1 Gara Ximotewoosii 4 - Waadaa Haarawa

Barsiisota Sobddoota

1Hafuurri Qulqulluun garuu ifatti akkana ni jedha, «Bara maai'ii titti namoonni tokko tokko hafuurota dogoggorssa'aa fi barsiisa jinni'ii horddofu'uun, amantii isaanii ni waakkatan.»

2Barsiifnni akkanaa kun ka burqqu ufi tuulumma'aan, dhara yoo dubbatan akka waan sibiila oo'ee diimateen haga waan gubamee ta'ee sammuun isaanii ka haddoodde namoota isaa hin gilndifinne irraayyi.

3Namoonni akkanaa jiran kunniin fuudha ni dhoogan, ka amananii fi namoonni dhugaa beekan'llee isa galateeffata'aa akka soorataniif nyaata Waaqinni isaaniif uume, «Hin nyaatnaa» jedha'aa ni dhoogan.

4Garuu ammoo wonitti Waaqinni uume marrinuu misha'a, galataan yoo fudhatan wonitti gatan woyiituu hin jiru.

5Dubbii Waaqaatii fi kadhanna'aan ka qulqullaawome ni ta'a.

Kristosiin Tajaajilaa Mishaa Waayee Ta'u'uu

6Barsiisa kana amantoota uduu hubachiifttee, dubbii amanti'iitii fi barsiisa mishaa horddofttu soorata'aa ka guddatte, tajaajilaa Yesus Kristosii mishaa ni taata.

7Waaqa waaqeffachuun ka keessa hin jirre, seenaa mammaaka biyya lafaa irraa fagaadhu, Waaqa'llee waaqeffachuu mataa kee shaakalsiis.

8Barsiisa jabeenna qaamaatiin ufi shaakalsiisuun faayiddaan isaa muraasa, Waaqa waaqeffachuu ufi shaakalsiisuun garuu jireenna amaatiif fi ka dhufuuf'llee abddii waan qabuuf, waan maraafuu ni fayyada.

9Jechi kun'llee naminni marrinuu ka fudhachuu qabu, waan dhugaalessa.

10Nu'u namoota maraa keessummaanuu worra amanan maraa ka fayyisuun, Waaqa jiraata'aan abddii ka taasfannu waan ta'eef huji'iin ni dadhabinna, ni woldhaana.

11Wonittoota kanniin ajaji, barsiis'llee,

12Dargaggeessa ta'uu keetiin eennu'llee si'i hin tuffatin, kana irra haasaya keetiin, jireennaan, jaalalaan, amanti'ii fi qulqullinnaan, amanttootaaf fakkeenna mishaa ta'i.

13Haga ani dhufutti kitaabban Qulqulluu ummataaf dubbisu'uun, lallabu'uu fi barsiisu'uun hisadhu.

14Wonitti Waaqinni hime yeroo siif dubbatametti jaarsonni woldaya amanti'ii'llee harka isaanii yeroo si irra kaayanitti, ka siif kenname ka si keessa jiru kennaa hafuurayaa hin dagatin.

15Fooyyayuu kee namoonni marrinuu akka arganiif, wonittoota kanniiniin hisadhu, wonittoota kanniin'llee hujii irra oolichu'uun, gara qabddu maraa isaaf kenni.

16Mataa keetii fi hujii barsiisummaa keetiitiif'llee ufi eeggadu, wonittoota kanniiniin jabaadhu, kana raawwachu'uun'llee, mataa keetii fi worra si dhageeffatan ni fayyiftta.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help