Gara Tiitoosii Seensa - Waadaa Haarawa

SeensaTiitoos Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee keessa gara kirstaanumma'aa ka deebi'e yoo ta'u, Phaawulosiin ergamitummaa hujii wongeelaatiin dhiyeennatti ka gargaaru waahela isaa ni ture, Phaawulos ergaa kana ka barreesse umri'ii isaatiin gad aanaa ka ta'e waaheluma hujii isaa kana Tiitoosiif yoo ta'u, Tiitoos'llee yeroo sanitti hujii woldayaa amanti'ii toowachu'uuf Qarxeestti ni argamaayyu ture. Ergaan kun'llee ka xiyyeefatu wonittoota ijoo sadiin irratti,Tokkoffaan, durssitoota woldaya amanti'ii keessummaanuu hujii haalli gocha hama'aa akkaataa namoota Qarxeesiin yoo laalamu, haala gocha huji'ii qabaachuun akka malu, Tiitoos yaadachiisa ni kennaaf, lammaffaa, woldaya amanti'ii keessatti ka argaman gareewwan adda addaa jechuun worra dhiiraa ka umri'iin ufi durana deemanii fi dubarttoota, akkuma kana dargaggoonni dhiiraatii fi tajaajiltoota attamitti barsiisuu akka qabu, Tiitoosiin ni gorssaan, muummee irratti'llee waayee haala gocha hujii kristaanumma'aa keessummaanuu, nagayaa fi obbolumma'aan waayee jiraachu'uu, akkuma kana woldaya amanti'ii keessaa wol jibbiinssa, mormmi'ii fi gargar bayiinssa waayee dhabamisiisu'uu, Tiitoosii gorssaa fi qajeelfama ni kennaaf.Woliigala Qabiyyee KitaabchaaSeensa 1:1-4Dursitoota woldaya amanti'ii 1:5-16Garee adda addaa ka woldaya amanti'ii 2:1-15Gorssaa fi ufi eeggachiisa 3:1-11Woliigala 3:12-15
Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help