Gara Worra Filiphisiiyusii 4 - Waadaa Haarawa

Gorssa Muumme'ee

1Ka isin jaaladhuu fi ka isin yaadu, gonfaan gammachuu kiyyaatii fi hujii kiyyaa ka taatan, obboleeyyan kiyya! Goofta'aan jabaadha'aatii jiraadhaa.

2Ewodiyaa fi Sinxiiki'llee ufii isaaniitii Goofta'aan wolii galanii, akka jiraataniif isaan ni kadhadha.

3Ati'llee ka achi jirttu waahelli amanamaan hujii kiyyaa, dubarttoota kanniin akka isaan gargaartuuf si ni kadhadha, dubarttoonni kunniin anaan woliin Kleeminxoosii fi worra maqaan isaanii kitaaba jireennaa irratti barreeffaman kaaniin waahellan hujii kiyyaa woliin ta'u'uun, karaa wongeela itti woliin gayu'uutiin qabssaayanii jiran.

4Yeroo maraa Goofta'aan gammadaa, dabalee'llee, «Gammadaa!» jedha.

5Mishummaan keessan nama mara birattuu ka beekkame haa ta'u, Gooftaan deebi'ee dhufu'uuf dhiyaatee jira,

6Kanaaf waayee waan maraatiifuu kadhanna'aan, kadhachu'uu fi galataan Waaqaaf dhiyeessaa malee, waayee woma kamiitiifuu hin sarddaminaa.

7Hubannaa namaatii ol ka ta'e nageenni Waaqaa onnee teessanii fi sammuu keessan, Yesus Kristosiin ni eegaan.

8Sammuun keessan kanniin ka mara caalanii fi wonittoota mishaa nama galateeffachiisaniin ka guuttame haa ta'u, muumme'etti'llee yaa obboleeyyan! ulfinna dhugaalessa, ka sirrii ta'e, qulqulluu, gammachisiisa'aa fi wonittoota galateeffamaa ta'an, maraa yaadaa.

9Ka ana irraa barattanii fi ka fudhattan, ka dhageettanii fi ka argitan maraa raawwadhaa, Waaqinni nagayaa isin woliin ni ta'a.

Phaawulos Waayee Kennaa Isaa Ergameetiif Galateeffachuu Isaa

10Yeroo baayi'e'een duubatti deebitanii waayee rakkinna kiyyaatiif yaaduu waan jala qabddaniif, Goofta'aan gammachuun ol aanaa ta'e natti ni dhagayama, kana'llee yoo jedhu waan yaadanii jirttan huji'iin muldhisu'uuf carraa hin arganne ture jechuu kiyya malee, waayee rakkinna kiyyaa yaaduu keessan addaan kuttanii jirttan jechuu kiyyaa miti.

11Irra deebi'ee'llee kana ka jedhu waan jireenna kiyyaaf ana barbaachisu dhabuu kiyyaanii miti, ani ammoo, «Wonittumaan qabuu ana gaya» jechuu baradhee jira.

12Kanaaf argachuu'llee ta'ee dhabuu'llee ni beeka, bakka kamittuu taa'ee yeroo kamitti'llee waayee quufu'uutii fi beelayu'uu, dhossaa argachu'uu fi dhabu'uu'llee baradhee jira.

13Huminna ka naa kennu Kristosiin waan maraa raawwachu'uuf, ni dandda'a.

14Haa ta'u malee isin qoodamtoota rakkinna kiyyaa taatanii arigamuu keessaniif, mishaa ni raawwattan.

15Kanaan malee'llee wongeela lallabu'uuf yeroo jala qabetti, Maqedooniya'aa yoo bayu, isin amanttoota Filiphisiiyuustti argamittan malee, kennu'uun ta'ee fudhachu'uun'llee ana woliin ka hirmmaate, woldeenni amanttootaa ka bira'aa akka hin turin isin mataan keessanuu ni beekittan.

16HuE 17:1.Tasaloonqe'etti'llee rakkinni akka narra gaye beekittanii, irra dedeebtanii gargaarssa naaf ergitanii jirttan.

17Kana'llee yoo jedhu kennaa keessan argachu'uuf dhormmu'uun uduu hin ta'in, firiin arjjooma keessan akka isinii baayi'atuuf, hawwu'uun.

18Ka ana barbaachisuu fi ka ana barbaachisuu oltti'llee kennaan naaf ergitan, harka Ephaafroditusiitii fudhadhee jira, kennaan keessan kun'llee akka waan kitimaa foolii misha'aan guuttamee titti, ka Waaqinni ufitti fudhatuu fi ka gammachiisu.

19Kanaaf Waaqinni kiyya ulfinnaa fi durummaa isaa karaa Yesus Kristositiin, waan isin barbaachisu maraa isiniif ni kenna.

20Waaqa keennaa fi Abbaa keennaaf, baraa haga baraa titti, ulfinni haa ta'u! Ameen.

Nagaya Muumme'ee

21Amantoota maraaf maqaa Yesus Kristositiin nagayaa naaf dhiyeessaa, ana woliin obboleeyyan jiran'llee nagaya isiniif ni dhiyeessan.

22Amanttoonni kuunniin marri'llee keessummaanuu, maatiiwwan worra nugusa Roomaa ka ta'an, nagaya isinii ni dhiyeessan.

23Kennaan bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii, isin woliin haa ta'u.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help