1Yaa obboleeyyan! Gooftaa ulfinnaa Yesus Kristostti worra amantan yoo taatan, tokko ka bira'aa ni caala jechu'uun, nama jiddu'utti daloo hin raawwatinaa.
2Fakkeennaaf naminni lamaa gara bakka itti wolgeettanii titti ni dhufan, tokkochi quba isaa titti qubee worqqi'ii ka godhatee fi uffata bareedu faayaa ka uffatee jiru dureessa, ka bira'aa uffata xuraaye moofaa ka uffate hiyyeessa,
3nama uffata faayaa bareedaa uffate kabaju'uun, «Asi bakka mishaa kana taa'i» ni jettaniin, hiyyeessan garuu «Ati ammoo achi dhaabadhu, yookiin miila kiyya jala taa'i» ni jettaniin,
4eegaa bifa kanaan jidduu keessantti garaa garummaa akka raawwattanii fi murtii dalo'oo akka murtteesitan, isinitti hin muldhatuu ree?
5Yaa obboleeyyan jaalatamttan! dhagayaa, Waaqinni amanti'iin dureeyyii akka taatanii fi worra isa jaalataniif abddii isaanii ka kenne, mootummaa isaa akka dhaalaniif hiyyeessota biyya lafa kanaa hin filanne ree?
6Isin garuu hiyyeeyyii ni tuffattan, worri isin gad qabanii fi worra gara mana murti'ii isin harkisan, dureeyyi'ii mitii ree?
7Isin ka ittiin waamittan maqaa ulfinnaa san ka arrabissan, isaanii mitii ree?
8«Nama akka mataa keetii taasisiitii jaaladhu» jedhamee Kitaaba Qulqulluu keessatti ka barreeffame seera Mootummaa Waaqaa yoo raawwattan, mishaa ni taasfttan.
9Namoota jiddu'utti garaa garummaa yoo raawwattan garuu cubbuu ni hojjattan, seera dabrruu keessaniif'llee ni bagifatamittan.
10Naminni ajajoota keessaa tokko diigee ka hafan maraa yoma raawwatee, marumaayyuu akka waan diigee titti ni laakkayama.
11«Hin sagaagalin!» Gooftaan jedhe akkuma kana, «Hin ajjeesin!» jedhee jira, kanaaf yoma sagaagaluu dhabaattee'llee, yoo ajjeeftte seera diigiddee jirta.
12Seera bilisummaa argamissiisu duranatti dhiyaatanii akka namoota murtii argatanii titti dubbadhaa, akkuma kana'llee hojjadhaa.
13Murtiin Waaqaa nama dhiifama hin raawwanneef dhiifama hin taasfnne, ta'u'llee dhiifaminni murtii ni injifata.
Amanti'ii fi Hujii14Yaa obboleeyyan! Naminni amantii ni qaba yoo jedhe, garuu amantii isaa hujii misha'aan yoo ibisuu dhabaate maal isaa fayyada? Amantiin isaa hoo isa fayyisu'uu ni danda'aa ree?
15Fakkeennaaf ka uffatanii fi ka nyaatan obboleeyyanii fi obboleetiiwwan hin qabnne yoo jiraatan,
16isin keessaa tokko waan jireenna isaaniitiif isaan barbaachisu uduu isaanii hin kennin, «Nagayaan deemaa! Isinitti haa oo'u! Quufaa!» yoo isaaniin jedhe, maal isaan fayyada?
17Kanaaf, amantiin hujii misha'aan adda baye ka du'e.
18Garuu, «Ati amantii ni qabdda, Ani'llee hujii mishaa ni qaba» ka jedhu yoo jiraate, «Amantii kee hujii irraa fooyiitii natti muldhisi, ani'llee hujii kiyyaan amantii kiyya sitti ni mulidhisa» ni jedhaan.
19Ati, «Waaqinni tokkochi jira» jettee ni amantta, kun'llee misha'a, amanuu ammoo jinniiwwan'llee ni amanan, soda'aan'llee ni hollatan.
20Ati gowwaa nana! Amantiin kee hujii malee firii dhabeessa ta'uu isaa, ni argita ree?
21Abbaan keenna Abrahaam ilma isaa Yisihaaqiin furdda irratti Waaqaaf kitimaa taasise yeroo dhiyeessetti, ka qulqullaawome huji'iinii mitii ree?
22Kanaaf amantiin hujiin woli'iin wolii akka turee fi amantiin'llee huji'iin muda maleessa akka ta'e, ni argitaa ree hin?
23Kitaaba Qulqulluu keessatti, «Abrahaam Waaqatti ni amane, amantiin isaa'llee qulqullaawoma ta'e ni laakkayameef» dubbiin jedhe ni raawwatame, haala kanaan Abrahaam, waahela jaalalloo Waaqaa ni jedhame.
24Eegaa naminni ka qulqullaawomu amantii qofaan uduu hin ta'in, hujii'llee dabalataan ta'uu isaa ni argita.
25Sagagalittittiin Rahaab ergamoota worra Israa'eelii mana isi'ii titti yeroo simattettii fi karaa biraatiin'llee akka deemaniif yeroo isaan taasfttetti, isiin hujii isi'iitiin qulqullaawomttee hin turree ree?
26Qaaminni lubbuu malee ka du'e, akkuma kana amantiin hujii irraa adda baye ka du'e.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.