Wongeela Maatewos 27 - Waadaa Haarawa

Yesus Gara Philaaxosii Fidamuu Isaa(Mar 15:1; Luq 23:1-2; Yoh 18:28-32)

1Ganama obboro'oon itti gaafatamoonni qeesotaatii fi jaarsotiin ummataa marrinuu, Yesusiin irratti murtii du'aa murteessisu'uuf, ni mari'atan.

2Kanaan duubatti Yesusiin hidhanii fudhataniinti, bulichaa ka ta'e Philaaxosiif, dabarssanii ni kennaniin.

3 fuudhee waan dhangaggaayaa keessatti cuuphee, ulee ooyya'aa titti rarraasee Yesus akka dhuguuf ni dhiyeesseef.

49Kuunniin garuu,, «Turi mee! Eliyaas dhufee ka isa fayyisuu yoo taate, haa laalluu!» jedhan.

50Yesus'llee deebi'ee qooniqqa ol aana'aan iyyeeti, lubbuu isaa ni kenne.

51Yeroo sanitti golganni Mana Waaqeffanna'aa olii haga gadii titti tarssa'ee bakka lamatti ni qoodame, arddiin'llee ni raafamitte, siiddaawwan dhaga'aa'llee ni dhodhooyan,

52awwaalonni'llee banamanii namoota qulqullaayomota du'anii turan keessaa, baayi'eewwan du'aa ni ka'an.

53Awwaala keessaa'llee bayaniiti eega Yesus du'aa ka'een duubatti, gara magaalaa Qulqullitti'ii gara Yerusaalemii ni aseenan, achitti'llee namoota baayi'e'etti ni muldhatan.

54Ajajaan dhibbaatii fi isaan woliin Yesusiin ni eegan worri turan, sochii arddi'iitii fi waan ta'e maraa yeroo arganitti haalaan sodaatanii, «Dhugamaanuu kun Ilma Waaqaa ture!» jedhan.

55 Luq 8:2, 3. Fagoo ta'anii ka laalan dubarttoonni baayi'een'llee, achi ni turan, isaan'llee Galiila'aa jala qabanii Yesusiin tajaajila'aa ni horddofaniin worra turan.

56Isaan keessa'llee magdalaawittiin Maariyaam, haati Yaaqoobiitii fi Yooseefii, Maariyaam, haati ilmaan Zabdewoosii'llee isaan keessatti ni argaman turan.

Awwaalamuu Yesusii(Mar 15:42-47; Luq 23:50-56; Yoh 19:38-42)

57Yeroo dhiitetti'llee Yooseef ka jedhamu, namichi dureessi magaalaa Armaatiyaas tokko garasi ni dhufe, inni'llee barataa Yesusii ni ture,

58naminni kun'llee gara Phiilaaxosii dhaqeeti reeffa Yesusii ni kadhate, Phiilaaxos'llee reeffi akka kennamuuf, ni ajaje.

59Kanaaf Yooseef reeffa Yesusii fannoo irraa buusee woyyaa leelashe'ee Qulqullu'uun ni kafaneen.

60Dhagaa siida'aa irraa bocamee ka qophaaye awwaala mataa isaatiif qophaaye haarawa keessatti ni awwaaleen, kanaan duubatti dhagaa guddaa gangalchee, afaan awwaalaa cufeeti ni deeme.

61Magdalaawwittii Maariyaamii fi Maariyaamiin bira'aa, achuma awwaalaa afoo, ta'anii jiran turan.

62Guyyaa itti aanu Sanbbata diqqa'aa titti, itti gaafatamoonni qeesotaatii fi Farisoonni tokkumma'aan gara Phiilaaxosii dhaqaniiti, akkana ni jedhaniin,

63Mat 16:21; 17:23; 20:19; Mar 8:31; 9:31; 10:33, 34; Luq 9:22; 18:31-33.«Yaa Gooftaa! Dogoggorssaan sun uduma lubbu'uun jiru, ‹guyyaa sadihiin duubatti du'aa ni ka'a› ka jedhe, ni yaadanne.

64Kanaaf barattoonni isaa dhaqanii akka hin hannee fi ummataan'llee, ‹kunoo, du'aa ka'ee jira› akka hin jenneef, awwaalli isaa haga guyyaa sadihii titti, akka eegamuuf ajaji, kana ta'uu yoo dhabaate dogoggorri maai'ii irraa, ka jalqabaa irra ka hammaate ni ta'a.»

65Phiilaaxosii'llee, «Kunoo, lolttoota eegan ni qabddan, deema'aatii bifa beekittaniin eegisisaa!» isaaniin jedhe.

66Kanaaf dhaqaniiti dhagaa afaan awwaalaa irra jiru chaapha'aan cufaniiti, awwaalicha lolttootaan ni eegisisan.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help