Wongeela Maatewos 28 - Waadaa Haarawa

Du'aa Ka'iinssa Yesusii(Mar 16:1-10; Luq 24:1-12; Yoh 20:1-10)

1Sanbbanni eega dabrreen duubatti, torbaan keessaa guyyaa jalqabaa (Dilbbata) ganama obboro'oon, Maariyaam Magadaalaawitti'ii fi Maariyaamiin bira'aa'llee awwaala isaa laalu'uuf ni dhaqan.

2Kunoo, dimmaa sochiin arddi'ii ol aanaan ni ta'e, maleeyikkaan Goofta'aa'llee sami'ii bu'ee, dhagaa awwaalli ittiin cufame gangalcheeti, irra ni taa'e.

3Fuulli maleeyikkichaa'llee akka bakakka'aa ni ifa ture, uffanni isaa'llee akka barada'aa adii ni ture.

4Worri awwaala eegan'llee maleyikkicha sodaachuu irraa ka ka'een hollachu'uun, akka reeffaa ni ta'an.

5Maleyikkichi garuu dubarttootaan akkana ni jedhe, «Isin hin sodaatinaa» Yesusii fannifame akka barbaaddan ni beeka,

6inni as hin jiru, akkuma durssee dubbatametti ka'ee jira. Asi hin jiru, bakka itti awwaalamee ture koota'aatii laalaa.

7«Eegaa dadafaan deemittanii barattoota isaatiin, ‹Yesus du'aa ka'ee jira! Kunoo, gara Galiila'aa isin durssee ni deema, achitti'llee ni argittaniin!› jedha'aatii, isaantti himaa, kunoo, isinitti himee jira.»

8Kanaan duubatti dubarttoonni soda'aa fi gammachuu ol aana'aan bakka awwaalaatii dadafaan ni lixan, barattoota isaa titti'llee himu'uuf ni fiigan.

9Yesus karaa irratti isaan argateeti, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin jedhe. Isaan'llee gara isaa dhiyaataniiti miila isaa qabatanii sagadaniif.

10Yeroo san Yesus «Hin sodaatinaa! Gara Galiila'aa akka deemaniif obboleeyyan kiyyatti himaa, ka ana argitan'llee achitti» isaaniin jedhe.

11Dubarttoonni'llee deema'aa uduu jiran lolttoota keessaa tokko tokkoon isaanii gara magaala'aa deemanii, waan ta'e maraa itti gaafatamoota qeesotaa titti ni himan.

12Itti gaafatamoonni qeesotaa jaarsotii woliin woligayanii eega mari'ataniin duubatti lolttootaaf qarshii baayi'ee kennaniiti, akkana isaaniin jedhan,

13«Uduu nu'u raffinnee jirru barattoonni isaa halkaniin dhufanii, hatanii qabataniinii ni deeman, jedha'aatii ummatatti himaa.

14Waan kana bulichaan biyyaa yoo dhagayee jiraate, dhimmicha nu'u isa hubachiifnnee amansiisu'uun, isin irratti rakkinna akka hin geessine, ni taasfinna» isaaniin jedhan.

15Kanaaf lolttoonni qarshii fudhatanii akkuma isaatti himame ni taasisan, wonitti kun'llee haga adhaa titti Yihudota biratti, babaldhatee ni dubbatama.

Yesus Barattoota Isaa Titti Akka Mulidhate(Mar 16:14-18; Luq 24:36-49; Yoh 20:19-23; HuE 1:6-8; 1Qor 15:3-8)

16

18Yesus'llee gara isaanii dhiyaateeti akkana isaaniin jedhe, «Aangoon marrinuu sami'ii fi arddi'itti'llee naaf kennamee jira,

19HuE 1:8.eegaa gara ummata biyya lafaa mara deemaa, maqaa Waaqaa Abba'aa, maqaa Ilmaatii fi maqaa Hafuura Qulqullu'uutiin isaan cuupha'aa, barattoota kiyya taasisaa.

20Waan isin ajaje mara'llee akka raawwatan isaan barsiisaa! Kunoo, ani'llee haga muummee biyya lafaa titti, yeroo maraa isin woliin ni jira» isaaniin jedhe.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help