Wongeela Maarqoos Seensa - Waadaa Haarawa

SeensaWongeelli Maarqoosii kun, «Jalqaba Gammachuu Dubbii Ilma Waaqaa, Yesus Kristositi» jedhamu'uun ka'a, wongeela kana keessatti Yesus nama huji'iitii fi aangoo ta'u'uun dhiyaatee jira, aangoon isaa'llee barsiisa isaatiin, jinniiwwan irratti huminna qabuu fi cubbuu namaatiif'llee dhiifama taasisuu isaatiin mulidhatee jira. Yesus «Namoota garbummaa cubbu'uu jalaa bilisa isaan baasu'uun lubbuu isaa qoricha taasisee kennu'uuf, Ilma Namaa ka dhufe» jechu'uun, mataan isaatuu dubbatee jira.Maarqoos seenaa Yesusii ka dhiyeesse, qajeela'aa fi karaa huminnaan guuttameen yoo ta'u, ka xiyyeeffate'llee dubbii Yesusiitii fi barsiisa isaa irratti uduu hin ta'in, hujiiwwan inni raawwate ka maalale'ee irratti ture. Waayee seenaa Yohaannisii cuupha'aa, waayee cuuphaa Yesusiitii fi qormmaatama isaa seensa gabaabaa eega kenneen duubatti, barreessaan waayee barsiisuu Yesusiitii fi waayee tajaajila fayyisu'uu, ni tarreessa. Yero'oon duubatti horddofittoonni Yesusii Yesusiin haaluma caalaa ta'ee isa beeka'aa haguma deemaniin, mormittoonni Yesusii'llee caala'atti isa jibba'aa ni deeman. Boqqonaawwan muumme'ee jireenna Yesusii ka toribbaan muumme'ee keessatti waayee gochoota raawwatamanii, keessummaanuu waayee fannifamuu isaatii fi waayee du'aa ka'iinssa isaa'llee ka aseenssan.Muummee wongeelichaa irratti'llee ammattuu keessatti ka muldhifamaan kutaawwan lamaan, garagalchoota tokko tokko qofa irratti ka argaman.Woliigala Qabiyyee KitaabchaaJalqaba wongeelichaa 1:1-13Yesus tajaajila Galiila'atti jala qabuu isaa 1:14—9:50Yerusaalemtti tajaajiluu isaa 10:1-52Yerusaalemii fi naannoo isi'ii titti torbaan muumme'ee 11:1—15:47Du'aa ka'iinssa Goofta'aa 16:1-8Gooftaan du'aa ka'e mulidhachuu isaatii fi gara samii ol deebi'uu isaa 16:9-20
Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help