Wongeela Luqaas Seensa - Waadaa Haarawa

SeensaWongeelli luqaasii Yesusiin ka dhiyeessu, durssee ni dhufa jedhamee nabiyyootaan ka dubbatameef, bara baayi'eef'llee abbaa abddi'ii ka ta'e ummanni Israa'eelii ni eeggata'aan ka ture, «Masihiin» Akkuma kana, «Fayyisaa» ta'uu isaa ibisu'uun. Luqaas Yesusiin, «Hiyyeesotaa wongeela akka lallabuuf» Abbaa isaa biraa ka ergame ta'uu isaatii fi wongeelli kun'llee, namoonni rakkinnoota qaban ka adda addaatiif furmmaata ka qabate ta'uu isaa ni seenssa. Wongeela Luqaasii keessatti keessummaanuu waayee dhufaatii Yesusii, ka dubbatan boqonnoota jalqabaatii fi deebi'ee'llee waayee gara sami'ii ol deebi'uu Yesusii ka dubbatan, boqonnoota muumme'ee keessatti ijoo taasfamee ka dubbatame, waayee gammachu'uuti. Gara sami'ii ol deebi'uu Yesusiitiin duubatti amanitiin kristaanaa attamitti akka guddatee fi akka babaldhate, seenaan hubachiisu kitaaba hujii ergamittootaa keessatti, barreeffama kanaan dubbatamee jira.Waayee faaruu maleyikkootaa, yeroo Yesus dhalatetti tissitoonni deemanii akka laalaniin seenaa dubbatu, Yesus ijoollummaa isaa titti waayee gara Mana Waaqeffanna'aa deemuu isaa, waayee Saamiraayicha gara laafessaatii fi waayee seenaa mucaa badee argamee, wongeela Luqaasii keessa qofatti ka argaman. Wongeelicha keessatti daanga'aa haga daanga'aa titti xiyyeeffannaan ol aanaan ka taasfame waayee kadhanna'aa, waayee Hafuura Qulqullu'uu, waayee tajaajila bakka dubarttoonni Yesusii keessatti qabaniit fi waayee Waaqinni cubbu'uuf dhiifama taasisu'uuti.Woliigala Qabiyyee KitaabchaaSeensa 1:1-4Dhalachuu Yohaannisii Chuupha'aatii fi Yesusii 1:5—2:52Tajaajila Yohaannisii Cuupha'aa 3:1-20Chuuphamu'uu fi Qormaatamuuf Yesusii 3:21—4:13Yesus Tajaajila Isaa Galiila'atti Jala qabuu Isaa 4:14—9:50Galiila'aa Gara Yerusaalemii 9:51—19:28Torbaan Muumme'ee Yerusaalemii fi Naannoo Isi'ii titti 19:29—23:56Du'aa Ka'iinssa Goofta'aa, Mulidhataa fi Gara Sami'ii Ol Deebi'uu Isaa 24:1-53
Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help