1 dabalu'uuf ka danda'u eennu?
26Eega waanuma diqqittii kanaa raawwachu'uuf ka hin dandeenne yoo taatan, waayee maali'iitiif waan bira'aatiin sarddamittan ree?
27«Abaabonni raasa'aatuu attamitti akka guddatan mee laalaa, isaan huji'iin hin dadhaban, hin fooyan, haa ta'u malee Solomoonuu ulfinna isaa san maraan, isaan keessaa akkuma takkaa tittuu, uffata bareede hin uffanne.
28Eegaa, Waaqinni adha muldhatee boru gara ibiddaa keessatti ka gatamu, marga raasa'aa akkanatti bareechisee itti ka ufisu eega ta'e, isin worra amantiin isinitti dhidhate nana, isin ammoo hoo attamitti kana caalchisee isinitti hin uffifnne!»
29«Kanaaf, ‹maal nyaanna? Maal'llee dhuginna?› jettanii yaadu'uun, hin sarddaminaa.
30Kana argachu'uuf ammoo namoonni biyya lafa kanaa'llee ni sarddaman, isin garuu kun marrinuu akka isin barbaachisu Abbaan keessan ka sami'ii ni beeka.
31Kana irra Mootummaa Waaqaa barbaadaa, wonittoonni kunniin marrinuu isiniif ni dabalaman.»
Arddii Irratti Qabeenna Wolitti Qabuu Akka Hin Barbaachifnne(Mat 6:19-21)32«Isin akka gobbuu maandha'aa ka taatan worri kiyya hin sodaatinaa, Abbaan keessan ka sami'ii mootummaa isinii kennu'uuf jaalatee jira.
33Waan qabddan maraa gurgura'aatii qarshii hiyyeesotaaf kennaa, korojoo hin moofinne ka qarshi'ii'llee qopheeffattanii, qarshii keessan bakka hattuun bira gayuu hin dandeenne, bakka biliin'llee itti hin nyaannee fi gonkumaa bakka itti hin dhuminne, Mootummaa Sami'ii kaayaa.
34Qarshiin keessan bakka jirutti, onneen keessan'llee achuma ni ta'a.»
Tajaajilaa Hisataa35 Mat 25:1-13. Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Gabaaba'aan hidhadha'aatii yeroo maraa huji'iif qophaayaa, ibisaan keessan'llee ka ife haa ta'u.
36Mar 13:34-36.Akkaataa kanaan'llee gooftaan isaanii mana cidhaatii deebi'uu isaa tajaajilttoonni eeggataniin fakkaadhaa, isaan'llee gooftaan isaanii dimmaa dhufee balbala yeroo dhadhayutti, dadafaanii banu'uuf qophaayota.
37Isaan worri yoo gooftaan isaanii dimmaa dhufetti worri dammaqanii uduu isaan eeggatan, isaan arggatu tajaajilttoonni isaan attami ka galateeffataman? Dhugamaan isiniin jedha, inni gabaabnnaan hidhatee nyaataaf isaan ni teesisa, dhiyaatee'llee isaan ni tajaajila.
38Gooftaan isaanii halkan qixxe'een, yookiin halkan qixxe'een duuba yeroo dhufetti, dammaqaniitii fi hisatanii uduu isa eegan, tajaajiltoonni inni isaan argatu ka eebbifaman?
39Mat 24:43, 44.Akkuma kanaan'llee kana beekaa, naminni tokko saa'aatii hattuun itti dhufu uduu beekeetii, hattuun mana isaa qotee akka aseenuuf hin dhiisuun ture.
40Ilmi Namaa'llee saa'aatii isin hin yaadatnitti dimmaa ni dhufa, kanaaf isin'llee qophaaya'aatii isa eegaa.»
Fakkeenna Tajaajilaa Hama'aatii Fi Tajaajilaa Misha'aa(Mat 24:45-51)41Phexiros'llee, «Yaa Gooftaa! Fakkeenna kana ka dubbattuuf nu'u qofaafii moo? yookiin marumaaf?» jechu'uun, Yesusiin ni gaafateen.
42Gooftaan Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebise, «Eegaa, maatii isaa akka ta'utti isaan haa bulichu'uu fi tajaajiltoota isaatiif'llee nyaata isaanii yeroo ramadametti akka isaanii kennuuf, tajaajilaa gooftaan isa muudeen amanama'aa fi qaruuteen eennu?
