2 Gara Ximotewoosii 2 - Waadaa Haarawa

Lolttuu Amanamaa Kristosii Ta'uun Rakkinna Fudhachuu

1Eegaa yaa ilma kiyya! Kennaa isaa ka bilisaa ka Yesus Kristosiin argamuun jabaadhu.

2Ragoota baayi'ee duranatti barsiisa ana irraa baratte kaanniin barsiisu'uuf, dandeettii worra qabanii fi namoota amanamaniif yaboo kenni.

3Ati'llee lolttuu Yesus Kristosii mishaa ta'u'uun anaan woliin rakkinna fudhadhu.

4Loltumma'aan naminni tajaajilu ajajaa isaa ka woraanaa gammachiisu'uuf qophaayaa ta'uu qaba malee, dhimma lolttummaa hin ta'in irra hin oolu.

5Akkuma kana naminni fiigichaan dorgomu akkaata seeratiin yoo dorgomuu dhabaate, kennaa gonfaan injifanno'oo hin argatu.

6Qotee bulaan huji'iin dadhabu firii hujii isaa irraa argamu, ka jalqabaa argachuu ni qaba.

7Gooftaan waan maraanuu hubannaa waan siif kennuuf, waan ani jedhu hubadhuutii yaadi.

8Ka du'aa ka'ee fi fiixaa Daawiitii ka ta'e Yesus Kristosiin yaadadhu, wongeelli ani lallabu'llee kana.

9Waayema wongeela kanaatiin'llee akka yakkamaa titti birbiraataan hidhamee rakkinna ni fudhadha, dubbiin Waaqaa garuu hin hidhamu.

10Kanaaf isaan'llee karaa Yesus Kristositiin fayyinniissa argamuu fi ulfinna bara baraa akka argataniif, namoota Waaqinni isaan filateef jecha waan maraa ni obissa.

11Jechi jedhu ka amaname,

«Isaan woliin yoo duune,

isa woliin ammoo lubbu'uun ni jiraanna.

12 Mat 10:33; Luq 12:9. Obissaan dhaabannee yoo argaminne,

isaan woliin ni moona yoo waakkanneen

inni'llee, ammoo nu ni waakkata.

13Nu'u amanamoota yoo ta'uu dhabaanne,

inni garuu mataa isaa waan hin waakkaneef, yeroo maraa amanamaa ta'ee in jiraata,»

Hojjataa Hisataa

14Waan kana isaan hubachiis, waayee jechootaatiin akka wol hin mormmineef'llee Gooftaa duranatti isaan ufi eeggachiis, mormmiin jechaa kun'llee namoota dhagayan ni balleessa malee, womaafuu hin fayyadu.

15Dubbii dhuga'aa qajeelatti akka gayuu fi hujii isaatiin'llee akka hojjataa hin saaliffachiifnne ta'ii, mataa kee Waaqa duranatti dhiyeessu'uu fi fudhatama'llee argachu'uuf, yaalii taasisi.

16Woca biyya lafaa ka tasa ta'ee irraa'llee fagaadhu, wocinni akkanaa kun namoota caala'atti Waaqa irraa akka fagaatan isaan ni taasisa,

17haasofnni isaanii akka madaa hin fayyinee keessa ni baldhisa, isaan keessaa'llee Himnewosii fi Filexoos ni argaman.

18Namoonni kunniin, «Du'aa ka'iinssi worra du'anii duraan ta'ee jira» jedha'aa mormmuu isaaniitiin dhugaa irraa fagaatanii jiran, amantiin namoota tokko tokkoo'llee ni raasan.

19Garuu, «Gooftaan worra ka isaa ta'an ni beeka» akkuma kana, «Ka maqaa Goofta'aa waamu marrinuu hamaa irraa haa fagaatu!» chaaphaan jedhu ka irraa jiru, ka hin sochoone hundeen Waaqaa jabaatee ni jiraata.

20Mana guddaa keessa woriqqi'ii fi meetaa irraa meeshaawwan hojjataman qofa uduu hin ta'in, mukaa fi faaraa irraa meeshaawwan hojjataman'llee ni argaman, isaan keessaa'llee tokko tokko tajaajila ulfinnaatiif, kuunniin'llee tajaajila ulfinna hin qabnneef ni oolan.

21Kanniin wonittoota ulfinna hin qabnne irraa fooyamee qulqulluu ta'ee naminni jiraatu, akka meeshaa tajaajila kabajameef ooluu ni ta'a, tajaajila mishaa kamiifuu ka qophaaye, Goofta'aaf ka qulqullaawome fayyadaa itti fayyadamaati.

22Hawwii hamaa dargaggumma'aa jalaa dheessi, onnee Qulqullu'uun namoota Gooftaa waamataniin woliin ta'iitii qulqullummaa, amantii, jaalalaa fi nagaya horddof.

23Wol dhabbii akka fidu beekittee wol mormmii gowumma'aatii fi woca tasaa irraa fagaadhu.

24Tajaajilaa Gooftaa Yesusii naminni ta'e mara biratti gara laafessa, ka danddeettii barsiisu'uu qabuu fi obissaa ta'uu qaba malee, wol dhabuu hin qabu.

25Inni namoota wol dhaban gara laafumma'aan ka sirreessu ta'uu qaba, yookiin dhugaa akka beekaniif Waaqinni carraa dhiifamaan gara isaa deebi'u'uu isaanii ni kenna ta'a.

26Bifa kanaan gara qalbbii isaanii deebi'anii fedhii sheexanni akka raawwatan, woshaadoo isaan qabe keessaa ni bayan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help