2 Gara Worra Qorontoosii 11 - Waadaa Haarawa

Phaawulosii fi Ergamittoota Dharttoota

1Gowummaa kiyya muraasa akka naaf obissitan abddii ni taasisa, yabo'oo naa obissaa.

2Akka durbba duudaa qulqullittiin takka durbummaa isi'iitiin abbaa worra tokkoof qaadhimamittuu titti, ani'llee isin Kirstosiif waan isin qaadhimeef, waayee keessaniif hinaaffaa hafuuraa ni hinaafa.

3Bofinni Hewaanin dabaan akkuma isii dogoggorssiiseen yookiin yaadinni keessan'llee badee, Kristosiif ka qabddan yaadinni qajeelaan, qulqulluu fi amanammummaa ni dhiifittan jedhee sodaadha.

4Naminni tokko gara keessan dhufee nu'u ka lallabnne uduu hin ta'in Yesusii bira'aa isiniif yoo lallabe, yookiin hafuura isin ufitti fudhattan uduu hin ta'in hafuura bira'aa yoo fudhattan, yookiin wongeela ufitti fudhattan uduu hin ta'in wongeela bira'aa yoo fudhattan, caldhifttaniituma injifatamtan jechu'u.

5Garuu ani ergamittoota ol aanota ta'an kanniin womaanuu ka hanqadhu natti hin fakkaatu.

6Toofittaa haasayaatiin nama barate ta'uu yoma dhabaadhe'llee, beekkomissi natti hin dhidhatu, kana'llee yeroo baayi'ee karaa baayi'een, ifatti hubachiisee jira.

7Ani wongeela Waaqaa mindaa malee isiniif lallabuu kiyyaa fi isin ol qabu'uun mataa kiyya salphisuun kiyya, yookiin akka cubbu'uu titti natti lakkayamee jiraatinnaa ree?

8Isin tajaajilu'uuf woldayoota kristaanaa kaanniin irraa gargaarssa fudhuu kiyyaan, isaan saamee jira.

9Flp 4:15-18.Isin woliin yoo jirutti rakkoon yeroo narra gayetti obboleeyyan Maqedooniya'aa dhufan, waan ana barbaachisu maraanuu ana gargaaran waan tureef eennuun irratti'llee ba'aa hin taane, haga ammaa isin irratti womaanuu ba'aa hin taane, ufi duranaaf'llee ba'aa isinitti hin ta'u.

10Dhugaan Kristosii ana keessa jiraachuu isaatiin akka hin dhaadanne ka ana taasisu, biyyoota Akaayiyaa titti eennu'llee hin jiru.

11Waayeen'llee maali'i? Waan isin hin jaalanneef moo? Akka isin jaaladhu ammoo Waaqinni ni beeka.

12Ergamoota bira'aa sunniin, «Nu'llee akka isaanii titti ni hojjanna» jedha'aa, dhimma ittiin dhaadatan isaan dhabsiisu'uuf amma, waan raawwadhu ufi durana'llee ammoo ni raawwadha.

13Namoonni akkana jiran kunniin ergamittoota Kristosii fakkaachu'uuf mataa isaanii ka jijjiiranii fi ergamittoota dharaatii fi hojjatoota nama goowwoomisan.

14Kun'llee waan nama dinqisiisuu miti, Sheexanninuu maleyikkaa ifaa fakkaachu'uuf, mataa isaa ni jijjiira.

15Kanaaf kunniin tajaajiltoonni sheexanaa tajaajilttoota qulqullumma'aa fakkachu'uuf, mataa isaanii yoo jijjiiran hin maalalchiisu, dinqisiisu, muummee irratti gatii hujii isaanii ni argatan.

Phaawulos Sababa Ergamittummaa Isaatiin Rakkinna Isa Irra Gaye

16Naminni kum'llee waan ani gowwaa ta'e isatti hin fakkaatin jedhee irra deebi'ee ni dubbadha. Gowwaa yoma isinitti fakkaadhe'llee muraasa akka dhaadadhuuf, akka gowwa'aa taasisa'aatii ana laakkayaa.

