1 Flp 3:5. Mee ammoo si haa gaafadhuu, Waaqinni ummata mataa isaa gatee jira ree? Gonkumaa hin gatinneen! Ani mataan kiyyaa Israa'eelcha, fiixaa Abrahaamiitii ka ta'e, gosa Biiniyaamiiti.
2Waaqinni durssee ummata filate hin ganneen, Kitaabnni Qulqulluun waayee Eliyaas maal akka jedhe, hin yaadattan ree? Akkuma kana Eliyaas ummata Israa'eelii Waaqa duranatti, maal jedhee akka isaan himate, hin beekittan ree?
3Yeroo sanitti Eliyaas, «Yaa Gooftaa! Nabiyyoota tee ni ajjeesan, furddoota kee'llee ni diigan, ana qofatu hafe, ana'llee ana ajjeesu'uuf ni barbaadan» jedhee ture.
4Waaqinni garuu maal jedhee isaa deebiseef? «Ba'aal ka jedhame Waaqa dharaatiif ka hin sagadin, namoota kuma torbaatamaa mataa kiyyaaf hanbiffadhee jira» jedheenii jira.
5Bara ammaa kanatti uduu ta'ee, kennaa isaa ka bilisaatiin filatamanii ka hafan Israa'eeloota muraasatu ni jiran.
6Filannoon kennaa isaa ka bilisaatiin yoo ta'e, huji'iinii miti jechu'u, huji'iin yoo ta'e ammoo, kennaan isaa ka bilisaa gati dhabeessa ni ta'a ture.
7Eegaa, bu'aan isaa maal ta'e? Israa'eeloonni waan barbaadan hin arganne, worri filataman garuu waan barbaadan ni argatan, worri hafan onnee isaanii ni jabeessan.
8Kun'llee, «Waaqinni onnee isaanii ni hadoochise, kanaaf haga adhaa titti ija isaaniitiin hin argan, gurri isaanii'llee hin dhagayan» jedhamee akkuma barreeffame.
9Daawiit'llee,
«Nyaanni isaanii siibo'oo nama qabu,
boolla nama kuffisu'llee ta'ee isaan haa makkaraarssu!
wonitti badaan raawwatan, mataa isaanii irra haa gayu!
10Ijji isaanii akka hin argineef haa dukkanoofttu,
hiin isaanii'llee yeroo maraa rakkinnaan gad haa gogu» jedhee jira.
11Mee irra deebi'ee si haa gaafadhuu, Yihudonni ka kufan deebi'anii akka hin muldhanne ta'aniiti moo? miti! sababa balleessaa Yihudotaatiin ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne fayyinna ni argatan, kun'llee ka ta'e Yihudonni ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannetti akka hinaafan taasisu'uuf.
12Balleessaan Yihudotaa biyya lafaatiif eebba baayi'ee argamisiisee jira, kufaatiin isaanii'llee Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef eebba ta'ee jira, Yihudonni uduu fayyanii jiraataniitii ammoo, eebbi hagam baayi'ee ni ta'aa ture!
Fayyuu Ummata Waaqa Dhuga'aa Titti Hin Amannee13Amma eegaa ka dubbadhu isin ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef, barataa ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee akkuma ta'uu kiyyaa titti'llee, tajaajila kiyyaan ulfinnatu natti dhagayama.
14Kana'llee raawwachuun kiyya Yihudota firoota kiyya ka foonii ta'an hinaafsisu'uuf. Haaluma kanaan'llee isaan keessaa tokko tokkoo fayyisu'uuf ni danda'a ta'a jechu'uun.
15Waaqinni isaan yeroo kuffisetti ummanni biyya lafaa ka bira'aa Waaqaan woliin yoo araarame, Waaqinni isaan yeroo adabutti, maalttu ka raawwatu isinitti fakkaata? kun ammoo haga waan du'aa ka'iinssati!
16Bukoo bifa tokkoo irraa kutaan jalqabaa ka Qulqullaayome qabu yoo ta'e, miciqaan marrinuu ka qulqullaawome qabu ni ta'a, akkuma kana hiddi muka tokkoo ka Qulqullaawoma qabu yoo ta'e, dameewwan isaa'llee ka qulqullaawoma qaban ni ta'an.
17Akka dameewwan muka ejerssaa ka dawo'oo ka ta'an Yihudonni muramanii uduu kufaniitii fi isin akka dameewwan muka ejerssaa ka bosonaa ka taatan, Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne bakka isaanii buutanii, qoodamtoota qabeennaa fi eebba isaanii uduu taatanii,
18isin Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irraa Yihudota akka dame'ee muramanii kufan irratti ufi hin dhaadinaa, yoo ufi dhaadan garuu isin dameewwan qofa waan taataniif, hiddi isin baadhata malee isin hidda ka hin baadhanne ta'uu keessan yaadadhaa.
