1 Gara Worra Qorontoosii 7 - Waadaa Haarawa

Waayee Fuudhaa Heerumaatiif Qajeelfama Kenname

1Waayee gaafii naa barreessitaniitiif,

Naminni dubarttii woliin wol qunnamittii uduu taasisuu dhabaatee misha'a.

2Garuu sagaagalummaa irraa fagaachu'uuf tokkoon tokkoon dhiiraa haadha worraa mataa isaa haa qabaatu, tokkoon tokkoon dubarttii'llee abbaa worraa ka mataa isi'ii haa qabaattu.

3Abbaan worraa haadha worraa isaatiif raawwachuu ka qabu mirga isi'ii ka fuudhaa heerumaa hin dhoogatiniin, akkuma kana haati worraa abbaa worraa isiitiif raawwachuu ka qabddu, mirga isaa ka fuudhaa hin dhoogatiniin.

4Haati worraa qaama isi'ii irraa mirga hin qabddu, qaama isi'ii irratti mirga ka qabu abbaa worraa isi'iiti. Akkuma kana abbaan worraa qaama isaa irratti mirga hin qabu, qaama isaa irratti mirga ka qabddu haadha worraa isaati.

5Kadhanna'aan jabaachu'uuf lamaan keessanuu woliigalttanii yeroo murttaayeetti yoo ta'e malee, gargar bayu'uun tokko ka bira'aa mirga isaa ka fuudhaa fi heerumaa hin dhoogatin. Sababa kanaan'llee mataa keessan toowachuu dadhabiddanii Sheexanni akka isin hin qoranneef, deebi'aatii woliin jiraadhaa.

6Kana garuu ka isiniin jedhu akka gorssaa titti malee, akka ajajaa tittii miti.

7Naminni marrinuu akka kiyya haadha worraa uduu hin fuudhin uduu jiraatee ni jaaladha ture, garuu tokkoo tokkoo isaaniitiif Waaqinni kennaa adda addaa kenneefii jira, tokkoof kennaa bifa tokkoo, ka bira'aatiif'llee kennaa bifa bira'aa ni qaba.

8Worra hin fuudhinii fi akkuma kana dubarttoota abbaan worraa isaanii irraa du'aniif'llee ka jedhu akkana, uduu hin heerumin akka kiyya ta'anii uduu jiraatanii misha'a.

9Garuu hawwii fooniitiin gubachuu irra fuudhuun waan ka woyyaa qabu, mataa isaanii toowachuu yoo dadhaban haa fuudhan.

10 Mat 5:32; 19:9; Mar 10:11, 12; Luq 16:18. Worra fuudhanii fi yookiin heerumaniif garuu ajajin ani kennu kana, ajajin kun'llee ka Goofta'aati malee kiyyaa miti, dubarttiin heerumtte abbaa worraa isi'ii biraa hin fooyamin,

11yoo fooyamitte garuu uduu hin heerumin adda isi'ii haa jiraattu, yookiin abbaa worraa isi'ii woliin haa araaramttu, akkuma kana abbaan worraa'llee haadha worraa isaa hin hiikin.

12Kaanniiniif garuu Gooftaa uduu hin ta'in ani mataan kiyya ka jedhu akkana, naminni kristaanaa tokko haadha worraa ta kristaana hin ta'in yoo qabaatee fi isa woliin jiraachu'uuf yoo barbaadde isii hin hiikin.

13Dubarttiin kristaanaa abbaa worraa ka kristaana hin ta'in yoo qabaattee fi isii woliin jiraachu'uuf yoo barbaade hin hiikin.

14Abbaan worraa ka kristaana hin ta'in sababaa haadha worraa isaa ta kristaana taateetiin nama Waaqaa ni ta'a, haati worraa ta kristaana hin ta'in'llee waayee abbaa worraa isi'ii ka kristaana ta'eetiin, nama Waaqaa ni taati, akkana ta'uu yoo dhabate ammoo, ijoolleen keessan ijoollee Waaqaa ta'uuf hin danda'an, bifa kanaan yoo jiraattan ijoolleen keessan namoota Waaqaati.

15Garri kristaana hin ta'in fooyamuu yoo barbaade haa fooyamu, yeroo kanatti garuu garri kristaana ta'e abbaa worraa ta'ee haadha worraa, dirqama bifa kamiitiinuu hin qabamu. Waaqinni ka nu waameef nagayaan akka jiraannuuf.

16Ati yaa dubarttiin kristaanaa, abbaa worraa kee ka kristaana hin ta'in yookiin yoo ka fayyifttuun taate maal beekitta? Ati'llee dhiirri kristaana taate, haadha worraa tee ta kristaana hin ta'in yoo ka fayyifttuun taate maal beekitta?

Bakka Waaqinni Yoo Waamu Turanitti Jabaachuun Akka Malu

17Tokkoon tokkoonuu kennaa Gooftaan isaa kennee fi haala yeroo Waaqinni isa waame keessa tureen haa jiraatu, qajeelchi woldaya amanttootaa maraaf kenne kana.

18Naminni kumi'llee eega gadoomeen duubatti ka waamame yoo ta'e akka waan hin gadoominii ta'uuf hin yaadin, uduu hin gadoomin ka waamame yoo ta'e'llee, gadoomuu hin barbaadin.

19Gadoomuu ta'ee fi gadoomuu dhabuun'llee gatii hin qabu, wonitti ijoon ajaja Waaqaa raawwachu'u.

20Kanaaf tokkoon tokkoon namaa haala yeroo Waaqinni isa itti waameetiin haa jiraatu.

