Gara Worra Qolasaayisii 3 - Waadaa Haarawa

Jireenna Haarawa Kristosiin

1Eegaa Kristosiin woliin du'aa eega kaatan, bakka Kristos mirga Waaqaatiin ta'ee jiru ol samii, wonittoota jiran barbaadaa.

2Yeroo maraa ol samii waayee wonittoota jiranii yaadaa malee, waayee wonittoota arddii irra jiranii, hin yaadinaa.

3Isin du'aan haga waan fooyamu'uu titti biyya lafaa kana irraa fooyamttanii jirttan, lubbuun teessan'llee Kristosiin woliin Waaqa keessatti dhoffamee jira.

4Lubbuun keessan Kristosii yeroo muldhatutti, isin'llee isaan woliin ulfinnaan ni muldhattan.

Jireenna Moofa'aa Fi Haarawa

5Kanaaf isin keessatti ka argaman jireenna hawwiiwwan arddiilessaa maraa ajjeesaa, isaan'llee, «Sagaagala, battummaa, kajeellaa sagaagalaa, hawwii hamaa, Waaqa harkaan hojjatame waaqeffachuu kajeellaa ta'e.»

6Waayee waan kanaatiin namoota hin ajajaminne irratti, deekkamissi Waaqaa ni dhufa.

7Isin'llee mataa keessan asiin durana namoota hin ajajaminne jidduu yeroo jirttanitti, wonittoota kanniin raawwachu'uun ni jiraattan ture.

8Amma garuu dallansuu, aarii, dabaa fi maqaa balleessaa ufi irraa dhabamisiisaa, haasofnni nama saalfachiisu'llee afaan keessan hin bayin.

9Efs 4:22.Amala moofaa hujii isaa woliin mulqattanii waan gattaniiniif, ufii keessan soba wolitti hin dubbatinaa.

10Efs 4:24.Bifa ka isa uumeetiin beekkomisaan haareffama'aa ka deemu, amala haarawa uffadhaa.

11Haala kanaan Giriikichaa fi Yihudicha, ka gadoomee fi ka hin gadoomin, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ka baratee fi ka hin baratin, ka bilisummaa qabuu fi ka bilisummaa hin qabnne jidduu garaagarummaan hin jiru, Kristos mara, maraaniiyyu.

12 Efs 4:2. Egaa filatamittoota Waaqaatii fi Qulqulluuwwan, ka jaalatamittan'llee akka ta'uu keessan titti gara laafnna, arjjooma, mataa gad qabata, gara nyaatto'oo fi obissa'llee uffadhaa.

13Efs 4:32.Ufii keessanii wol danda'aa, isin keessaa tokko kaan irratti wonitti komate yoo jiraate dhiifama woliin taasisaa, akkuma Kristos dhiifama isinii taasisetti isin'llee dhiifama wolii taasisaa.

14Kana maraa oltti'llee waan maraa wolitti qabee hidhu'uun, tokkummaa muda maleessa ka argamisiisu, jaalala uffadhaa.

15Kutaawwan qaama tokkoo taatanii dhugamaanuu ka waamamittan nagaya kanaaf waan ta'eef, nageenni Kristosii onnee keessantti haa moo'u, ka galateeffattan'llee ta'aa.

16Efs 5:19, 20.Dubbiin Kristosii guutumma'aan onnee teessan keessa haa jiraatu, ogummaa maraan ufii keessan wol irraa baradhaa, mari'adhaa, faaru'uu fi galataan, qooniqqa hafuuraya'aan'llee, Waaqa onne'een galateeffata'aa faarssaa.

17Karaa Yesusiitiin Waaqa Abbaa galateeffata'aa jechaan ta'ee huji'iin waan raawwattan maraa maqaa Gooftaa Yesusiitiin raawwadhaa, isaan'llee Waaqa Abbaa galateeffadhaa.

Seera Jireenna Maatii Kristaanaa

18 Efs 5:22; 1Phex 3:1. Yaa haawotii worraa! Gooftaa biratti barbaachisaa waan ta'eef, abbootii worraa keessaniif ajajamaa.

19Efs 5:25; 1Phex 3:7.Isin yaa abbootii worraa! Haawotii worraa keessan jaaladhaa, gara jabeeyyii'llee isaanitti hin ta'inaa.

20 Efs 6:1. Yaa ijoolle! Kun waan Gooftaa gammachiisu waan ta'eef, waan maraanuu worra keessaniif ajajamaa.

21 Efs 6:4. Yaa maatii! Abddii akka hin kutanneef ijoollee keessan dallansu'uun akka aaran hin taasisinaa.

22 Efs 6:5-8. Seera garbrumma'aa titti ka jirttan! bulchitoota teessan ka arddi'iitiif waan maraanuu ajajamaa, ka ajajamittan'llee isaan waan isinii arganii fi nama waan gammachiifttaniif mulidhachu'uuf uduu hin ta'in, Gooftaa sodaachu'uu fi qajeelluma onne'eetiin haa ta'u.

23Waan raawwattan maraa namaaf uduu hin ta'in Gooftaa Yesusiif akka bifa raawwattanii titti, onnee keessan guutu'uun raawwadhaa.

24Kanaaf'llee Gooftaan qabiyyee sami'ii gatii taasisee akka isiniif kennu ni beekittan, Gooftaan tajaajilttan'llee Kristos.

25Efs 6:9.Waaqa bira daloon waan hin jirreef ka hamaa hojjatu'llee waayee hujii hamaa isaatiif, adabbii isaa ni fudhata.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help