17Akkuma kana ufi dhaadu'uun yoo dubbadhu ka dubbadhu akka fedhii Goofta'aa uduu hin ta'in, akka gowwa'aa ta'eeti.

18Baayi'eewwan yaada fooniitiin ufi yoo dhaadan, ani'llee ni dhaadadha.

19Isin hubattoota akka ta'uu keesaniitiin, gowwoota gammachu'uun ni obissitaniif.

20Akkuma kana eennu'llee akka garbichaa yoo isin taasise, eennu'llee isin yoo saame, eennu'llee isinitti yoo fayyadame, eennu'llee yoo isin tuffate, eennu'llee fuula keessan dhabanaassa'aan yoo isin dhaye'llee, ni obissitan.

21Ka ana saalfachiisu yoma ta'e'llee wonittoota kanniin raawwachu'uuf jajaboota ta'uu dhabuu keenna, isiniif ni ibisa,

Garuu eennu'llee dhaadachu'uuf yoo ugge, ani'llee akka isaa uggee ni dhaadadha, kana ka jedhu amma'llee akka gowwa'aa ta'eeti.

22Isaan Ibiroota moo? Ani'llee Ibraawicha, Isaan Israa'eeloota moo? Ani'llee Israa'eelicha, isaan fiixaa Abrahaamiitii moo? Ani'llee fiixaa Abrahaamiiti.

23HuE 16:23.Isaan tajaajilttoota Kristositi moo? Ani'llee isaan caalaa tajaajilaa Kristositi, kana'llee yoo jedhu akka maraattu'uu ta'eeti ka dubbadhu, isaan caalaa yeroo baayi'ee huji'iin dadhabee jira, yeroo baayi'ee hidhamee jira, yeroo baayi'ee dhaanamee jira, yeroo baayi'ee galttee du'aatiif gayee jira.

24Giraafii soddomii sagal, soddomii sagal yeroo shanii Yihudotaan dhaanamee jira,

25HuE 14:19; 16:22.yeroo sadihi ule'een dhaanamee jira, yeroo tokko dhaga'aan woqaramee jira, yeroo sadihi galteen dooni'ii narra gayee jira, halkan tokkoo fi guyyaa tokko garba ciisaa irra ni ture,

26HuE 9:23; 14:5.Baayi'inna deemssa kiyyaatiin baayi'inni lagaa fi lola'aa, galteen shifttootaa'llee narra gayee jira, worra Yihudotaatii fi worra kiyya Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irraa'llee galtteen narra gayee jira, magaala'aa fi gammoojji'itti, garba ciisa'atti'llee galtteen narra gayee jira, akkuma kana amanttoota dharttoota irraa'llee galtteen narra gayee jira.

27Hujiin baayi'ee fi dadhabbiin'llee natti ni jiran ture, yeroo baayi'ee hirriba dhabee jira, beelaa fi dheebuu bishaaniitiin'llee sarddamee jira, yeroo baayi'ee'llee dhabiinssi nyaataa narra gayee jira, qorraa fi daarri'llee narra gayee jira.

28Wonitti bira'aa marri'llee uduu hin lakkaayamin waayee woldayoota kristaanaa maraaf guyya guyya'aan yaadu'uun, ni sarddama ture.

29Naminni tokko yoo dadhabu ani woliin ka hin dadhabin yoom? Naminni tokko cubbu'uun yoo gufatu, ani ka hin dallaniin yoom?

30Dhaadachuu ka barbaachisu yoo taate ani ka dhaadadhu, dadhabummaa kiyya wonittoota muldhisaniin.

31Bara baraaf ka galateeffame Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenna Yesus Kristosii, akka ani hin kijibnne ni beeka.

32HuE 9:23-25.Magaalaa Damaasqo'oo yeroo turetti nugusicha Areexaasii gadi ka ture bulchaan biyyaa ana qabu'uuf barbaadee, balballan magaala'aa wordiyyootaan ni eegisisa ture.

33Garuu namoonni karaa fooddaa kaloo kaabaa dhaga'aatiin ginboolaa keessa kaayanii gad ana buusaniit, harka isaatii ni baye.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help