Gara Worra Rooma'aa 4 - Waadaa Haarawa

Abrahaam Amaniti'iin Qulqullaawomuu Isaa

1Eegaa fooniin abbaa keenna ka ta'e Abrahaam, argate wonitti jennu maali'i?

2Abrahaam ka qulqullaawome huji'iin uduu ta'ee jiraatee, waan ittiin ufi dhaadu ni argataayyu ture, haa ta'u malee Waaqa duranatti ufi dhaadu'uuf hin danda'u.

3Gal 3:6.Kitaabnni Qulqulluun, «Abrahaam Waaqatti ni amanee, amantiin isaa'llee qulqullaawoma ta'ee ni laakkayameef» jedha.

4Mindaan naminni hojjatu argatu gatii malu ka humnna isaati malee, kenna'aa miti.

5Naminni yoma hujii mishaa qabaachuu dhabaate'llee Waaqa cubbamoota qulqullaawomssuu danda'utti yoo amane, amanitiin isaa qulqullaayoma ta'ee ni laakkayamaaf.

6Daawiit'llee karaa isaatiin Waaqinni hujii misha'aan alatti naminni Waaqinni isa qulqullaawomssu, hagam ka eebbifame ta'uu isaa yoo ibisu, akkana jedhee jira,

7«Balleessaan isaanii ka isaanii dhiifamee fi

namoonni cubbuun isaanii isaaniif dhabamsiifame,

ka eebbifaman!

8Naminni Waaqinni cubbuu isaa itti hin laakkofnne,

ka eebbifame!»

9Eegaa, Daawiiti ka dubbatetti eebbi kun worra gadooman qofaafii ree? yookiin worra hin gadoominiif'lle'e? Worra hin gadoominiif'lle'e, «Abrahaam Waaqatti waan amaneef, amantiin isaa qulqullaawoma ta'ee ni lakkaayameef» jennee jirra.

10Eegaa Abrahaam amantiin isaa qulqullaawoma ta'ee ka laakkayameef yoom? uduu hin gadoominiin duranatti ree yookiin eega gadoomeen duubatti? uduu hin gadoominiin duranatti malee, eega gadoomeen duubatti miti.

11Abrahaam uduma hin gadoominiin duranatti, amantiin isaa qulqullaawoma ta'ee akka lakkaayameef, malikata mirkaneessa'aa akka isaa ta'uuf ni gadoome, kanaaf Abrahaam uduu hin gadoomin worra amananii fi amanitiin isaanii'llee qulqullaawoma ta'ee worra isaanii laakkayamu maraaf, abba'a.

12Akkuma kana Abrahaam worra gadoomaniif'llee abba'a, worra gadoomaniif'llee abbaa sababaan ta'eef'llee gadoomuu isaanii qofaan uduu hin ta'in inni uduu hin gadoominiin duranatti, amantii ni jira ture horddofuu isaanii'llee dabalachu'uun.

Abiddii Waayee Amanti'iitiif Kenname

13 Gal 3:29. Abrahaamii fi fiixaa isaatii biyya lafaa akka dhaalu Waaqinni abddii ka kenneef, qulqullaawoma amanti'iin argateef malee, waayee seera raawwachuu isaatiifii miti.

14Gal 3:18.Dhaaltota abddi'ii isaa, namoota seera raawwatan yoo ta'an ammoo amantiin gatii hin qabaatu, abddiin'llee tasa ta'uu isaati.

15Seerri ka fidu dheekkamissa Waaqaati, seerri yoo jiraachuu dhabaate garuu, irra dabrruun seera balleessu'uu hin jiraatu.

16 Gal 3:7. Kanaaf abddiin ka hundaaye amantii irratti ture, abddiin kun'llee fiixaa Abrahaamii maraaf Waaqaa irraa kennaa isaa ka bilisaatiin ka isaaniif kenname ta'uun isaa, kanaan mirkanaayee jira. Kun'llee namoota seera horddofan qofaaf uduu hin ta'in worra akka Abrahaamii amanan maraaf, akkaataa kanaan'llee Abrahaam abbaa nu mara keennaa ni ture.

17Waayee Abrahaamii, «Abbaa ummata baayi'ee si taasisee jira» jedhamee barreeffamee jira, abddiin kun'llee ka kenname isa worra du'an ka kaasuu fi ka hin jirre'llee akka jiraatu Waaqa taasisutti waan amaneef ture.

18Abrahaam fiixaa kee haalaan ni baayi'ata jedhamee akkuma itti himameen, abbaa ummata baayi'e'ee akka ta'u ka amanee fi abddii ka taasise, karaa abddiin woyiituu itti hin taasifaminneen ture.

19Umriin isaa gara woggaa dhibbaa ni gaya waan tureef, dadhabbii fooniitiin sababaa akka waan du'ee ta'utiin, finna uumachuu akka hin dandeennee fi Saaraan'llee dhabiddu'uu fi ta jaartte ta'uu isi'iitiin dayu'uuf akka hin dandeenne yoma beeke'llee, amantii isaatiin dadhabaa hin taane.

20Amantii isaatiin cimaa ta'ee Waaqaaf ulfinna ni kenne malee, abddii Waaqinni isaa kenne amanuu dhabu'uun, gonkumaa hin shakkine.

21Abddii Waaqinni isaa kenne'llee ka raawwatu ta'uu, onnee isaa guutu'uun ni amana ture.

22Kanaaf Abrahaamii amantiin isaa qulqullaayoma ta'ee ka lakkayameef.

23Garuu, «Qulqullaawoma ta'ee ni lakkayameef» dubbiin jedhu ka barreeffame, Abrahaamiin qofaaf uduu hin ta'in,

24nu'llee dabalataan, Gooftaa keenna Yesusiin Waaqa du'aa kaaseenitti worra amannu nu'uuf'llee, amantiin keenna qulqullaawomaa ta'ee nuuf ni lakkaayama.

25Gooftaan keenna Yesusiin kun'llee waayee cubbuu keennaatiif du'aaf dabarffamee ka kennamee fi nu'llee qulqullaayomssu'uuf, du'aa ka ka'e.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help