19Garuu, «Dameewwan cacabanii wonitti kufaniif, ani bakka isaanii akka bu'uuf» ni jettan ta'a.
20Jechi keessan ammoo sirri'i, garuu isaan muramanii ka kufaniif amanuu dhabuu isaaniitiin yoo ta'u, isin wonitti jabaattanii dhaabattan amanuu keessaniin, eegaa sodaachuu malee, ufi dhaaduun isiniif hin barbaachisu.
21Waaqinni uumamaan Yihudota dameewwan ta'aniif, yoo garaa isaanii ka hin laafnne ta'e, isiniif'llee garaa hin laafu.
22Eegaa arjjoomnnii Waaqaatii fi sodaachisummaa isaa laalaa, sodaachisummaan isaa ka muldhisu worra kufan irratti yoo ta'u, arjjoomnni isaa ka muldhisu garuu isiniif, kana'llee ka raawwatu isa amanu'uun isatti amanu'uun jabaattanii yoo jiraattan, jabaachuu yoo dhabaattan garuu isin'llee muramttanii ni kufttan.
23Yihudonni amanuu dhabuu isaanii uduu dhabamisiisanii gara bakka isaanii ka durii titti ni deebi'an, Waaqinni gara bakka isaanii ka durii titti isaan deebisu'uuf ni danda'a.
24Isin Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne garuu, uumaamaan dameewwan muka ejerssaa ka bosonaa taatanii uduu jirttan, bakka keessan malee muka ejerssaa ka bosonaa taatanii uduu jirttan bakka keessan malee dameewwan muka ejerssaa ka dawo'oo Yihudonni ta'an ammoo, gara bakka isaanii ka durii titti deebi'anii, horddofuun attamitti isaaniif hin dandeenne ree!
Dhiifamnni Waaqaa Marumaafuu Ta'uu Isaa25Yaa obboleeyyan! «Nu'u beekittota» jettanii ufi hin dhaadinaa, ka isinitti himu dhokissaan tokko ni jira, kun'llee harka diddoonni Israa'eelootaa haga muumme'eetiif uduu hin ta'in, ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne marrinuu guutumma'aan gara Waaqaa haga dhufaniif ta'uu isaati.
26Eegaa bifa kanaan Israa'eeloonni marrinuu ni fayyan. Kanaaf'llee akkana jedhamee barreeffamee jira,
«Fayyisaan Xiyoonii ni dhufa,
fiixaa Yaaqoobii mara irraa'llee badumaa ni dhabamsiisa.
27Cubbuu isaanii'llee isaanii yeroo dhabamsiisetti,
isaan woliin dubbiin waada'aa ka ani aseenuu kana.»
28Israa'eeloonni dubbii Wongeelaa fudhachuu dhabuu isaaniitiin, waayee keessan waayee faayidaa Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneetiif, diinota Waaqaa ta'anii jiran. Garuu karaa filanna'aatiin waayee abbootii gosatiin, isaan waaheloota Waaqaati.
29Waaqinni eega filatee fi kennaa isaa ka bilisaa eega kenneen duubatti, waan raawwateen yaada isaa hin jijjiiru.
30Isin Ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne duranaan worra Waaqaaf hin ajajaminne ni turttan, amma garuu waayee ajajamuu dhabuu Yihudotaatiin, isin dhiifama Waaqaa argattanii jirttan.
31Bifuma isin dhiifama ittiin argattaniin isaan'llee dhiifama akka argataniif, isaan amma Waaqaaf worra hin ajajamnne, ta'anii jiran.
32Waaqinni dhiifama isaa nama maraatti muldhisu'uuf jecha, namoota maraa harka diddummaa isaaniitiin hidhamttoota akka ta'an, isaan ni taasise.
Galata Waaqaaf Dhiyaate33Durummaan Waaqaatii fi ogummaan, beekkomissi'llee attam gadi fago'o! Murtiin isaa ka hin qoratamnne, karaan isaa'llee ka hin beekkaminne.
34Yaada Goofta'aa ka beeku eennu?
«Gorssaa isaa ka ta'u hoo eennu?
35Waaqaaf ka liqeessuu fi
ka liqeesseef'llee ka fudhatu, eennu?»
36 1Qor 8:6. Wonitti marrinuu ka argame isa irraa, isaan, isaaf, bara baraan ulfinni haa ta'u! Ameen.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.