1 Gara Ximotewoosii 5 - Waadaa Haarawa

Waayee Haawotii Hiyyeessaatiif Gorssa Kenname

1Jaarsa akka abbaa keetii taasisii gorssiin malee itti hin baanatin, dargaggeeyyii dhiiraa akka obboleeyyan keetii titti,

2Jaartolee akka haawwotaa keetii taasisii isaan laali, akkuma kana dubarttoota shamarranii akka oboleetiiwwan keetii taasfttee, qulqullummaa mudaa hin qabnneen isaan laali.

3Dhugamaanuu dubarttoonni abbootiin worraa isaanii irraa du'an isaan kabajaa.

4Abbaan worraa kamuu dubarttiin abbaan worraa isi'ii irraa du'e ijoollee yookiin ijoollee ijoolle'ee yoo qabaate, ijoolleen tunniin durissanii maatii isaaniitiif ufi eeggannaa taasisuu, maatii isaaniitii fi akaakkayoota isaaniitiif harka deebisu'uuf, dirqama hafuurumma'aa haa baratan, kun'llee waan Waaqa gammachiisu.

5Dhugamaanuu haadha hiyyeessaa taatee adda isi'ii titti ka jiraattu, abddii isi'ii Waaqa irratti taasfattee halkanii fi guyyaa gargaarssa Waaqaa kadhachu'uun, kadhanna'aan jabaattee ni jiraatti.

6Haati hiyyeessaa ta gammachuu biyya lafaa kana qofa jaalattu garuu, isiin ta dhaabattatti duute.

7Ashaa malee akka jiraataniif'llee barnnoota kanniin isaaniif kenni.

8Worra isaatiif, gonkumaa maatii isaa ka dhiyo'ootiif ka hin yaanne, inni amantii isaa ka waakkate, gonkumaa woruma hin amanne caala'atti'llee hamaa hammaata'a.

9Woggaa jahaatamaa gad ka ta'e dubarttiin abbaan worraa irraa du'e, galmmee haadhotii hiyyeessaa irratti hin barreeffamin, akkuma kana ta abbaa worraa tokko qofatti heerumtte akka taatu barbaachisa.

10Akkuma kana ijoollee akka ta'utti guddisu'uun, keessummaa simachu'uun, miila worra Qulqullu'uu miicu'uun, worra rakkatan gargaaru'uu fi hujii mishaa kamiin mara hojjachu'uun, hujii mishaa ta'e maraaf'llee, ta hisattu ta'uu qabddi.

11Worra Abbootiin worraa isaanii irraa du'an dubarttoonni umrii isaaniitiin ufi durana hin deemin, fedhiin isaanii ka foonii isaan injifatee jaalalli Kristosiif qaban yoo dhidhate abbaa worraa titti heerumu'uuf waan barbaadaniif, isaan galmmee haawotii hiyyeessaa irratti isaan hin barreessin.

12Dubarttoonni tunniin jalqaba waadaa Kristosiif aseenan diiguu isaaniitiin, mataa isaanii irratti'llee murtii ni fidan.

13Akkuma kana hujii malee taa'uu ni baratan, hujii malee taa'uu qofa uduu hin ta'in, mana namootaa irra naanaya'aa ka nama hamatan, dhimma namaa keessa ka aseenanii fi waan dubbachuu hin qabnne ka dubbatan ni ta'an.

14Kanaaf haawotiin hiyyeessaa ka umrii isaaniitiin ufi durana hin deemin akka heeruman, ijoollee akka dayan, mana isaanii'llee akka ta'utti akka bulffatan ni gorssa, bifa kanaan diinni waan maqaa ittiin balleessuuf karaa ni dhaba.

15Asiin durana'llee dubarttoonni abbootiin worraa isaanii irraa du'e tokko tokko sheexanaa horddofu'uun, karaa amantii isaaniitii bayanii jiran.

16Dubarttiin amanttuu taate takka mana isi'ii titti dubarttoota abbootiin worraa isaanii irraa du'an yoo qabaatte, ba'aa woldaya amanti'ii akka isaan hin taaneef isiin isaan haa gargaarttu, bifa kanaan woldeenni amanti'ii worra gonkumaa gargaaraa hin qabnne dubarttoota abbootiin worraa isaanii irraa du'an gargaaruu ni dandeetti.

17Woldaya amanti'ii haalaan worra bulchan, gonkumaa lallabu'uu fi barsiisu'uun jaarsotii dadhaban kabaja'atu isaaniif mala,

18Mat 10:10; Luq 10:7.Kitaabnni Qulqulluun, «Qotiyyoo midhaan ayiidu afaan hin hidhin» Akkuma kana, «Hojjata'aaf mindaan ni malaan» jedha.

19Naminni lama yookiin sadihi yoo ragaa itti bayan malee jaarsa woldaya amanti'ii irratti dhiyaatu hin fudhatin.

20Kuunniin akka sodaataniif namoota cubbuu hojjatan maraa, ifatti itti baanadhu.

21Waan raawwattu maraanuu tokko ka bira'aatiin uduu wol hin caalichisin yookiin eennuuf'llee uduu hin dalin, gorssa kiyya kana mara akka raawwatuuf, Waaqaa fi Yesus Kristosiin maleyikkoota filataman duranatti'llee yaboo siin ni jedha.

22Harka kee irra kaayu'uun eennuun'llee muudu'uuf hin ariifatin, mataa kee qulqullinnaan eeggadhu malee, namoota kaanniin woliin cubbu'uun hin hirmmaatin.

23Waayee dhukubbisata garaa keetiitii fi waayee dhibee kee ka yeroo maraatiif daadhii woyinni'ii muraasa dhugi malee, ammaa achitti bishaan qofa hin dhugin.

24Cubbuun nama tokko tokkoo ifa waan ta'eef durssee murtii ni muldhisa, cubbuun namootaa kaanniinii garuu ka muldhatu tureet.

25Akkuma kana hujiin mishaan ifa, ka ifa hin ta'in'llee dhokatee hin hafu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help