Wongeela Maarqoos 13 - Waadaa Haarawa

Waayee Diigamuu Mana Waaqeffanna'aa Raaga Yesusii Dubbate(Mat 24:1-2; Luq 21:5-6)

1Uduma Yesus Mana Waaqeffanna'aatii bayaa'aa jiru barattoota isaa keessaa tokko, «Yaa barsiisaa! Dhagaayyii kunniinii fi gamoowwan kanniin mee laali, isaan ka baaseffachiisan!»

2Yesus'llee, «Gamoowwan guguddaa kanniin ni argitaamii ree? Dhagaayyiin kunniin marrinuu ni diigaman, dhagaan dhagaa irratti tuulamee hafu hin jiru» jedhee, deebiseef.

Mallattoowwan Muummee Barichaa(Mat 24:3-14; Luq 21:7-19)

3Yesus fuundura Mana Waaqeffanna'aatiin Gaara Ejjerssaa irra taa'ee uduma jiru Phexiros, Yaaqoob, Yohaannisii fi Indriyaas adda isaanii titti gara isaa dhiyaatanii,

4«Wonitti kun ka ta'u yoom? Kun marri'llee raawwatamu'uuf yoo dhiyaatu, mallattoon isaa maali'i? Mee nutti himi» jechu'uun, ni gaafataniin.

5Yesus'llee akkana jechu'uun isaanii ni deebise, «Eennu'llee akka isin hin dogoggorssineef ufi eeggadhaa,

6baayi'eewwan, ‹ani Masihicha!› jedha'aa, maqaa kiyyaan ni dhufan, namoota baayi'ee'llee ni dogoggorssan.

7Dhiyeenna keessantti woraanni yoo taasfamuu fi fago'otti'llee oduu woraanaa yoo dhageettan hin nayinaa, kun marrinuu ta'uuf dirqamaatii, haa ta'u malee muummeen isaa ufi durana.

8Ummanni ummata irratti, mootummaan'llee mootummaa irratti woraana ni kaasa, bakka marattuu sochiin lafaatii fi beelli ni ta'a, kun marrinuu akka ciniinssu'uu ka jiru jalqaba sarddamaati.»

9 Mat 10:17-20; Luq 12:11, 12. «Isin'llee mataa keessaniif ufi eeggadhaa, namoonni mana murtii yaa'iitiif dabarssanii isin ni kennan, bakka woligayii isaanii maratti'llee isin ni dhaanan. Ragaa akka naa taataniif waayee kiyyaan bulchitootaa fi nugusota durana murti'iif, ni dhaabattan.

10Kun marrinuu ta'uun duranatti garuu, wongeelli biyya lafaa mara wolgayuun ni qaba.

11Namoonni qabanii gara murti'ii yoo isin dhiyeessan, ‹maal dubbanna laata?› jechu'uun dursitanii hin sarddaminaa, ka dubbatu Hafuura Qulqullu'u malee isinii miti. Kanaaf yeroo sanitti waanuma isinii kennu qofa dubbadhaa.

12Obboleessi obboleessa isaa, abbaan'llee ilma isaa du'aaf dabarssee ni kenna, ijoolleen'llee maatii isaanii irraatti diinumma'aan ni ka'an, isaan'llee ni ajjeesan.

13Mat 10:22.Waayee maqaa kiyyaatiif nama mara biratti ka jibbamttan ni taatan, haga muumme'ee titti ka obissaan dhaabatu garuu, ni fayya.»

Rakkinna Makkaraarssaa(Mat 24:15-28; Luq 21:20-24)

14«Akkuma kana bakka itti argamuu hin qabnnetti waan batteessaa fi jibbisiisu ni argitan, kana'llee dubbifataan haa hubatu, yeroo sanitti worri Yihudaa jiran, gara gaarrotaa haa dheessan.

15Luq 17:31.Ka baaxii manaa irra jiru gara mana gad bu'ee mana isaatii waan tokko fudhachu'uuf, yeroo hin balleesin,

16bakka qonnaa ka jiru'llee uffata isaa fudhachu'uuf, gara duuba hin deebi'in.

17Yeroo sanitti worra ulffaatii fi haawotii daa'imaa hoosisaniif uunsha'a!

