Gara Worra Rooma'aa 14 - Waadaa Haarawa

Nama Irratti Murtteessu'uu Miti

1 Qol 2:16. Isin jiddu'utti amantii isaatiin nama dadhabaa ta'e ufitti fudhadha'aanii malee, yaada isaa irratti mormmii hin kaasinaa.

2Fakkeennaaf naminni tokko waanuma kamiinuu nyaachu'uuf amanitii dandeesisu ni qabaata, amantii isaatiin naminni hin jabaatin garuu kuduraa qofa ni nyaata.

3Kanaaf woma kamiinuu naminni nyaatu nama hin nyaanne hin ashiniin, ka hin nyaatu'llee nama nyaatu irratti hin murtteessin, isa'llee Waaqinni ufitti fudhateenii jiraatii.

4Eegaa, nama bira'aa tajaajilaa irratti ka murtteessitu, ati eennu? Inni yoo dhaabate yookiin yoo kufe'llee, dhimma Goofta'aati. Gonkumaa Waaqinni isa dhaabu'uuniif waan danda'uuf, jabaatee ni dhaabata.

5Akkuma kana guyyaan tokko guyyaa bira'aa caala'atti kabajama'a jedhee ka yaadu ni jiraata ta'a, ka bira'aa ammoo guyyoonni marrinuu wol qixa kabaja ni qaban malee, guyyoota jidduu garaa garummaan hin jiru jedhee ni yaada. Eegaa wonittoota kana fakkaataniin tokkoon tokkoon namaa, waan onne'een itti amane haa raawwatu.

6Guyyaa tokko guyyaa bira'aa irra caalisisee ka kabaju yoo jiraate, kana raawwachuun isaa, ulfinna Goofta'aatiif jedheeti, nyaata kamiinuu ka nyaatu ulfinna Goofta'aatiif jedhee ni nyaata, waayee nyaata nyaatuutiif'llee Waaqa ni galateeffata, nyaata kamiinuu ka hin nyaanne ulfinna Goofta'aatiif jedhee hin nyaatu, nyaachuu dhabuu isaatiin'llee Waaqa ni galateeffata.

7Nu keessaa tokkoon tokkoon jireenni isaa ta'ee duuti isaa'llee, ka mataa isaatii miti.

8Yoo jiraanne Goofta'aaf ni jiraanna, yoo duune'llee Goofta'aaf ni duuna, kanaaf yoo jiraanne'llee, yoo duune'llee ka Goofta'aati.

9Kanaaf Kristos du'ee du'aa ka ka'e, Gooftaa jiraattotaatii fi worra du'aanii'llee ta'u'uuf.

102Qor 5:10.Eegaa, ati obboleessa kee irratti maali'iif murtteesita ree? yookiin obboleessa kee maali'iif tuffattaan? marri keennaa teessoo Waaqaa ka murti'ii durana ni dhaabanna.

11Sababinni'llee,

«Ani jiraata'a jedha Waaqinni,

naminni marrinuu jilbba isaatiin ana duranatti ni jilibbiiffata,

arraba isaatiin'llee ani Waaqa ta'uu kiyya ragaa ni baya» jedhamee, barreeffamee jira.

12Kanaaf, tokkoon tokkoon keenna waayee hujii mataa keennaatiif Waaqaa duratti dhiyaannee, deebii ni kennina.

Namatti Gufuu Ta'uu Irraa Ufi Eeggachuu

13Kanaaf tokkoon keenna tokko irratti hin murtteessin, garuu naminni kami'llee karaa obboleessaa isaa irra gufannaa yookiin gufuu kaayuu dhabu'uuf, ufi haa eeggatu.

14Wonitti tokkoon batti'ii jedhee nama yaaduuf wonitti sun isatti battii itti ni ta'aan malee, wonitti kumiiyyuu mataa isaa titti battii akka hin ta'in, ani Gooftaa Yesusiin beekee ni mirkaneessa.

15Ati waayee nyaata nyaatuun obboleessa keetitti gufuu yoo taate jaalalaan ka jiraatuu miti, kanaaf nama Kristos isaa du'eef waayee nyaata nyaatuun, akka badu hin taasisin.

16Eegaa isin biratti waan mishaa ta'e, kuunniin akka ashaniin hin taasisinaa.

17Mootummaan Waaqaa qulqullaawoma Hafuura Qulqullu'uun argamu, nagayaa fi gammachu'uuti malee, waayee nyaataatii fi dhugaati'iitii miti.

18Haala kanaan Kristosiin naminni tajaajilu Waaqa ni gammachiisa, nama biratti'llee ka galateeffame.

19Kanaaf nageenni ka ittiin argamuu fi ufii keennaa waan ittiin ijaaramnnu, haa horddofinnu.

20Waayee nyaataatii diiguu hin qabnnu. Nyaanni marrinuu Qulqullu'u, garuu nama bira'aa nyaata gufachiisu dogoggora.

21Kanaaf obboleessa kee gufachiisuu dhabu'uuf foon nyaachuu dhabuu yookiin daadhii dhuguu dhabuu, yookiin woma kamiinuu waan nama gufachiisu, raawwachuu dhabuun misha'a.

22Eegaa amaatitti kee kun si'ii fi Waaqa jiddu'utti haa ta'u, dhuga'a jedhee waan itti amanu yoo raawwatu naminni sammuun isaa isa hin gilndifinne ka galateeffame.

23Shakka'aa naminni nyaatu garuu gochi isaa amantii irratti ka hundaaye waan hin ta'iniif, itti ni murtteeffama, amanti'iin wonitti hin raawwatamin marrinuu cubbu'u.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help