1Yaa obboleeyyan! Abbootiin keenna duumessi isaanii ol ta'ee isaan ni eemara akka turee fi marrinuu garba ciisaa diimaa akka ce'an, isin yaadachiisuu ni jaaladha.
2Hirmmaatota Muse'ee ta'uuf'llee, duumessa kanaa fi garba ciisaa kanatti cuuphaman.
3Marrinuu nyaata hafuura bifa tokkoo ni nyaatan.
4Marrinuu dhugaatii hafuuraa ka bifa tokkoo ni dhugan, ka dhugan'llee isaan horddofa ka ture siidaa hafuuraa san irraa ka burqqee ture, siidaan dhaga'aa sun'llee mataa isaatuu Kristosiin ture.
5Kana'llee ta'ee Waaqinni baayi'eewwan isaanii titti hin gammanne, kanaaf reeffi isaanii gammooji'itti kufee hafe.
6Isaan waan hamaa akkuma hawwan nu'llee waan hamaa akka hin hawwineef, kun marrinuu nuuf fakkeenna ufi eeggana'aa ni ta'a,
7«Namoonni nyaachu'uu fi dhugu'uuf taa'an, hagaa olitti fandalalu'uuf ni ka'an» jedhamee waayee isaanii akkuma barreeffametti, isaan Waaqa harkaan hojjatame akka waaqeffatan isin'llee, akka isaanii Waaqa harkaan hojjatame hin waaqeffatinaa.
8Isaan keessa tokko tokko cubbuu sagaagalumma'aa akka hojjatan nu'llee cubbuu sagaagalumma'aa hojjachuu hin qabnnu, kana raawwachuu isaaniitiin isaan keessaa namoonni kuma diddamii sadihii, guyyaa tokkoon du'anii jiran.
9Isaan keessaa'llee tokko tokko akkuma Gooftaa qormmaataniin fi bofaan iddamanii akkuma du'an, nu'llee Gooftaa akka hin qormaanneen.
10Isaan keessaa tokko tokkoon isaanii akka guungumanii fi maleeyikkaa ajjeesuun akka badan, isin'llee hin guunguminaa.
11Wonitti kun marrinuu ka isaan irra gaye nu'uuf fakkeenna ufi eegganna'aa akka ta'uuf, ka barreeffame'llee muummee barnnootaa irratti ka argaminnu, nu'uuf barnnoota akka ta'uuf.
12Kanaaf naminni waan dhaabate itti fakkaate akka hin kufnne, ufi haa eegu.
13Qormmaata nama irra gayuun alatti, qormmaanni bira'aa isin irra hin geenne. Waaqinni amanama'a, qormmaanni huminna keessanii ol ta'e akka isin irra gayu hin eeyyamu, yeroo itti qormaatamttantti'llee huminna ittiin obissitan isinii kennu'uun, karaa qormaataa keessaa ittiin baatan isiniif ni qopheessa.
14Eegaa yaa obboleeyyan! waaqolee harkaan hojjataman waaqeffachuu irraa fagaadhaa.
15Kana'llee ka isiniin jedhu hubattoota ta'uu keessaniin, kanaaf waan ani dubbadhu, isin mataan keessanuu murtteessaa.
16Mat 26:26-28; Mar 14:22-24; Luq 22:19, 20.Nu'u Waaqa galateeffannee duloon eebbaa ka addaan qoodaminnu, dhiiga Kristosii woliin tokkummaa ka qabuu mitii ree? Hibsittiin addaan kutanu'llee foon Kristosii woliin ka tokkummaa qabuu mitii ree?
17Nyaanni qulqullaayan hibisttiin tokko ta'uu isaatiin nu'llee nyaatuma tokko kana irraa ka qoodaminnu waan taaneef, yoma baay'eewwan taane'llee, qaama tokko.
18Mee waan ummanni Israa'eelii raawwate laalaa, ciinccaa dhiyaate'llee worri nyaatan, furdaan woliin tokkummaa hin qaban turanii ree?
19Eegaa kana yoo jedhu foon Waaqa harkaan hojjatameef qalame waan fayyadu jechuu kiyyaa ree? Yookiin Waaqinni harkaan hojjatame waan fayyadu jechuu kiyyaa ree?
20Miti! Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ciinccaa ka dhiyeessan Waaqaaf uduu hin ta'in, jinniiwwaniif, kanaaf isin jinniiwwan woliin tokkummaa akka qabaattan hin barbaadu,
21Duloo Goofta'aa dhuga'aa akkuma kana ammoo duloo jinniiwwanii dhugu'uuf hin dandeettan, nyaata Goofta'aa qoodamtoota taatanii, ammoo qoodamtoota nyaata jinniiwwanii ta'uuf hin dandeettan,
22Eegaa kana raawwannu kanaan Gooftaa haa hinaaffsinnuu ree? Nu'u isaa caalaa ni jabaanna ree?
23 1Qor 6:12. Wonitti marrinuu eeyyamamee jira, garuu wonitti marri fayyada'aa miti, wonitti marrinuu eeyyamamee jira, wonitti marri garuu ka nama ijaaruu miti.
24Tokkoon tokkoon namaa faayiidaa kaanniniitiif'llee haa yaadu malee, faayidaa mataa isaa qofaa hin barbaadin.
25Shakkii sammuu keessan keessaa ka'u dhabamisiifttanii, foon gaba'atti gurguramu kamiinuu uduu hin shakkin nyaadhaa.
26«Ariddi'ii fi isii keessa ka jiru marri'llee, ka Goofta'aati.»
27Naminni kristaana hin ta'in yoo isin afeeree fi afeerrii isaa'llee yoo fudhattan nyaata isiniif dhiyaatu kamiinuu, shakkii sammuu keessan irraa ka'u dhabamisiifttanii, uduu hin shakkin nyaadhaa.
28Garuu naminni tokko «Foon kun ka Waaqa harkaan hojjtaameef qalame» yoo isiniin jedhe, waayee nama kana isinitti himeetii fi waayee sammuu isaatiif'llee, foon san hin nyaatnaa.
29Sammuu yoo isiniin jedhu'llee sammuu namichaa jedhuu kiyya malee, sammuu keessan jechuu kiyyaa miti.
Eegaa, sababa sammuu nama bira'aatiif, bilisummaa kiyya irratti ka murtteeffamu maali'iif?
30Ani Waaqa galateeffata'aa yoo nyaadhe waan Waaqa galateeffadhu'uutiin maali'iif gilndifama?
31Eegaa yoo nyaattan ta'ee yoo dhugiddan yookiin woma kamiiyyuu yoo raawwattan, waan maraayyuu ulfinna Waaqaatiif raawwadhaa.
32Yihudicha'llee yoo ta'e, Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne'llee yoo ta'e, woldaya Waaqaa'llee yoo ta'e, eennuun'llee hin gufachiisnaa.
33Ani marrinuu akka fayyaniif faayiddaa kaaniiniitiif malee, faayiddaa mataa kiyyaa uduu hin barbaadin, waan naminni marrinuu raawwatu maraanuu akka gammachiisutti, isin'llee akkuma kana raawwadhaa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.