1 Qol 2:13. Isin waayee balleessaa keessan fi waayee cubbuu keessaniitiin, jireenna keessan ka hafuuraatiin ka du'e ni turttan,
2Yeroo sanitti adeemissa hamaa biyya lafaa kana ni horddofttan turttan, akkuma kana qilleensa irra ka jiran huminnoota hafuurota hama'aatii ka bitamuuf ni ajajamittan turttan, inni'llee namoota hin ajajaminne irratti ka hojjatu hafuura hama'a.
3Nu'u marri keennaa asiin durana isaan jiddu'utti fedha foon keennaatii fi yaada sammuu keennaa horddofa'aa hawwii foon keennaatiin ni jiraanna ture, akka kaanniinii'llee uumama keennaan dallansuu Waaqaa jala turre.
4Garuu dhiifaminni Waaqaa baayi'ee ta'uu isaatii fi jaalallitti nu'uuf qabu'llee ol aanaa ta'uu irraa ka ka'een,
5balleessaa keennaan ka duune yoma taane'llee, Waaqinni Kristosiin woliin akka jiraannuuf nu taasisee jira, isin'llee ka fayyitan keennaa isaa ka bilisaatiin.
6Waaqinni karaa Kristos Yesusiitiin isaan woliin du'aa nu kaasee, bakka sami'ii isaan woliin nu ni kaaye.
7Kana'llee ka raawwate karaa Yesus Kristositiin ka nu'uuf ibise, arjjummaa fi durummaa kennaa isaa ka bilisaa ka haga hin qabnneetiin, baroota dhufanitti nutti muldhisu'uuf jedheeti.
8Isin ka fayyitan karaa amanti'iitii fi kennaa isaa ka bilisaatiin, kun'llee kennaa Waaqaati malee hujii keessaniin ka argamee miti.
9Naminni kum'llee akka hin dhaadanne, kennaan bilisaa ka fayyinnaa ka argame huji'iinii miti,
10Nu'u Waaqinni durssee ka isaan qopheesse hujiiwwan mishaa akka hojjannuuf karaa Yesus Kristositiin irra deebinee ka uumaminne, uumamttoota Waaqaati.
Tokkummaa Kristosiin Argamu11Kanaaf isin worri duraan dhaloota keessaniin Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ka turttan, Yihudonni harka namaa titti gadoomuu isaaniitiin dhaadata'aa, isiniin worra hin gadoomin jedha'aa isin arrabissan akka turan yaadadhaa.
12Isin ummata Israa'eeliitiin wolitti dhufeenna ka hin qabnne, dubbii abddi'iitiif keessummoota ka taatan, biyya lafaa kanatti abddii woyiituu ka hin qabnne, Waaqa malee ka jiraattan, Kristosiin irraa'llee ka fooyamittan akka turttan yaadadhaa.
13Amma garuu isin asiin durana fagaattanii worri turttan Yesus Kristosiin taatanii, dhiiga isaatiin dhiyaattanii jirttan.
14Gargar nu baasee ka ture golloo wol dhabaa ka diigee fi Yihudotaa fi Ummata Waaqa duga'aa titti hin amanne tokko ka taasise, nageenni keenna Kristos.
15Qol 2:14.Ummatoota lamaan keessaa ka isaan woliin hirmmaatu ummata tokko uumu'uuf, seera ajajootaatii fi danbbiilee foon isaatiin diigee, nagaya ni taasise.
16Qol 1:20.Fannoo irratti du'uun'llee diinummaa ni dhabamisiise, lamaanuu qaama tokko taasisee Waaqaan woliin isaan ni araarsse.
17Dhufee'llee isin worra fagaattanii turttanii fi worra dhiyaatanii turan Yihudotaaf'llee, dubbii gammachuu nagayaa ni lallabe.
18Karaa isaatiin marri keennaa hafuura tokkoochaan eemaraminnee, gara Waaqa Abba'aa ni dhiyaanna.
19Knaaf isin Qulqullaayotaan woliin dhalataa biyya tokkootii fi maatii Waaqaat malee, ammaa achitti keessummootaa fi galttootaa miti.
20Bu'ura ergamittootaatii fi nabiyyootaa irratti'llee ijaaramttanii jirttan, dhagaan cabisata mata'aa'llee Yesus Kristos.
21Gamoon marrinuu isaan wolitti qabatee, Mana Waaqeffanna'aa ka Goofta'aa ta'uuf ni guddata.
22Waaqinni Hafuura isaatiin gamoo keessa bulu ta'u'uuf, isin'llee Kristosiin woliin, ni ijaaramttan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.