Gara Worra Galaatiyaa 4 - Waadaa Haarawa

Ijoollee Waaqaa Waayee Ta'uu Keennaatiif

1Ammallee ka jedhu kanuma, dhaalaan daaima ta'ee yeroo argamutti yoma abbaa qabeenna maraa ta'e'llee, garbicha irraa woyiinuu adda hin jiru.

2Garuu yeroon abbaan isaa isaaf murteesseef haga gayutti, harka guddifttootaa fi soorttotaa jala jira.

3Akkuma kana nu'u waan hafuuraatiin akka daai'maa yeroo turretti naamusa biyya lafaa kanaaf bitamttoota taanee, garboota ni turre.

4Garuu barri murttaaye yeroo gayetti Waaqinni Ilma isaa nuuf ni erge, Inni dubarttii irraa ni dhalate, seeraaf'llee ajajamaa ni ta'e.

5Rom 8:15-17.Kana'llee wonitti raawwateef seera jala worra jiran fayyisu'uu fi nu'llee ijoollee Waaqaa akka taanu, nu taasisu'uuf.

6Ijoollee Waaqaa ta'uu keennaan'llee Waaqaan, «Abbaa» jedha'aa ka isa waamuun, Hafuura Ilma isaa gara onnee keennaa ni erge.

7Kanaaf ammaa achitti ilma malee ati garbichaa miti, ilma eega taate'llee ati dhaalaa Waaqaati.

Sarddama Phaawulos Namoota Galaatiya'aatiif Ni Qaba Ture

8Kanaan durana waayee Waaqa beekuu dhabuu keessaniitiin, amala isaaniitiin waaqota ka hin ta'iniif garbootaa taatanii ni bitamittan ture.

9Amma garuu Waaqa beekittanii jirttan, caala'atti ammoo Waaqinni isin beekee jira, eegasuu, gara isaan dadhabiddootaa fi bu'aa ka hin qabnne naamusa biyya lafaa san attamitti deebitan? Attamitti'llee deebitanii garboota isaa ta'uuf barbaaddan?

10Guyyootaa fi ji'oota adda addaatiin kutaawwan wogga'aa ka murttaayanii fi woggootaaf ufi eeggannaa taasisu'uun, ulfinna addaa ni kennitan.

11Isin jiddu'utti dadhabbiin huji'iin dadhabe marrinuu, tasa ta'ee hafa jedhee ni sodaadha.

12Yaa obboleeyyan! Ani akka keessan waan ta'eef isin'llee akka kiyya ta'aa jedhee isin ni kadhadha, isin womaayyuu ana hin miine.

13Yeroo jalqabaatiif dubbii gammachu'uu isinii lallabu'uuf carraa ka argadhe, dhibee irra yeroo turetti ta'uu isaa ni beekittan.

14Yoma dhukkubsanni kiyya qormmaata isinitti ta'e'llee isin ana hin tuffanne, yookiin ana hin balfine, gonkumaa maleyikkaa Waaqaa akka nama ufitti fudhatuu taatanii ufitti ana ni fudhattan, akkuma kana akka waan Yesus Kristosiin ufitti fudhattanii taasfttanii ufitti ana ni fudhattan.

15Gammachuun asiin durana qabddan marri eessa bade? Uduu dandda'amee ijuma keessanuu baafittanii naaf kennitan akka ture, ani mataan kiyyaa isiniif ragaa ni baya.

16Eegaa, amma dhugaa isinitti waan dubbadheef, diina keessan ta'ee arigamee ree?

17Namoonni kuunniin waayee keessaniif sarddamu'uun ni yaadan, haa ta'u malee kana ka raawwatan waan misha'aafii miti, fedhiin isaanii isin nu'u irraa akka fooyamittanii fi yeroo maraa isaaniif akka yaaddaniif.

18Kaayyoon mishaa yoo ta'e hisachuun yeroo maraa misha'a, garuu hisachuun keessan kun, yeroo ani isin woliin jiraadhu qofatti hin ta'in.

19Yaa ijoolle tiyya! Kristosii isin irratti bocamee haga muldhatutti, deebi'ee waayee keessaniif sarddama ciniinsu'uu irratti ni argama.

20Ka duraanii irraa haala adda ka ta'e akka muldhifttantti amma isin woliin ta'uu ni barbaadaayyu ture, garuu womaayyuu raawwachuu akka hin barbaachifnne beekuu dhabuu kiyyaan, dubbiin bitaa natti ta'ee sarddamee jira.

Fakkeennummaa Aggaariitii Fi Saara'aa

21Isin worri Seeraaf bitamittoota taatanii jiraachuu barbaadan mee natti himaa, waan Seerri jedhu hin dhageettan moo?

22Kitaabban qulqullaayomota keessatti, «Abrahaam ijoollee lama qaba ture, tokkochi ka dhalate dubarttii tajaajilttuu irraa yoo ta'u, ka bira'aa ka dhalate dubarttii bilisa taate irraa ture» jedhamee barreeffamee jira.

23Ilima garbbitti'ii ka dhalate akka aadaa foonayaa baratameetiin yoo ta'u, ka dubarttii bilisa taatee garuu, akkaataa bu'ura dubbii abddi'ii ka kennameetiin ture.

24Kun'llee fakkeenna ture, dubarttoonni lamaan tunniin fakkeenna waadaawwan lamaanii turan, Gaara Siina'aatii ka taate fakkeenni takkatiin Aggaariin turtte, isiin'llee ijoollee ka deettu garbumma'aaf ture.

25Aggaar biyya Arabaa titti ka arigamu Gaara Siina'aatiif fakkeenna ni turtte, kanaaf Yerusaalemii ammatti'iitiin wol ni fakkaatti, isiin'llee ijoollee isi'ii woliin garbrumma'atti ta arigamttu.

26Ol sami'ii ka taate Yerusaalem garuu isiin bilisa, isiin'llee haadha mara keennaati.

27«Ati ta ijoollee hin deenne dhabdduun, gammadi!

ati dayu'uuf miixxee ta hin beekinne, ilili jedhi,

dubarttii abbaa worraa qabddu irraa

dubarttiin abbaa worraa hin qabnne ijoollee baayi'ee ni qabddi» jedhamee barreeffamee jira.

28Yaa obboleeyyan, isin'llee akkuma Yishaaqii ijoollee dubbii abddi'iiti.

29Garuu ka yeroo sanitti fooniin dhalate ka hafuuraan dhalate akka hin ariineeniif, adha'llee akkuma kana.

30Garuu kitaabnni Qulqulluun ka jedhu maal'i? kitaabnni Qulqulluun, «Ilimi dubarttiin tajaajilttuun deette ilmi dubarttiin bilisa taate deetteen woliin waan hin dhaalleef, tajaajilttuu ilmi isi'ii woliin garas baasiin» jedha.

31Kanaaf yaa obboleeyyan, nu'u ijoollee dubarttii bilisa taateeti malee, ijoollee dubarttii tajaajilttu'uutii miti.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help