Gara Worra Rooma'aa 6 - Waadaa Haarawa

Cubbuu Irraa Fooyamanii Kristosiin Jiraachuu

1Eegaa maal jenna ree? Kennaan Waaqaa ka bilisaa akka baayi'atuuf cubbu'uun jabaannee haa jiraannuu ree?

2Miti! nu'u haga waan du'aan fooyamu'uu titti cubbuu irraa ka fooyaminne taanee uduu jirru, attamitti cubbu'uun jabaannee jiraanna ree?

3Yesus Kristositiin woliin tokko ta'u'uuf worri cuuphamnne marrinuu, qoodamtoota du'a isaa'llee ta'u'uuf cuuphamuu keenna hin beekittan moo?

4Qol 2:12.Cuuphamaan isa woliin yeroo awwaalaminnetti qoodamtoota du'a isaa'llee taanee jirra, kanaaf Kristos ulfinna Waaqa Abba'aatiin du'aa akkuma ka'e, nu'llee jireenna haarawaan ni jiraanna.

5Du'aan isaatiin isa woliin akkana tokko yoo taane, akkuma kana du'aa ka'iinssaan isaatiin'llee, isa woliin tokko ni taana.

6Cubbamaan qaaminni keenna akka dhabamuu fi garbroota cubbu'uu ta'uun keenna akka hafuuf, qaaminni keenna moofaan Kristosiin woliin fannifamuu isaa ni beekinna.

7Naminni du'e cubbu'uuf bitamuu irraa bilisa.

8Eegaa Kristosiin woliin duunee isaan woliin lubbu'uun akka jiraannu, ni amanna.

9Kristos sababa du'aa ka'uu isaatiin deebi'ee akka hin duunee fi duuti'llee isa irratti aangoo akka hin qabnne, ni beekinna.

10Inni yeroo du'etti cubbuun isa irratti aangoo akka hin qabaanneef haala irra deebii hin qabnneen yeroo tokko du'ee jira, amma'llee lubbu'uun yoo jiraatu Waaqaaf ni jiraata.

11Eegaa isin haga waan du'iinsaa titti cubbuu irraa akka fooyamittaniitii fi karaa Yesus Kristositiin garuu, Waaqaaf lubbu'uun akka jiraattan yaadaa.

12Kanaaf cubbuun qaama keessan ka du'u irratti aangoo akka qabaatuu fi fedhaaf'llee bitamaa akka isin hin taasfinneef, hin eeyyamina'aafii.

13Akkuma kana kutaalee qaama keessanii meeshaa hujii hama'aa taasfttanii, cubbu'uuf akka bitamu hin taasisinaa, garuu du'aa kaatanii jiraattota akka taatan taasisu'uun mataa keessan Waaqaaf dhiyeessaa, kutaalee qaama keessan maraa'llee meeshaa qulqullumma'aa taasfittanii, Waaqaaf bitamisiisaa.

14Isin amma ka jiraattan kennaa Waaqaa ka bilisaatii gadi malee seeraa gadi waan hin ta'iniif, cubbuun isin bituun hin malu.

Tajaajilttoota Qulqullaawomaa Ta'uu

15Eegaa maal jenna ree? seeraa gadi ta'uun keenna hafee kennaa bilisaatii gadi waan taaneef, cubbuu haa hojjannu jechu'uu ree? Gonkumaa miti!

16Nama tokkoof tajaajilttoota taatanii ajajamu'uuf mataa keessan yoo dhiyeesitan, nama ajajamttaniif sanii tajaajilttoota ta'uu keessan ni beekitan, akkuma kana cubbu'uuf yoo ajajamittan du'a cubbuu isin irratti fiduuf tajaajilttoota ni taatan, Waaqaaf yoo ajajamittan garuu qulqullaayoma ni argattan.

17Isin durssitanii garboota cubbu'uu ni turttan, amma garuu barnnoota fudhattaniif onne'een ajajamuu keessaniin, Waaqaaf galanni haa ta'u.

18Garbummaa cubbu'uu jalaa bilisa baatanii, tajaajilttoota qulqullaawomaa taatanii jirttan.

19Ani akkana namaaf afaan galuun ka dubbadhu dadhabbinna yaada keessan irraa ka ka'een, durssa kutaawwan qaamota keessan battumma'aa fi tajaajilaa marri hama'aa taasfttanii akkuma dhiyeessitan mara, akkuma kana kutaawwan qaama keessan akka qulqullaayan tajaajilttoota qulqullaayomaa taasisa'aatii dhiyeessa.

20Garboota cubbu'uu yeroo turttanitti dirqamnni qulqullumma'aa raawwachu'uu isinitti hin dhagayamu ture.

21Eegaa, yeroo sanitti faayiddaa maal argattan ree? waan amma isin saalfachiisu malee faayiddaa woyiituu hin ariganne, muummeen waan kanaa'llee du'a.

22Amma garuu garbrummaa cubbu'uu jalaa bilisa baatanii jirttan, tajaajilttoota Waaqaa ta'uu keessaniin qulqullaayomaa ni argattan, muummeen Qulqullummaa'llee jireenna bara baraati.

23Cubbuu irraa gatiin argamu du'a, kennaan Waaqa irraa kennamu garuu karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin ka argamu, jireenna bara baraati.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help