Ergaa Yaaqoob 1 - Waadaa Haarawa

1 Mat 13:55; Mar 6:3; HuE 15:13; Gal 1:19. Biyya lafaa mara keessatti ka bittinnaayan gosoota kudha lamaaniif, tajaajilaa Waaqaa fi Gooftaa Yesus Kristosii ka ta'e Yaaqoobiin irraa ergaa ergame,

Nageenni isiniif haa ta'u.

Amanti'ii fi Ogummaa

2Yaa obboleeyyan! Qorammaanni gara garaa isin irra yoo gayutti, akka waan wonittoota gammachiisaa ta'an argattanii taasisa'aatii laakkayaa.

3Qormmaatamuun amanitiin keessan obissa ka isiniif argamisiisu ta'uu isaa ni beekittan.

4Obissaan jabaattanii dhaabachuun keessaniin womaa isinitti uduu hin dhidhatin muda maleeyyi'ii fi guutuu akka taataniin ka isin gayu haa ta'u, isin irraa uduu hin dhidhatin.

5Isin keessaa naminni ogummaan itti dhidhate yoo jiraate Waaqa haa kadhatu, Waaqinni'llee ni kennaaf, inni'llee womaa uduu garaa isa hin hanqatin maraafuu arjoomaan Waaqa arjjaa kennu.

6Garuu naminni womaa uduu hin shakkin amanti'iin haa kadhatu, naminni shakku bubbe'een ka dhiibamuu fi danbalii raafamu ka garba ciisa'aa ni fakkaata.

7Naminni akkanaa kun Gooftaa biraa woma tokkoo ka argatu isatti hin fakkaatin.

8Kun'llee ka ta'u yaada lama waan qabuu fi karaa isaa titti'llee waan asii fi achi jedhuuf.

Gammachuu Nama Hiyyeessaatii fi Nama Dureessaa

9Jireenna isaatiin gad aanaa ka ta'e oboleessi ta'e Waaqinni ol waan isa qabuuf, haa gammadu.

10Qabeenni namaa akka abaaboo margaa titti waan harca'uuf, obboleessa jireenna isaatiin ol jedhe, Waaqinni jireennaan isaatii gad yoo isa qabe'llee haa gammadu,

11Aduun oo'a isi'ii woliin yoo baayutti marga ni gossa, abaaboon'llee ni harca'a, bareenni isaa'llee ni bada, akkuma kana naminni dureessi hujii isaatiin yoo haafaye ni bada.

Waayee Qormmaata Nama Irra Gayuu

12Gooftaan akkaataa waadaa isaatiin waahellan isaatiif ka kennu gonfata jireennaa waan fudhatuuf, qormmaatcha obissee jabaatee naminni dhaabatu, ka eebbifame.

13Waaqinni waan hama'aan waan hin qoratamnnee fi akkuma kana inni eennuun'llee waan hin qormmaanneef naminni yeroo qormmaatamutti, «Waaqatu ana qormmaate» hin jedhin.

14Garuu tokkoon tokkoon namaa ka qormmaatamu fedhii mataa ufiitiin yoo harkifamuu fi yoo sobame.

15Kanaan duubatti hawwiin onne'etti jala yoo qabamtte cubbuu ni deetti, cubbuun'llee yoo guddatte du'a ni deetti.

16Ka jaalatamttan yaa obboleeyyan! Hin sobaminaa!

17Kennaan misha'aa fi eebbi muda maleessi marrinuu Waaqa Abbaa biraayyi, kun'llee ka dhufu akka gaaddisaa dedeebi'uun yookiin jijjiiramuu ka hin qabnne Abbaa ifaa, Waaqa Abbaa biraayyi.

18Waaqinni jalqaba uumama isaa maraa akka taanuuf fedhii mataa isaatiin, dubbii dhugaatiin nu ni uumate.

Waan Dhagayan Hujii Irra Oolichuu

19Ka jaalatamttan yaa obboleeyyan! Kana hin dagatinaa, naminni marrinuu dhagayu'uuf ka dadafe, dubbachu'uu fi dalanu'uuf'llee, ka barfate haa ta'u.

20Dallanisuun namaa Qulqullaawomaa Waaqaa hin argamissiisuutii.

21Kanaaf battumma'aa fi baayi'inna hammeennaa maraa dhabamisiifttanii, Waaqinni onnee teessan keessatti ka dhaabee fi dubbii lubbuu teessan fayyisu'uuf danda'u mataa gad qabataan fudhadhaa.

22Dubbii isaa hujii irra worra oolichu ta'aa malee mataa keessan soba'aa, dhageefattoota qofa hin ta'inaa.

23Dubbii isaa dhagayee hujii irra naminni hin oolichine, akka nama fuula uumama isaa daawi'ite'een, akka nama laaluuti.

24Naminni kun fuula isaa daawi'ite'een eega laaleen duubatti ni deema, attami akka ta'e'llee bakkumatti ni irraafataan.

25Garuu bilisa ka baasu seera muda maleessa qoratee isaan jabaatee ka dhaabatu, isa'llee dhagayee dagachuu uduu hin ta'in hujii irra naminni oolichu, hujii isaatiin ka eebbifame ni ta'a.

26Arraba isaa uduu hin toowatin Waaqa ni waaqeffadha naminni jedhu, ufi ni soba, waaqeffannaan isaa'llee tasa.

27Waaqa Abbaa duranatti qulqullu'uu fi amantii hin battaayin, «Ijoollee Abba'aa fi haati jalaa du'an, akkuma kana dubarttoota abbootiin worraa isaanii jalaa du'an rakkinna isaaniitiin isaan gargaaruu, mataa ufi'llee battaayinna biyya lafaa irraa eegu'u.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help