Gara Worra Rooma'aa 3 - Waadaa Haarawa

Amanuu Dhabuu Yihudootaa

1Eegaa Yihudichi Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ka caaluu maali'iin? Faayiddaan gadoomu'uu hoo maal'i?

2Dhugamaanuu Yihudicha ta'uun karaa baayi'e'een caalmaya ni qaba, wonitti ijoon Waaqinni dubbii isaa Yihudotaaf yaboo kennuu isaati.

3Eegaa, Yihudota keessaa tokko tokko amanamoota ta'anii yoo argamuu dhabaatan, amanamoota ta'uu dhabuun isaanii amanammummaa Waaqaa ni hanbbisaa ree?

4Gonkumaa hin hanbbisu!

«Dubbima kee irraa ka ka'een dhugaalessa ni taata,

mormmataa kee'llee murti'iin ni injifatta»

jedhamee akkuma barreeffame, naminni marrinuu ka dharaa yoo ta'e'llee, Waaqinni dhugaalessa.

5Garuu cubbuun keenna qulqullummaa Waaqaa ka muldhisu yoo ta'e, eegaa maal jenna ree? Waaqinni waayee cubbuu keennaatiif yoo nu adabe, murtteessaa dhuga'aatii miti jechu'uu moo? Asi irratti ka dubbadhu akka yaada namaa titti.

6Gonkumaa miti! akkanaa yoo ta'e ammoo Waaqinni biyya lafaa irratti attamiin murtteessa?

7Garuu ka dharaa ta'uun kiyya dhugaa Waaqaa ibssu'uun, baayi'inna ulfinna isaa ka muldhisu yoo ta'e eegaa, ana irratti akka cubbama'aa titti ka murtteeffamu maali'iitiif ree?

8Namoonni tokko tokko «Waan mishaa akka argannuuf waan hamaa haa raawwanuu» jedha'aa waan barsiisuu fakkeesanii ana ni himatan, kanaaf worra akkana jiran irratti murttiin murtteeffamu, ka sirri'iiti.

Naminni Marrinuu Cubbamaa Ta'uu Isaa

9Eegaa, nu'u Yihudonni Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ni caalla jechu'uu moo? gonkumaa miti! Namoonni marrinuu Yihudota ta'anii Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne, cubbamoota ta'uu isaanii durssee hubachiisee jira.

10Akkan jedhamee akkuma barreeffame,

«Tokko'llee naminni qulqullaayomaan hin jiru, tokkoo hin jiru,

11hubataan'llee'llee hin jiru,

Waaqa ka barbaadu tokko'llee hin jiru.

12Marrinuu karaa isaaniitii bayanii jiran,

tokkumma'aan ta'anii dogoggoranii jiran.

Hujii mishaa ka hojjatu naminni tokko'llee hin jiru.

13Nama ka miidhu dubbii badaa dubbachu'uuf,

afaan isaanii akka awwaalaa titti ka baname,

haasofnni afaan isaanii'llee akka summii bofaa titti, ka miidhu,

14afaan isaanii'llee abaarssaa fi hadhaayummaan, itti guutee jira.

15Miilli isaanii nama ajjeesu'uuf ka dadafe,

16karaa isaanii titti ka argamu, balleessa'aa fi hiyyumma'a.

17Karaa nagayaa hin beekan,

18Waaqa gonkumaa hin sodaatan.»

19Ajajinni seeraa ka laalu worra seera jala jiran akka ta'e ni beekinna, waayee kanaan'llee namoonni waan itti sababatan dhabanii ni caldhisan, biyyi lafaa marri'llee murtii Waaqaa jala ni ta'a.

20Gal 2:16.Kanaaf naminni kumi'llee Waaqa duranatti seera raawwachu'uun hin qulqullaayomu, seerri ka muldhisu naminni marrinuu cubbamaa ta'uu isaati.

Qulqullaayominni Amanti'iin

21Amma garuu karaan Waaqinni namoota ittiin qulqullaawomssuun seera malee ta'uun muldhatee jira, kun'llee seera Muse'eetii fi nabiyyootaan ragaan bayamee jira.

22Gal 2:16.Kanaaf Waaqinni daloo woyiituu uduu hin taasisin, Yesus Kristostti worra amanan maraaf, qulqullaawoma ni kenna.

23Namoonni marrinuu cubbuu hojjatanii jiran, ulfinna Waaqinni isaanii kenne'llee dhabanii jiran.

24Kanaaf namoonni hujii Yesus Kristos raawwateen hujii fayyisumma'aa, kennaa Waaqaa ka bilisaa qofaan ni qulqullaawan.

25Waaqinni Yesus Kristosiin kitimaa taasisee ka dhiyeesseen worri isatti amanan marrinuu dhiiga isaatiin dhiifama cubbu'uu isaanii akka argataniif, Waaqinni kana raawwachuun obissa isaatiin cubbuu isaa ka duraanii akka waan hin jirree taasisu'uun, murttii mataa isaa qajeelaa muldhisu'uuf.

26Bara ammaa titti'llee Waaqinni mataan isaatuu qulqullaawomaa ta'uu isaa ka muldhisu, worra Yesusitti amanan maraa qulqullaawomssu'uun.

27Eegaa wonitti ittiin dhaadannu maalttu jira? Womaanuu hin dhaadannu! Waayeen hin dhaadanneef hoo maal'i? Waan seera raawwanuufii moo? miti, garuu amanti'iin.

28Kanaaf Waaqinni nama ka qulqullaayomssu, naminni hujii seeraa waan raawwateef uduu hin ta'in, amanti'iin ta'uu isaa ni hubanna.

29Yookiin Waaqinni Waaqa Yihudotaa qofa ree? Waaqa Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneetii mitii ree? Dhugamaan Waaqa Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneetile'e.

30Gal 3:20.Waaqinni tokko, Yihudotaaf'llee ta'ee Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef'llee, amanti'iin ka qulqullaawomssu isa.

31Eegaa waayee amanti'iitiin seera ni diiginna jechu'uu ree? Miti, gonkumaa seera jabeessinee ni qabanna.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help