Mul'dhata Yohaannisii 4 - Waadaa Haarawa

Teessoo Waaqaatii fi Seera Kadhanna'aa Sami'ii

1Kanaan duubatti ni laale, kuunoo sami'itti balbala banametu jira ture,

Jalqaba dhagayee ka ture qooniqqi akka qoonqqa xurunbbaa laali'ii jiru akkana ni jedhe, «Koottuu garana bayi, ufidurana ta'uuf wonittoota qaban sitti ni mulidhisa»

2bakkumatti yaada Hafuuraa keessa ni aseene, kunoo sami'itti teessoon ni arge, teessoo irra'llee qaaminni tokko taa'ee ni jira ture.

3Teessoo irra taa'ee ka ture bifitti isaa, dooqa Yaasphisiitii fi Saardiyonii ni fakkaata ture, akkuma kana naannaya dooqa Sardiinoosii funyaan karaabaa ka fakkaatu dooqa Maaragidii ka fakkaatu funyaan karaabaa ni ture,

4akkuma kana naannaya teesso'oo'llee teessoowwan diddamii afurii ni jiran turan, teessoowwan irra'llee uffata adii ka uffatanii fi mataa isaanii irratti'llee gonfata worqqi'ii ka godhatan, jaarsotiin didamii afurii ta'anii jiran turan.

5Mul 1:4; 8:5; 11:19; 16:18.Teessoo irraa'llee qooniqqa bakakka'aatii fi hangaasu'uu'llee ni bayan turan, teessoo durana'llee ka bararan xomborraawwan torbaa ni jira turan, isaan'llee hafuurota torbban Waaqaati.

6Teessoo isaa durana qulqulluu ka ta'ee fi ka garbi ciisaan daawi'ite'ee ka calaqisu ni jira ture, jiddu'uu fi naannaya teesso'oo duraaf gara duubaatiin ija baayi'ee ka qaban bineensonni, afurii ni jiran turan.

7Bineenssi jalqabaa leencca ni fakkaata ture, lammaffaa qotiyyoo ni fakkaata ture, sadaffaan fuula namaa fuula fakkaatu ni qaba ture, arffafaan'llee risaa bararu ka fakkaatu ture.

8Bineensonni arffanuu tokkoon tokkoon isaanii koola jaha ni qaban turan, naannoo isaaniitii fi keessa isaanii titti'llee, ijoonni itti guutanii jiran, halkanii fi guyyaa,

«Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu,

Waaqa Gooftaa mara danda'u,

ka ture, ka jiruu fi ka dhufu'llee,

jechuu addaan hin kutan turan.»

9Bineensonni ka teessoo irra taa'ee fi baraa haga baraa titti ka jiraatuuf, ol aanttummaan, ulfinnaa fi galata yeroo dhiyeessan marattuu,

10jaarsotiin didamii afurii baraa haga bara baraa titti ka jiraatuun, teessoo isaa irra ka taa'e jiru duranatti kallacha isaaniitiin gonbbifamanii ni sagadan, gonfatawwan isaanii'llee teessoo isaa durana kaayanii, akkana ni jedhan.

11«Gooftaa keennaa fi yaa Waaqa keenna,

waan maraa waan uumitteef,

wonitti marrinuu ka uumamee fi

ka jiraatu (jireenna ka argate) fedha keetiin waan ta'eef,

ol aanttummaan, ulfinnii fi huminniti'llee si'iif ni male» ni jedhan turan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help