ee hin bitamu.

13«Nyaanni gara'aaf, garaan'llee nyaataaf» Eegaa, Waaqinni nyaataa fi garaa'llee ni balleessa, garuu qaaminni keenna Gooftaa Yesusiif, Gooftaan Yesus'llee qaama keennaaf waan ta'eef, qaama keenna sagaagalumma'aaf oolichuun hin malu.

14Waaqinni Gooftaa Yesus Kristosiin du'aa kaaseenii jira, nu'llee huminna isaatiin du'aa ni kaasa.

15Qaaminni keessan kutaa qaama Kristosii ta'uu isaa ni beekittanii mitii ree? Eegaa, kutaa qaama Kristosii fuudhadhee, kutaa qaama dubarttii sagaagalttu'uu akka ta'u taasisu'utu narraa malaa ree? Gonkumaa hin malu!

16Dubarttii sagaalttuu woliin naminni wol qunnamu isii woliin qaama tokko ta'uu isaa ni beekittanii mitii ree? «Lamaanuu qaama tokko ni ta'an» jedhamee, barreeffamee jiraatii.

17Gooftaa Yesusiin woliin naminni hirmmaatu garuu, isaan woliin Hafuuraan tokko ni ta'a.

18Kanaaf sagaagalummaa irraa fagaadhaa, cubbuun naminni raawwatu ka bira'aa marrinuu qaama isaatiin alatti ka raawwatamu, sagaagalummaa naminni raawwatu garuu qaama mataa isaa irratti cubbuu hojjata.

191Qor 3:16; 2Qor 6:16.Qaaminni keessan Waaqa irraa ka fudhattanii fi isin keessa'llee ka jiraatu Mana Waaqeffannaa Hafuura Qulqullu'uu ta'uu isaa ni beekittanii mitii ree? Eegaa isin ka Waaqaati malee ka mataa keessaniitii miti.

20Inni gati'iin isin bitee jira, kanaaf qaama keessaniin Waaqa kabajaa.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help