Wongeela Luqaas 10 - Waadaa Haarawa

Yesus Wongeela Akka Barsiisaniif Ergamittoota Torbaatamii Lamaa Erguu Isaa

1Kanaan duubatti Gooftaan kaanniin namoota torbaatamii lama ni file, inni'llee gara deemu'uuf yaade gara magaala'aa durssanii akka deemaniif, lama lama taasisee isaan ni erge.

2 irra akka ijjattaniif, huminna diinaa mara'llee akka dandeettaniif, aangoo isinii kennee jira, wonitti isin miidhu tokkoo hin jiru.

20Garuu maqaan keessan galmmee sami'ii titti waan barreeffameef gammadaa malee, hafuuronni waan isiniif ajajamaniif, hin gammadinaa.»

Yesus Gammachuu Isaa Akka Ibisse(Mat 11:25-27; 13:16-17)

21Yeroo sanitti Yesus Hafuura Qulqullicha isaatiin gammadee akkana ni jedhe, «Gooftaa sami'ii fi arddi'ii yaa Abbaa! Waan kana ogeessotaa fi beekitotaa jalaa dhossitee, worra hin baratinii waan ibisiteef si galateeffadha, ee yaa Abbaa, kana raawwachu'uuf fedhii kee mishaan ta'ee jira.

22 Yoh 3:35; 10:15. «Wonitti marrinuu Abbaa kiyya irraa naaf kennamee jira, Ilmi eennuun akka ta'e Waaqa Abbaa malee eennu'llee ka beeku hin jiru, akkuma kanaan Waaqinni Abbaan eennuun ta'uu isaa Ilma malee yookiin Ilmi isaa ibisu'uuf nama eeyyamuuf malee, ka bira'aa eennu'llee ka beeku hin jiru.»

23Itti aansee'llee Yesus gara barattoota isaa deebi'eeti, addatti akkana isaaniin ni jedhe, «Waan isin argitan kana ka argan, isaan ka eebbifaman.

24Dhugamaattuu nabiyyoonni baayi'ee fi nugusonni'llee waan isin argitan kana argu'uuf hawwanii turan, garuu isaan hin argine, waan isin dhageettan kana'llee dhagayu'uuf hawwanii turan, garuu hin dhageenne» isaaniin jedhe.

Samaariyicha Gara laafessa

25 Mat 22:35-40; Mar 12:28-34. Guyyaa tokko barsiisaan seeraa tokko gara Yesusii ni dhufe, isa qormaatu'uf'llee barbaadee, «Yaa barsiisaa! Jireenna bara baraa argachu'uuf maal raawwachu'utu narra mala?» jechu'uun, ni gaafateen.

26Yesus'llee, «Seera keessatti maaltu barreeffamee jira? Dubbiffittee attamitti hubattan?» jedheen.

27Namichi'llee, «Seerri ammoo ‹Waaqa kee Gooftaa onnee tee Qulqullu'uun, lubbuu tee muda maleetti'iin, huminna kee muda maleessaa fi yaada kee muda maleessaan jaaladhu!› Akkuma kana, ‹ollaa kee akka mataa keetii taasisii jaaladhu!› jedha» ni jedheen.

28Yesus'llee, «Qajeelatti deebifittee jirta, eegaa ati'llee kana raawwadhu! Jireenna bara baraa'llee ni argatta» jedheen.

29Barsiisaan seeraa garuu mataa isaa qulqullaawota fakkeessu'uuf barbaadee, «Haa ta'u malee waahelli kiyya eennu?» jechu'uun, ni gaafateen.

30Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Naminni tokko Yerusaalemii gara Iyaariko'oo yoo bu'u karaa irra uduu jiru saamttonni isa argatanii uffata isaa irraa ni mulqatan, eega dhaananiiniin duubatti'llee du'aa fi yeroo dhidhiitatutti, dhiisanii ni deeman.

31Akka tasaa qeesichi tokko karaa saniin ni deema ture, nama dhaanamee gatame yeroo argeenitti, womaayuu uduu isa hin garggaariniin gara bira'aatiin dabrree ni deeme.

32Akkuma kana leewichi tokko'llee karaa saniin ni deema ture, inni'llee namicha yeroo argetti womaayuu uduu hin raawwatiniif, karaa bira'aatiin bira dabrree ni deeme.

33Namichi Samaariyaa tokko garuu karaa saniin yoo dabrru gara namichaa ni dhufe, yeroo isa argetti'llee garaa ni laafeef,

34Gara isaa'llee dhiyaatee zayiitii fi daadhii woyinni'ii madaa isaa irratti ni jisse, subbe'een'llee maree ni hidheef, kanaan duubbatti harree mataa isaa yaabbachiisee, gara mana keessummoonni bulanii tokko ni fideen, achitti'llee ufi eeggannaa addaatiin ni kunuunseen,

35Guyyaa itti aanutti'llee dinaara lamaa baasee abbaa mana keessummoonni bulaniitiif kenneeti, ‹nama kana ufi eegganna'aan naa dhukkubsachiisiin, baasii dabalataa yoo baaftte'llee yeroo deebi'utti, si ni kafala› jedheen.»

36«Eegaa, namoota sadiin kanniin keessaa, saamtotaan dhaanamee nama kufeef, waahela ka ta'eef kamiin sitti fakkaata?»

37Barsiisaan seeraa'llee, «Ka garaa isaa laafe sanii fi ka isa gargaareen san» jechu'uun, ni deebiseef.

Yesus'llee, «Eegasuu deemi, ati'llee akkuma kana raawwadhu!» jedheen.

Yesus Mana Maarita'aaf Maariyaamii Titti

38 Yoh 11:1. Yesus barattoota isaa woliin karaa itti fufee gara ganda tokkoo ni gaye, achitti'llee Maaritaa ta jedhamttu dubarttiin takka, mana isi'ii titti ufitti ni fudhatteen,

39isin'llee obboleettii Maariyaam jedhamttu qabddi ture, Maariyamiin tun'llee miila Yesusii jala teettee, barsiisa isaa ni dhageefatti ture.

40Maaritaan garuu nyaataa qopheesu'uun akka cimaa ta'e ni dadhabiddi ture, kanaaf gara Yesusii dhiyaattee, «Yaa Gooftaa! Obboleettiin tiyya tun hujii maraa anumatti dhiiftee, adda kiyya yoo dadhabu uduu argitu, ni caldhifttaa? Yabo'oo akka ana gargaartuuf itti himi!» ni jetteen.

41Gooftaan Yesus garuu akkana jechu'uun ni deebiseef, «Maaritaa, Maaritaa, ati waan baayi'een ni sarddamtta, ni jeeqamtta'lle'e,

42garuu wonitti barbaadamaan waan tokko qofa, Maariyaam waan fooyyaye filattee jirtti, isa'llee ka isii irraa fudhatu eennu'llee hin jiru.»

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help