1 Gara Worra Tasaloonqee 1 - Waadaa Haarawa

1 HuE 17:1. Worroota Waaqa Abba'aatii fi Gooftaa Yesus Kristosii ka ta'an amanttoota woldaya Tasolonqe'ee ta'an, Phaawulos, Siilaasii fi Ximotewosiin irraa ergaa ergame, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.

Jireennaa Namoota Tasaloonqe'eetii Fi Amantii Isaanii

2Nu'u yeroo maraa isin kadhannaa keennaan isin yaadata'aa, Waaqaaf galata ni dhiyeessina.

3Waaqa keennaa fi Abbaa keenna duranatti amantiin keessan ka hojjatu, jaalalaaf ka raawwattanii fi Gooftaa keenna Yesus Kristositiin abddii qabddan obissaan eeggachuu keessan, nu'u uduu addaan hin kutin ni yaadanna.

4Waaqaan ka jaalatamttan Yaa obboleeyyan, Waaqinni akka isin filate ni beekinna.

5Wongeela keenna ka isinitti himnne jecha qofaan uduu hin ta'in huminnaa fi Hafuura Qulqullu'uun, waayee wangeelaatiif'llee dhugaaleyyii ta'uun, isin woliin yeroo turretti'llee, isiniif jecha attamitti akka jiraanne ni beekittan.

6HuE 17:5-9.Rakkinni baayi'een isin irra yoma gaye'llee karaa Hafuura Qulqullu'uutiin gammachuu argameen dubbii isaa fudhattanii, fakkeenna keennaa fi Gooftaa Yesusii fudhattanii ka horddofittan taatanii jirttan.

7Kanaaf Maqedooniya'aa fi Akaayiya'aatti amanttoonni argaman maraaf, fakkeenna mishaa taatanii jirttan.

8Dubbiin Goofta'aa isin keessaa bayee ka dhagayame Maqedooniya'aa fi Akaayiyaa qofatti uduu hin ta'in, amantiin Waaqaan irratti qabddan bakka marattuu beekkamee jira ture, waayee kanaan nu'u waayee kanaan, womaayyuu dubbachuu nu'u hin barbaachisu.

9Gara keessan yeroo dhufinnetti attamitti akka ufitti nu fudhattan, Waaqa jiraata'aa fi dhugaalessa tajaajilu'uuf, waaqolee harkaan hojjataman irraa fooyamittanii gara Waaqaa attamitti akka deebitan, namoonni sunniin mataan isaaniituu ragaa ni bayan.

10Akkuma kana Waaqinni du'aa ka isa kaasseen, dheekkamissa dhufuu jalaa ka nu baasu, dhufaatii ilma isaa Yesusii ka sami'ii dhufuu attamitti akka eeggattan'llee ragaa ni bayan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help