Gara Tiitoosii 1 - Waadaa Haarawa

1Tajaajilaa Waaqaatii fi barataa Yesus Kristosii ka ta'e, namoota Waaqinni isaan filate jabeessu'uu fi amanitii isaanii'llee guutumaa guutu'utti akka beekan isaan taasisu'uuf, ka muudame Phaawulosiin irraa ka ergame,

2Amantiin kun'llee abddii dubbii jireenna bara baraa irratti ka hunddaaye, Waaqinni hin sobinne jireenna kana kennu'uuf barootaan duranatti, waadaa nuuf ni aseene.

3Barichi yeroo gayetti'llee ajaja Fayyisaa keenna Waaqaatiin ani akka lallabuuf karaa yaboo natti kennameetiin, Waaqinni dubbii isaa ni muldhise.

4 (itti gaafatamaa woldaya amanti'ii) ka hujii Waaqaa yabo'oon ka fudhate waan ta'eef ka hin ashaminne ta'uu ni qaba, akkuma kana ka hin boonne, dadafaan ka hin dallanne, ka hin machoofnne, namaan wol dhabaa ka hin ta'in, qarshi'iif ka hin haafofnne ta'uu qaba.

8Kana irra keessummaa ka simatu, waan mishaa ta'e ka jaalatu, mataa isaa ka toowatu sirrii ka ta'e, tajaajila Waaqaatiif ka fooyame, ka hagatti jiraatu haa ta'u.

9Barsiisa dhuga'aa barsiisu'uuf, gorssu'uu fi worra Mormmitoota ta'aniif deebii kennu'uuf akka danda'u, akkaataa barateen dubbii amansiisa'aan haa jabaatu.

10Namoonni baayi'een, gonkumaa gara Yihudotaatii ka ta'an, seera gadoomaa worri horddofan, ka hin ajajaminne, tasaan ka wocanii fi ka nama sossoban'llee ni jiran.

11Namoota kanniin cadhisiisuun ni barbaachisa, isaan bu'aa saalfachiisu argachu'uuf waan hin malle barsiisa'aa, maatiiwwan maraa ni raasan.

12Isaan keessaa tokko ka ta'e nabiyyichi mataa isaanii, «Namoonni Qarxeesii yeroo maraa sobddoota, bineensota hamaa, ka hujii hin qabnne worra garaa jaalatu» jedhee jira.

13Ragummaan kun'llee dhuga'a, kanaaf amantii guutuu akka qabaattaniif, namoota kanniintti baanadhu.

14Mammaakissa Yihudotaa akka hin horddofinnee fi ajaja namoota dhuga'aan mormmanii akka hin horddofinneef, ciminnaan isaanitti baanadhu.

15Qulqullootaaf wonitti marrinuu Qulqullu'u, battiiwwanii fi namoota hin amanneef garuu qulqulluu ka ta'e womaayyuu hin jiru, gonkumaa sammuun isaanii ta'ee yaadinni isaanii'llee ka battaaye.

16«Waaqa ni beekinna» jedhan, hujii isaaniitiin garuu ni waakkataniin, isaan jibbisiiftotaa fi hujii mishaa raawwachu'uuf worra hin dandeenne.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help