Hujii Ergamittootaa 19 - Waadaa Haarawa

Phaawulos Efesoonitti

1Apholos Qorontoos yeroo turetti, Phaawulos biyya irraatiin dabrre gara Efesoonii ni gaye, achitti'llee amanttoota muraasa argateeti,

2«Yeroo amantanitti Hafuura Qulqulluu fudhattanii jirttan ture moo?» jechu'uun, isaan ni gaafate. Isaan'llee, «Hin fudhanne, Hafuurri Qulqulluun jiraachuu isaatuu dhageennee hin beekinnu» jechuun, ni deebisaniif.

3Phaawulos'llee, «Eegaa, cuuphama attamiiti ka cuuphamttan?» isaaniin ni jedhe. Isaan'llee, «Cuuphaa Yohaannisiiti» ni jedhaniin.

4 ka sami'ii bu'ee, akka eegan mara birattuu waan beekkame.

36Kana'llee ka waakkatu eennu'llee waan hin jirreef, akka caldhifttanii fi muddamssu'un waan hamaa raawwachuu irraa, akka ufi eeggatan ni mala.

37Mana Waaqeffanna'aa worra hin saaminii fi Waaqa keenna irratti'llee dubbii arrabaa namoota hin dubbatin, garana qabddanii dhufttanii jirttan.

38Demeexrosii fi meeta tumttoonni isa woliin jiran'llee naminni isaan himatan yoo jiraate, guyyoonni murtiin itti kennamu ni jiran, worri aangoo qaban'llee ni jiran, achitti wol haa falmatan.

39Wonitti biraa ka barbaaddan yoo jiraate garuu, yaa'ii seera qabeessa ta'etti, ni laalama.

40Kanaan alatti waan adha raawwatameen, ‹jeeqama kaasanii jiran› jedhamnnee, akka hin himataminneef ni sodaachisa, ‹wolitti bu'iinssi kun waayee maaliin ka'e› jennee yoo gaafanne, deebiin kenninu hin jiru.»

41Kana'llee jedhee namoota wolitti qabaman, akka bittinaayan ni taasise.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help