2 Gara Ximotewoosii Seensa - Waadaa Haarawa
SeensaErgaan Phaawulos Ximotewoesiif barreesse ka lammaffaa kun, Phaawulos gargaaraa isaa ka dhiyo'ootii fi waahela hujii isaa ka ta'e dargaggeessa Ximotewos jedhamuuf gorssa keenne ka qabate, caala'atti'llee ka gorsseen jabaatee akka dhaabatuuf, Ximotewos dubbii gorssaa ka argate waayee Yesus Kristosii amanamumma'aan akka ragaa bayuuf, dubbii Gammachu'uutii fi barsiisa waadaa duraanii cimssee akka qabatuu fi yoma rakkinnii fi mormmiin itti baayi'ate'llee, hujii isaa ka barsiisu'uutii fi ka lallabdumma'aatiin, akka jabaatee dhaabatuuf ture.Ximotewos keessummaanuu ufi eeggannaan ka kennameef, gowummaan ka raawwatamu wolitti woca tasaa irraa akka fagaatuuf ture, wonitti akkanaa kun worra dhageeffatan balleessu'uun alatti, ka bira'aa faayiddaan inni fayyadu hin jiru.Kana maraanuu Ximotewos yaadachuu ni qaba ka ture, jireenni Phaawulosiitii fi kaayyoon jireennaa, keessummaanuu amantii isaa, obissa isaa, jaalala isaa, jajabaachu'uu fi rakkinna ari'atamaan isa irra gaye, fakkeennumma'aan akka isa horddofuuf.Woliigala Qabiyyee KitaabchaaSeensa 1:1-2Gorssa Ximotewosiif kenname 1:3—2:13Yeroo waakki'ii titti amanamaa ta'anii argamuu 2:14—4:5Waayee haalota yero'otti turaniitii fi qajeelfamoota barbaachisa'aa 4:6-18Woliigala 4:19-22