18Kun marrinuu yeroo gannaatiin akka hin taaneef, kadhadhaa.

19Mul 7:14.Ji'oota sanitti yeroo Waaqinni biyya lafaa uume irraa jalaqabee haga ammaa titti, rakkinni muldhatee hin beekinne ni ta'a, ufi durana'llee rakkinni isa fakkaatu, gonkumaa hin gayu.

20Gooftaan guyyoota sanniin gabaabssuu uduu dhabaatee eennu'llee fayyu'uuf hin danda'u ture, garuu namoota filatamaniif jecha guyyoonni sunniin, ni gabaabatan.»

21«Eegaa eennu'llee yoo ta'e, ‹Masihiin kunoo asi ni jira!› yookiin ‹kunnoo achi ni jira!› yoo isiniin jedhe, hin amaninaa.»

22Masihoonni dharaatii fi nabiyyoonni dharaa'llee ni dhufan, isaan uduu danda'anii worruma filatamanuu dogoggorssu'uuf, baasaa fi wonittoota maalale'ee ni raawwatan.

23Waan maraa durssee isinitti himee jiraatii, eegaa ufi eeggadhaa!

Deebi'ee Dhufiinssa Kristosii(Mat 24:15-28; Luq 21:20-24)

24 Mul 6:12. «Yeroo sanitti, rakkinna kana maraan duubatti, aduun ni dukkanooftti, jiin'llee ifa isi'ii hin kennitu,

25Mul 6:13.urjjiiwwan sami'ii ni kufan, huminnoonni samii jiran'llee ni raafaman.

26Mul 1:7.Achiin duubatti'llee Ilmi Namaa huminna isaa ol aana'aa fi ulfinnaan duumessan yoo dhufu ni mulidhata,

27Maleykkoota isaa'llee ni erga, isaan'llee kallattii arfaniinuu deemanii daangaa arddi'iitii haga daangaa sami'ii titti worra argaman, namoota isaaf filataman wolitti ni qaban.»

Dhufaatii Goofta'aa Ka Muldhifttuu Fakkeenna Muka Harbbu'uu(Mat 24:32-35; Luq 21:29-33)

28«Fakkeenni muka harbbu'uu barnnoota isiniif haa ta'u, dameewwan isi'ii yoo bayanii fi baalliin isi'ii'llee yoo lalisan, yeroo sanitti bonni akka dhiyaate ni beekittan.

29Akkuma kana isin'llee kun marrinuu ta'uu isaa yoo argittanitti, yeroon Ilmi Namaa itti dhufu balbalatti akka dhiyaate beekaa.

30Dhugamaan isiniin jedha, dhaloonni kun uduu hin dabrrniin duranatti, kun marrinuu ni raawwatama.

31Sami'ii fi arddiin ni dabrran, dubbiin kiyya garuu jabaatee ni jiraata.»

Guyya'aa Fi Saa'aatii Gooftaan Itti Dhufuu Eennu'llee Hin Beeku(Mat 24:36-44)

32 Mat 24:36. «Garuu waayee guyyaa saniitii fi waayee saa'aatii sanii Waaqa Abbaa malee eennu'llee ka beeku hin jiru, maleyikkoonni sami'ii'llee hin beekan, Ilmi'llee hin beeku.

33Yeroon isaa yoom akka ta'u hin beekittaniitii ufi eeggadhaa, ka'aa.

34Luq 12:36-38.Kun'llee, mana isaa dhiisee gara biyya fago'oo nama deeme ni fakkaata, inni'llee tokko tokkoo tajaajilaa isaatiif itti gaafatama hujii adda addaa irratti ramadee, woriddiyyichi'llee dammaqee akka eeguuf ni ajajeen.

35Kanaaf gooftaan abbaan manaa yeroon inni itti dhufu hin beekittaniitii, ufi eeggadhaa, yookiin gara galgalaa titti, yookiin halkan qixxe'etti, yookiin lukkuun yoo iyyu, yookiin ganama obboro'oon ni dhufa ta'a.

36Dimmaa dhufee raffittanii, akka isin hin arganneef dammaqaa.»

37«Akkuma isinitti hime, kaanniin maraan'llee dammaqaa! Jedha.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help