1Yesus barattoota kudha lamaan gara isaa waamee hafuurota battiiwwan akka baasaniif, dhukkubaa fi dhibee mara akka fayyisaniif aangoo isaanii ni kenne.
2Tarreen maqaa barattoota kudha lamaanii'llee akka itti aanee jiru, jalqaba Phexiros ka jedhame Simoonii fi obboleessi isaa Indriyaas, ijoolleen Zabdiyoosii Yaaqoobii fi Yohaannis,
3Filiiphoos, Bartolomewos, Toomaas, Maatewosii qaraxichi, ilma lilfiyoosii Yaaqoobii fi Taadeewos,
4Simoonii hinaaftticha Yesusiin dabarssee kennee fi, Yihudaa nama biyya Keriyoot.
Ergamittoonni Kudha Lamaan Akka Barsiisaniif Ergamuu Isaanii(Mar 6:7-13; Luq 9:1-6)5Yesus ergamittoota kudha lamaan kanniin ni erge, akkana'llee jedhee isaan ni ajaje, «Gara ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee hin dhaqinaa, gara magaalaa worra Saamraawotaa'llee hin aseeninaa,
6kana irraa gara worra akka hoolotaa badanii,, gara ummatoota Israa'eelii dhaqaa.
7Dhaqa'aatii'llee ‹Mootummaan Sami'ii dhiyaatee jirtti!› jedha'aa lallabaa.
8Dhukkubisattoota fayyisaa, worra du'an ni kaasa, waashayoota qulqulleessaa, jinniiwwan baasaa, waan bilisaan fudhattan bilisaan kennaa.
9Worqqii yookiin meeta yookiin sibiila diimaa, kiisii keessantti hin qabatinaa.
10 jedhanii yoo waaman maatii isaa garuu maqaa hammaa ta'een attam hin waaninneen!
Eennuun Sodaachuun Akka Malu(Luq 12:2-7)26 Mar 4:22; Luq 8:17. «Eegaa namoota hin sodaatinaa, wonitti haguuggame ifa bayuun isaa hin hafu, ka bade'llee beekkamuun isaa hin hafu.
27Kanaaf waan ani dukkanaan isinitti himu isin ifatti dubbadhaa, hasaassi'iin waan dhageettan'llee bakka ol fagaatu irra baya'aatii ifatti barsiisaa.
28Foon ajjeesuu irra dabrranii lubbuu ajeesu'uuf ka hin dandeenne namoota hin sodaatinaa, kana irra lubbu'uu fi foon'llee ibidda asaabaa titti balleessu'uuf ka danda'u, Waaqa sodaadhaa.
29Sinbirroonni shishiikoon lamaan saantibii shaniin ni gurguramanii mitii ree? Haa ta'u malee, Abbaan keessan ka sami'ii uduu hin eeyyamin, sinbirroota shiikkoonuu, arddii irratti kufttee hin hafittu.
30Keessan garuu, rifeenissi mataa keessaniituu ka laakkayame.
31Eegaa isin garuu sinbirroota shiikkota irra haalaan waan caalttaniif, gonkumaa hin sodaatinaa.»
Waayee Kirstosii Ragaa Bayuun Ka Malu Ta'uu Isaa(Luq 12:8-9)32«Nama duranatti ka ragaa naa bayu maraaf, ani'llee Abbaa kiyya ka samii jiru duranatti, ragaa ni bayaaf.
332Xim 2:12.Nama duranatti ka naa waakkatu mara garuu, ani'llee Abbaa kiyya ka sami'ii duranatti ni isa waakkadha.»
34Ani ka dhufeef nagaya arddii irratti fidu'uuf isinitti hin fakkaatin, ani woraana malee nagaya fidu'uuf hin dhufinne.
35Ani ka dhufe ilma dhiiraa abbaa isaa irratti, mucattii intalaa haadha isi'ii irratti, intala ilmaa soddaatii isi'ii irratti, diinumma'aan kaasu'uuf.
36Kanaafuu namaaf diinonni isaa, maatima mataa isaa ni ta'an.
37Ana irra abbaa isaa yookiin haadha isaa ka jaalatu, kiyya ta'uuf hin maluun, ana irra ilma isaa ka dhiiraa yookiin mucattii isaa ta intala ka jaalatu, kiyya ta'u'uun hin maluun.
38Mat 16:24; Mar 8:34; Luq 9:23.Fannoo mataa isaa baadhatee naminni ana hin horddofinne, kiyyaa ta'uun hin maluun.
39Mat 16:25; Mar 8:35; Luq 9:24; 17:33; Yoh 12:25.Lubbuu isaa fayyisu'uuf ka barbaadu marrinuu ni balleessaan, lubbuu isaa waayee kiyyaaf ka balleessuun marrinuu garuu, ni fayyisaan.
40 Yoh 13:20; Mar 9:37; Luq 9:48; 10:16. Ka isin ufitti fudhatu ana ufitti fudhata, ana'llee ka ufitti fudhatu Waaqa Abbaa ana erge ufitti fudhata.
41«Nabiyyii maqaa nabiyyi'iitiin ka ufitti fudhatu, gatii nabiyyumma'aa ni argata, nama qulqullaayomaan maqaa qulqullaayoma'aatiin ka ufitti fudhatu, gatii qulqullaayomaat ni argata.»
42«Dhugamaan isiniin jedha, barataa kiyya ta'uu isaatiin, worra maandhotaa kanniin keessaa tokkoo, bishaanuma qabbanaayaa kubbaayaa tokkootuu naminni kennu, gatii isaa hin dhabu.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.