Gara Worra Rooma'aa 10 - Waadaa Haarawa

Israa'eeloonni Karaa Waaqaa Horddofuu Dhabuu Isaanii

1Yaa obboleeyyan! Onnee kiyya keessa ka jiru hawwii ol aana'aa fi kadhannaan gara Waaqaa dhiyeessu, Israa'eeloonni akka fayyaniif.

2Qajeelatti beekkomissa ta'uu dhabuu isaati malee, isaan Waaqaaf hinaaffaa hafuuraa akka qaban, ani mataa kiyyaa raagaa ni baya.

3Karaa Waaqinni namoota ittiin qulqullaawomssu beekuu dhabuu isaaniitiin, karaa isaanii ka qulqullaawomaa ni horddofan malee, qulqullummaa Waaqaa hin horddofinne.

4Naminni marrinuu amanti'iin akka qulqullaayomuuf, seerri Kristosiin raawwatamee jira.

Fayyinni Marumaafuu Ta'uu Isaa

5Seera horddofu'uun waayee qulqullaawoma arigamuutiif Museen ka barreesse, «Seera ka raawwatu marrinuu lubbu'uun ni jiraata» ka jedhu.

6Waaqinni namoota amanti'iin waayee isaan qulqullaawomssu garuu, akkana jedhamee barreeffamee jira, «Onnee kee titti gara sami'ii eennutu baya?» hin jedhin, kun'llee Kristosiin buusu'uuf,

7yookiin onnee kee titti, «Gara siioolii titti eennutu bu'a?» hin jedhin, kun'llee Kristosiin du'aa kaasu'uuf.

8Akkuma kana akkana jedhamee barreeffamee jira, «Dubbiin Waaqaa si bira ni jira, gonkumaa afaan keetii fi onnee tee keessa ni jira» Dubbiin kun'llee, ka nu'u lallabunnu dubbii amanti'iiti.

9Yesus Gooftaa ta'uu isaa afaan keetiin yoo ragaa baatee fi Waaqinni du'aa akka isa kaase'llee, onnee tee titti yoo amanitte, ni fayyita.

10Naminni onnee isaa titti yoo amane ni qulqullwoma, afaaniin isaatiin'llee ragaa yoo baye ni fayya.

11Kitaaba Qulqulluu keessatti akkuma barreeffame, «Ka isatti amanu marrinuu hin saalfatu.»

12Eegaa Gooftaan tokkochi Gooftaa maraa waan ta'eef Yihudichaa fi Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne jidduu garaa garummaan woyiituu hin jiru, inni'llee worra isa kadhatan maraaf, eebba isaa baayi'essee ni kenna,

13«Ka Maqaa Goofta'aa waamu marrinuu ni fayya» jedhamee jiraatii.

14Garuu uduu itti hin amanin attamitti isa waamu'uuniif danda'an? Waayee isaa'llee uduu hin dhagayin, attamitti amanan? Barsiisaa male'llee ammo attamitti dhagayuu danda'an?

15Barsiisonni yoo hin ergamin hoo attamitti dubbii isaa barsiisu'uuf danda'an ree? Kun'llee, «Lallabddoonni oduu Gammachu'uu dhufuun isaanii, attam nama gammachiisaa!» jedhamee akkuma barreeffame.

16Garuu Isaayaas, «Yaa Gooftaa! Dubbii dubbanne eennutu nurraa fuudhe?» jedhee akkuma dubbatetti, marrinuu dubbii gammachu'uu hin fudhanne.

17Kanaaf, amantiin ka argamu dubbii gammachu'uu dhagayu'uun, dubbiin gammachu'uu'llee ka argamu, waayee Kristosii barsiisaa dubbatu irraayyi.

18Mee si haa gaafadhuu, eegasuu dubbii isaa hin dhageenne jechu'u ree? Kitaaba Qulqulluu keessatti,

«Qooniqqi isaanii arddii mara irratti ni dhagayame,

dubbiin isaanii'llee haga daangaa arddi'ii ni gaye»

jedhamee akkuma barreeffame, dhugamaanuu dhagayanii jiran.

19Akkuma kana Israa'eeloonni dubbii isaa hin beekinne, jechu'uu moo? Kun ammoo akka hin jedhamnneef Museen durssee,

«Ummata tufatameen hinaafsisee, isin ni dallanisiise,

ummata hin hubanneen'llee, isaan ni dallanisiisa» jedhee jira.

20Isaayaas'llee,

«Worra ana hin barbaadiniif ni argame,

‹Waaqinni eessa jira?› jedhanii

worra ana hin gaafatanitti'llee, ni muldhadhe»

jechu'uun, uggee dubbatee jira.

21Waayee Israa'eelootaa garuu, «Ka hin ajajaminnee fi ummanni hamaaleyyiin gara kiyya akka dhufuuf, guyyaa guutuu harka kiyya ni hiixadheef» jedha.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help