21Yeroo Waaqinni si waametti garba turtte ree? Yoma taate'llee womaa miti, itti hin sarddamin, carraa bilisa bayu'uu yoo argatte garuu, carraan kun si harkaa hin bayin.

22Garbicha ta'ee uduu jiru Goofta'aan naminni waamame, Gooftaan bilisummaa argatee jira, akkuma kana bilisa ta'ee uduu jiru naminni waamame, garbicha Kristositi.

23Waaqinni gati'iin waan isin biteef garbootaa namaa hin ta'inaa.

24Kanaaf yaa obboleeyyan tokkoon tokkoon namaa haala yeroo waamame irra tureen, Waaqaan woliin achuma haa jiraatu.

Waayee Dubarttoota Hin Heerumniitii fi Abbootii Worraa Isaanii Irraa Du'aniitiif Gaafii Dhiyaate

25Waayee namoota hin fuudhiniitiif ajaja Gooftaa irraa fudhadhe hin qabu, garuu akkaataa dhiifama Goofta'aatiin ka amaniti'iin narratti kaayamu akka ta'uu kiyyaatiin, yaadinni mataa kiyyaa akkaataa itti aanee jiru kana,

26Yeroon amma keessa jirru yeroo rakkinnaa waan ta'eef uduu hin fuudhin adda ufii jiraachuun, mishaa natti fakkaata,

27Ta'u'llee haadha worraa fuutee yoo jiraatte hiiku'uuf hin barbaadin, haadha worraa hin fuune yoo ta'e ammoo, fuudhu'uuf hin barbaadin.

28Garuu ati haadha worraa yoo fuute cubbuu sitti ta'a jechu'uu miti, akkuma kana durbbi duudaan takka abbaa worraa titti yoo heerumtte, cubbuu isi'itti ta'a jechu'uu miti. Haa ta'u malee namoonni fuudhan biyya lafaa kanatti rakkinni jireenni baayi'een isaan ni qunnama, hawwiin kiyya'llee rakkinna kana jalaa akka baataniif.

29Yaa obboleeyyan! Ani ka isiniin jedhu akkana, barri gabaabatee jira, ammaa achitti naminni haadha worraa qabu, akka waan haadha worraa hin qabnnee ta'ee haa jiraatu. Worri haadha worraa qaban'llee akka waan hin qabnee ta'anii, haa jiraatan.

30Ka gaddan'llee akka waan hin gaddinee, ka gammadan'llee akka waan hin gammadinnee ta'anii haa jiraatan, meeshaa worri bitan akka worra meeshaa hin qabnnee taasisanii, haa laakkayan.

31Qabeenna biyya lafaa kanatti ka fayyadaman marrinuu, akka waan itti hin fayyadaminnee ta'anii haa jiraatan, haalli biyya lafaa ka ammaa kun dabrra'a.

32Kanaaf yaada kamiinuu uduu hin sarddamin akka jiraattaniif ni jaaladha, haadha worraa ka hin fuudhin Gooftaan waan ittiin gammadu waan barbaaduuf yaanni isaa ka xiyyeeffatu, hujii Gooftaa laalu irratti.

33Naminni haadha worraa fuudhe garuu ka yaadu waayee biyya lafa kanaatii fi waayee waan haadha worraa isaa ittiin gammachiisuuti.

34Haala kanaan yaanni bakka lamatti qoodamee jira jechu'u. Akkuma kana dubarttiin abbaa worraa titti hin heerumin yookiin durbbi duudaan, foon isi'iitii fi lubbuu isi'iitiin'llee ta Goofta'aaf Qulqullaayome qabddu ta'uuf waan barbaadduuf, yaanni isi'ii ka xiyyeeffatu hujii Gooftaa laalu irratti. Dubarttiin heerumtte garuu gammachiisuufka yaaddu, waayee biyya lafaati.

35Ani kana ka isiniin jedhu siibo'oo keessa aseenttanii akka rakkattaniif jedhee uduu hin ta'in, akka fayyadamittaniif jedheeti, hawwiin kiyya'llee isin haala barbaachisaa ta'een akka jiraattanii fi yaanni keessan uduu hin baashayin, onnee teessanitti Gooftaa akka tajaajilttaniif.

36Naminni tokko qaadhimaa isaa fuudhuu dhiisu'uuf eega murtteesseen duubatti, kana raawwachuun isaa intalatti'iif waan mishaa ka hin raawwatin ta'uun yoo itti dhagayame, kanaan duubatti'llee isii fuudhu'uuf fedhiin inni qabu cimaa yoo ta'ee fi wol fuudhuun isaanii'llee sirrii yoo isatti fakkaate, akkuma hawween yoo isii fuudhe cubbuu isaatti hin ta'u, kanaaf wol haa fuudhan.

37Garuu naminni tokko onnee isaa titti yoo cimee fi wonitti dirqisiisaan yoo ka itti hin jiraannee, fedha isaa toowachuu yoo danda'ee fi qaadhimaa isaa fuudhuu dhiisu'uuf yoo murtteesse, mishaa raawwate.

38Kanaaf haadha worraa ka fuudhu mishaa ni taasisa, ka hin fuune garuu waan fooyyayaa ni raawwata.

39Haati worraa abbaan worraa isi'ii lubbu'uun haga jirutti, seera fuudhaa heerumaatiin ta hidhamtte, abbaan worraa isi'ii eega du'e garuu, ka barbaaddetti heerumu'uuf isiin bilisa, ta'u'llee naminni isiin itti heerumttu kristaana ta'uu qaba.

40Iaalicha kiyyaan garuu abbaa worraa titti uduu hin heerumin adda isi'ii uduu taatee caala'atti gammaddee ni jiraatti, ani'llee Hafuurri Waaqaa kana naan jedhe natti fakkaata.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help