1 Gara Worra Tasaloonqee Seensa - Waadaa Haarawa

SeensaTasolonqee Meqedoniyaa ka jedhamu magaalaa guddittii biyya Rooma'aa turtte, Phaawulos woldaya amantii Tasolonqe'ee titti ka dhaabe Filiphisiiyusii dhiisee eega deemeen duubatti, haa ta'u malee amantii worra Yihudotaa fudhachu'uuf dhiyaatanii ka turan ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amannetti Phaawulos dhiyeessuun fudhatamanii waan turaniin Yihudonni hinaafanii, Phaawulosiin irratti mormmii kaasanii turan, kanaaf Phaawulos Tasolonqee dhiisee gara biyya Beeriyaa deemu'uuf ni dirqqame, ture'llee gara Qorontoosii akka gayeen, gargaaraa isaa ka dhiyo'oo ka ture Ximotewos gara Tasolonqe'ee deemee akkuma deebi'een, haala woldaya amanti'ii keessa jiruu tartiibaan isa ni hubachiise.Phaawulos ergaa isaa ka jalqabaa namoota Tasolonqe'eetiif ka barreesse, Kristaanota kakaasu'uu fi jajabeessu'uuf ture, waayee amantii isaaniitii fi waayee jaalala isaanii'llee oduu mishaa dhagayuu isaatiin'llee Waaqa ni galateeffata, Phaawulos'llee jidduu isaanii titti yeroo argametti jireenna attamii akka jiraate isaan ni yaadachiisa, achiin duubatti'llee waayee deebi'ee dhufiinssa Kristosii laalichisee, waayee gaafiiwwan ka'aniitiif deebii ni kenna, gaafiiwwan kanniin keessaa'llee muraasonni,«Kristos deebi'uu isaatiin duranatti amanaan du'e, deebi'ee dhufiinssi Kristosii ka argamisiisu jireenna bara baraa qoodamaa ni ta'a ree? Kristos hoo deebi'ee ka dhufu yoom?» ka jedhan turan. Phaawulos'llee carraa kanatti fayyadamu'uun, «Deebi'ee dhufiinssa Kristosii barsiisa abddi'iin eeggata'aa, haga asii titti caldhisiissaan, hujii keessan hojjadhaa» jechu'uun isaan ni gorssa.Woliigala Qabiyyee KitaabchaaSeensa 1:1Gammachu'uu fi galata Phaawulosii 1:2—3:13Qjeelffama Jireenna kristaanaa 4:1-12Barsiisa waayee deebi'ee dhufaatii Kristosii 4:13—5:11Gorssa Muumme'ee 5:12-22Woliigalaa 5:23-28
Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help