43Gooftaan isaa bakka dhaqee yeroo deebi'utti akkuma ajajame uduu raawwatu tajaajilaan inni argatu, attami ka eebbifame!
44Dhugamaan isiniin jedha, tajaajilaa san itti gaafatamaa qabeenna maraa taasisee, ni muudaan.
45Garuu tajaajilaan sun, ‹gooftaan kiyya dadafee hin dhufu ni tura› jedhee yaadu'uun, nyaata'aa, dhuga'aa, machaaya'aa'llee tajaajilttoota dhiiraa fi dubarttootaa dhaanuu jala ni qaba.
46Haa ta'u malee gooftaan isaa guyya'aa fi saa'aatii itti hin eegaminitti dimmaa ni dhufa, tajaajilaa san'llee ciminnaan ni adabaan, carraa isaa'llee sobddootaan woliin akka ta'u ni taasisa.»
47«Fedhii Gooftaa isaa beeka'aa ka hin qophaayin yookiin ajaja Gooftaa tajaajilaan isaa ka hin raawwatin, ciminnaan ni adabama.
48Garuu fedhii Gooftaa isaa beekuu dhabu'uun, waan adabsiisu raawwatee yoo argame, adabbiin ni salphataaf, nama baayi'een kennameef irraa baayi'een isa irraa ni barbaadama, yaboon baayi'een nama itti kenname irraa'llee, wonitti baayi'een ni eegama.»
Waan Maraa Dhiisanii Yesusiin Horddofuu(Mat 10:34-36)49Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Kunoo! Ani arddii irratti ibidda fidee jira, eegaa dafee yoo naaf bobayee attamitti jaaladha ture!
50Mar 10:38.Garuu ani ka cuuphamu cuuphama sarddamaa ni qaba, inni'llee haga raawwatamutti boqannaa hin qabu.
51Ani arddii irratti nagaya waan fide isinitti fakkaata moo? Ani ammoo ka fide addaan fooyaman malee, nagayaa miti isiniin jedha.
52Amma irraa jala qabee maatii tokko keessa ka jiran namoonni shanii adda ni fooyaman, sadiin lamaan irratti, lamaan'llee sadiin irratti ka'anii wol ni dhaban.
53Abbaan ilma isaa irratti, ilmi'llee abbaa isaa irratti, haati mucattii isi'ii ta intala irratti, mucattiin intaltti'llee haadha isi'ii irratti, sodaatiin intala ilmaa isi'ii irratti, intaltti ilmaa'llee soddaatii isi'ii irratti ka'uun, adda ni fooyaman.»
Haala Yeroo Waayee Beeku'uu(Mat 16:2-3)54Akkuma kana Yesus ummataan akkana ni jedhe, «Duummessa gara dhiyaatiin yoo argitan bakkumatti, ‹kunoo, adha roobu'uuf!› ni jettan, dhugamaanuu ni rooba.
55Akkuma kana bubbeen gara kibbaatiin yeroo bubbisutti, ‹adha oo'a ni ta'a› ni jettan, dhugamaanuu ni ta'a.
56Isin fakkeessitoota nana, bifa arddi'iitii fi sami'ii laalu'uun waan ta'u ni beekitan, eegaa bara ammaa kanatti waan ta'u maali'iif hin beekinnee?»
Mormmataa Woliin Waayee Wolii Galu'uu(Mat 5:25-26)57Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Eegaa waayee maali'iitiif isin mataan keessanuu, waan sirrii ta'e beekitanii hin murteessine?
58Mormmataan kee si himatee gara mana murti'ii yeroo si fidutti uduma karaa irra jirtu, mormmataa keetiin woliigalu'uuf tataafadhu, yoo kana ta'uu dhabaate garuu gara abbaa seeraa harkisee si ni fudhata, abbaan seeraa'llee ka hidhuuf dabarssee si ni kenna, ka hidhu'llee gara mana hidha'aa si ni aseensisa.
59Adabbii kee mara'llee xumurttee uduu hin kafalin, mana hidha'aatii bayuu akka hin dandeenne'llee, sitti ni hima.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.