1Kanaan duubatti akkana ka jedhu qooniqqa ol aanaa namoota baayi'ee fakkaatu, sami'itti ni dhagaye, «Hallee luyyaa! Fayyisu'uu fi ulfinni, huminniti'llee, ka Waaqa keennaati!
2Murtiin isaa dhuga'aa fi sirri'i, arddii sagaagaluttummaa isi'iitiin ta batteessite sagaagaltittii ol aanttuu murti'iin adabeenii jira, isii adabu'uun'llee dhiiginni tajaajilttoota isaa haloo bayee jira.»
3Deebi'ee'llee, «Haalleeluyaa! Aarri isii irraa ka'u'llee bara haga baraa titti, gara olii ni baya!» jedha'aa, ni iyyan.
4Jaarsotiin diddamii afuriitii fi bineensonni afurii'llee Waaqa teessoo isaa irra taa'ee jiruuf, kallacha isaaniitiin gonbbifamanii, «Ameen, haalleeluyaa!» jedha'aa, ni sagadan.
Afeerrii Cidha Hoolchichaa5Kanaan duubatti, «Tajaajilttoonni isaa sodaattan marrinuu maandhotaa fi hangafoonni'llee, Waaqa keenna galateeffadhaa!» qooniqqi jedhu, teessoo irraa ni baye.
6Qooniqqi namoota baayi'ee, qoonqqa bishaanii yaa'uu, qoonqqa bakakkaa cimittu'uu'llee qooniqqi fakkaatu akkana yoo jedhu ni dhagaye, «Haalle luyyaa!» Waaqinni keenna Gooftaa maraa dandda'u ni moo'a!
7«Ciin Hoolchaa waan gayee fi idaayyaan isaa'llee waan qophooftteef, koottaa haa gammadinuu! Gammachuu'llee haa raawwanuu! Isa haa kabajinuun'lle'e!
8Uffata calaqisu qulqulluu fi bareedaa ka ta'e akka uffattuuf ni kennameef, uffanni haphiin hujii Qulqullu'uu ka qulqullaayomaat.»
9 Mat 22:2, 3. Kanaan duubatti maleyikkichi, «Gara cidha Hoolchaa titti ka waamaman ka eebbifaman» jedhii barreessi naan jedhe, itti aanssee'llee, «Kun Dubbii Waaqaa ka dhuga'aati» jedhe.
10Ain'llee maleyikkichaaf sagadu'uuf miila isaa jalatti kallacha kiyyaan ni kufe, inni garuu, «Ati dhiisi kana hin raawwatin! Ani'llee si'ii fi obboleeyyan ragummaa Yesusii qabataniin woliin tajaajila'a, Waaqaaf Sagadi! Ragummaan Yesusii hafuura raagaati» naan jedhe.
Abbaa Fardaa Ka Fardda Addii Yaabbatee Jiru11Kanaan duubatti samiin banamttee ni arge, kunoo fardda adii ni arge, ka fardda yaabbate'llee amanama'aa fi dhugaalessa ka jedhamu, inni'llee qajeelatti ni murtteessa, ni woraana'lle'e,
12Ijji isaa arraba ibiddaa ni fakkaatan, mataa isaa irra'llee gonfatawwan baayi'een ni jiran, isa malee ka bira'aa eennu'llee ka hin beekinne isa irratti ka barreeffame maqa'atu jira ture,
13inni'llee uffata dhiigaan cuuphamee uffatee jira ture, maqaan isaa'llee, «Dubbii Waaqaa» ka jedhamu.
14Faradoo adaadii ka yaabbatan, qulqulluu ka ta'e uffata adii bareedaa ka uffatan, hoomaan sami'ii isa horddofaniiniiti jira,
15Mul 14:20.Ummattoota ka ittiin dhayu biloofnni qara qabeessi afaan isaatii ni baya, ulee sibiilaatiin'llee isaan ni bita, inni'llee maraa ka danda'u ibisa dheekkamissa Waaqa sodaachisa'aa ka ta'e, bakka cuunffaa woyinni'ii irra ni ijjata,
16Uffata isaatii fi gudeeda isaa irratti, «Nugusa nugusotaa, Gooftaa gooftotaa» maqaan jedhu, barreeffamee jira.
17Kanaan duubatti aduu irra ka dhaabate maleyikkaa tokko ni arge, inni'llee sinbirroota samii irra bararaniin akkana yoo jedhu qoonqqa ol aana'aan ni iyye, «Gara afeerrii ol aanaa Waaqaa kootaa! Wolitti qabamaa!
18Foon nugusotaa, foon ajajoota woraanaa, foon lolttuuwwan cicimo'oo, foon farado'ootii fi worra faradoo yaabbatee, foon goofttotaatii fi tajaajiltootaa, foon maandhotaatii fi hangafootaa, foon nama maraa koota'aatii nyaadhaa!»
19Akkuma kana bineenssichaa fi nugusonni arddi'ii, lolttoonni isaanii'llee, fardda adii ka yaabbatee fi hoomaa isaa ka lolaatiin wol woraanu'uuf, wolgayanii ni arge,
20Mul 13:1-18.garuu bineenssichi ni qabame, isa woliin'llee isa duranatti baasa baayi'ee ni taasisa ka ture nabiyyichi dharaa'llee ni qabame, inni malikanni bineenssichaa isaan irra ni jira worra turanii fi suuraa bineensichaatiif'llee ni sagadan ka turan, maalalee raawwata'aa isaan ni dogoggorssa ture, kunniin marrinuu gara ibidda garba ciisa'aa dinni'iin gubatuu titti, lubbuma isaanii woliin ni gataman.
21Worri hafan ammoo afaan ka fardda adii yaabbateetii billaya bayeetii ni ajjeefamaman, sinbirroonni marri'llee foon isaanii nyaachu'uun, ni quufan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.