1 Gara Worra Qorontoosii 5 - Waadaa Haarawa

Amanttoota Jiddu'utti Amala Badummaa Taasifame

1Jidduu keessantti saalfachiisaan hujiin sagaagalumma'aa jiraachuun isaa ni odeeffama, hujiin sagaagalummaa akkanaa kun Ummatuma Waaqa dhuga'aa titti hin amanne jiddu'utti'llee ka hin raawwataminne, kun'llee haadha worraa abbaa isaa haadha worraa isaa taasisee ka jiraatu ni jira jedhamee jira.

2Eegaa wonitti qaanessaan akkanaa kun jidduu keessan uduu jiru, maali'iif ufi jajan ree? Kana irraa waan kanaan gadduun isin irra hin jiru moo? Hujii akkanaa kana nama raawwatu jidduu keessan dhabamisiisaa.

3Yoma ani qaama fooniitiin isin woliin jiraachuu dhabe'llee, hafuuraan garuu isin woliin ni jira, akkuma waan isin woliin jiruu ta'ee hujii bifa kana nama raawwate irratti, maqaa Gooftaa Yesus Kristositiin itti murteessee jira.

4Yeroo wol geettanitti ani'llee huminna Gooftaa keenna Yesus Kristositiin, hafuuraan jidduu keessantti waan argamuuf,

5cubbu'uun ka guuttame foon nama kanaa akka diigamuuf, sheexanaaf dabarsitanii isa keennuun isin irraa ni mala. Kana'llee ka raawwattan Gooftaan Yesus guyyaa murti'iif itti dhufutti, lubbuun nama kanaa akka fayyituuf.

6 yookiin hattoota yookiin Waaqa harkaan hojjatame waaqeffattoota woliin hin hirmmaatinaa jechuu kiyyaa miti, akkana yoo ta'e ammoo biyya lafaa keessaa bayuu isin barbaachisa ture jechu'u.

11Ani garuu ka isiniif barreesse Kirstaanota jedhamanii worra sagaagalan, yookiin worra haafayan, yookiin worra Waaqa harkaan hojjatame waaqeffatan, yookiin maqaa namaa worra balleessan, yookiin worra machaayan, yookiin saamttotaan woliin hin hirmmaatinaa jedheeti. Namoota akkana jiran kanniin woliin, nyaata woliin hin nyaatnaa.

12Tokkummaa Kristaanumma'aatiin ala namoota jiran irratti murteessu'uuf, ani eennuu? Waayee namoota tokkummaa kristaanumma'aa keessa jiranii, isinuu murteessu'uuf ni dandeettanii mitii?

13Waayee namoota ala jiraniitiif ka murteessu Waaqa, eegaa akka kitaabnni jedhu «Nama hamaa jidduu keessanii baasaa.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help