1Saa'oli'llee ajjeefamuu Isxifaanosii titti wolii galee ture, Guyyaa Isxifaanos itti du'etti woldaya amanti'ii Yerusaalemtti argamittu titti ari'ataminni ol aanaan ni ka'e, ergamittoota malee amanttoonni marrinuu gara Yihuda'aa fi gara arddii Samaariya'aa ni bittinaayan.
2Namoonni hafuurayyoonni Isxifaanosiin ni awwaalaniin, qoniqqa ol aanaan'llee iyya'aa ni booyaniif.
3 yaabbatee, kitaaba nabiyyicha lsaayasii ni dubbisa ture.
29Yeroo kanatti Hafuurri Qulqulluun Filiphosiin, «Deemi gara guurttoo farddaa san dhiyaadhuutii dubbisiin» jedhe.
30Kanaaf Filiphos garasi fiigee deemeeti, naminni Itoophiya'aa kitaaba nabiyyicha Isaayaasii yoo dubbisu dhagayee, «Hiikkaan waan dubbifttuu siif ni galaa ree?» jedheen.
31Namichi Itoophiyichaa'llee, «Naminni ana gargaaru uduu hin jiraatin attamitti naaf galuu dandda'a ree?» jedheeti Filiiphosiin, «Guurttoo farddaa irraa bayiitii, anaan woliin taa'i» jedheen.
32Inni'llee ni dubbisa ka ture kutaan kitaaba Qulqullu'uu ka itti aanee jiru ture,
«Inni akka hoolaa qalamu'uuf ooffamuu ni ture,
riffeenissa haaddota worri ta'an'llee yoo irraa haadan'llee akkuma ilmmayyoo caldhisuu titti,
inni'llee dubbachu'uuf afaan isaa hin bannanne.
33Inni ni salphate, murtiin qajeelaan'llee hin kenamnneef.
Lubbuun isaa'llee arddii irraa dhabamisiifamee jiraatii,
waayee dhalootaatiif eennutu dubbachu'uuf dandda'a?»
34Yakkatamchi'llee Filiiphosiin, «Nabiyyichi kana ka dubbate waayee eennuutiif? Waayee mataa isaatiif moo yookiin waayee nama bira'aatiif? Yabo'oo natti himi» ni jedheen.
35Filiiphos'llee kutaa kitaaba Qulqulluu kanaa irraa jalaqabee, waayee Yesusii Oduu Gammachuu misha'aa, itti ni hime.
36Yoo deemaan'llee gara bakka bishaan jiru ni gayan, yakkataman'llee, «Kunoo akka hin cuuphamnneef wonitti ana dhoogu maali'i?» jedhe.
38Yakkatamchi'llee guurttoon farddaa akka dhaabatu ni ajaje, lamaanuu gara bishaanii bu'aniiti, Filiphos yakkatamcha ni cuupheen.
39Bishaan keessaa eega bayaniin duubatti Hafuurri Goofta'aa Filiphosiin ni fudhateen. Yakkatamchi'llee deebi'ee hin argineen, haa ta'u malee gammada'aa adeemissa isaa itti ni fuufe.
40Filiphos garuu Azaaxoon keessatti ni argame, haga yeroo gara Qiisaariyaa dhufetti'llee, gara magaalota maraa deema'aa wongeela ni lallaba ture.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.