1Muldhanni kun yeroo dhiyoo keessatti waan ta'u tajaajilttoota isaa titti akka muldhisuuf ka Waaqinni Yesus Kristosiif kenne, Yesus Kristos'llee maleyikkaa isaa ergee tajaajilaa isaa Yohaannisiif, muldhata kana ni ibiseef.
2Yohaannis'llee waayee dubbii Waaqaatii fi waayee dhugaa Yesus Kristos barsiisee, akkuma kanaa waayee waan argee mara'llee ragaa ni baye.
3Kun marrinuu yeroon itti raawwatamu dhiyoo waan ta'eef, dubbii raagaa kana ka dubbisu ka eebbifame! Akkuma kana dubbii raagaa ka dhagayanii fi raagicha keessatti'llee waan barreeffame ka raawwatan, ka eebbifaman.
Woldayoota Amanti'ii Torban Asiya'aatiif Nagayaa Ergame4 ka fakkaatu qoonqqa ol aanaa akkana yoo jedhu ni dhagaye,
11«Waan laala'aa jirttu kana kitaabatti bareessiitii gara woldayoota amanti'ii torbanii, jechu'uun'llee gara Efesoonii, gara gara Semrnees gara Phergamoon, gara Tiyaaxiroonii, Saardeesii, gara Filaadelfiya'aatii fi gara Loodooqiyaa ergi.»
12Eennu akka natti dubbate beeku'uuf gara duuba kiyyaa ni garagale, yeroo garagaletti'llee baattuuwwan worqqi'ii torbban ni arge,
13baattuuwwan jiddu'uutti'llee Ilma Namaa ka fakkaatu ni arge, inni'llee haga miila isaa ka gayu uffata dheeraa ka uffate, laphee isaa titti'llee lapheen isaa'llee woraanittillee worqqi'iitiin ka hidhate ni ture.
14Mataan isaatii fi rifeenissi mataa isaa'llee suufa akka barada'aa fakkaatu adii ni ture, ijji isaa'llee akka arraba ibiddaa ni turan.
15Miilli isaa'llee akka sibiila diimaa mukukula ibidda keessatti diimatee ni fakkaatan ture, qooniqqi isaa'llee akka qoonqqa fincaayaa bishaan ol aana'aa ni ture.
16Harka isaa ka mirgaa titti urjjiiwwan torbaa qabatee jira ture, gara lamaaniinuu qara ka qabu biloofnni afaan isaatii ni baya ture, fuulli isaa guutuun ifiinssi isaa akka aduu ifuu ni ture.
17Mul 2:8; 22:13.Yeroo isa argetti'llee akka nama du'ee ta'ee miila isaa jalatti ni kufe, inni garuu harka isaa ka mirgaa narra kaayeeti akkana naan ni jedhe, «Hin sodaatin! Ka jalqabaatii fi ka muumme'ee'llee ana,
18Ani'llee jiraata'a! du'ee ture, garuu kunnoo, bara baraaf jiraata'a, du'aa fi siiooliin irratti'llee aangoo ni qaba.
19Eegaa ka argite, ka amma jiruu fi maa'ii ka dhufu'llee barreessi.
20Harka kiyya ka mirgaa titti ka argite urjjiiwwan torbanii fi dhossaan baattuuwwan worqqi'ii torbanii kana, urjjiiwwan torbban maleyikkoota woldaya amaniti'ii torbaniiti, baattuuwwan torban'llee, woldaya amanti'ii torbban.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.