1 HuE 16:12. Tajaajiltoota Yesus Kristosii ka ta'an, Phaawulosii fi Ximotewosiin irraa,
Magaalaa Filiphisiiyusii worra jiraataniif, Yesus Kristosiin qulqullaawota ka ta'an maraaf, akkuma kana worra itti gaafatamittootaatii fi gargaartota woldaya amanti'iitiif,
2Abbaa keenna Waaqaa, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin biraa, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.
Kadhannaa Phaawulosii Ka Galataa3Isin yeroo yaadadhu marattuu Waaqa kiyya ni galateeffadha,
4waayee keessaniif yeroo kadhadhu marattuu, kadhannaan kiyya gammachu'uun ka guuttame.
5Guyyaa jalqabaatii kaasee haga ammaa titti wongeela lallabu'uuf, hirmmaatotaa hujii kiyyaa waan taataniif, Waaqa ni galateeffadha,
6hujii mishaa kana jireenna keessan keessatti Waaqinni jala qabe, Yesus Kristos murti'iif deebi'ee guyyaa dhufutti gara muumme'eetiin akka isa gayu ni amana.
7Amma yeroo mana hidha'aa jiruttii fi hidhamuu kiyyaan duranatti'llee, dhugaa wongeelaatiif ittifachuu fi isa'llee jabeessu'uuf, Waaqinni kennaa isaa ka bilisaatiin carraa naaf kenne keessatti, isin marrinuu qoodamtoota waan taataniif isin yeroo maraa onnee tiyya keessa ni jirttan. Kanaaf waayee keessaniif miirri natti dhagayamu sirri'i.
8Jaalala Yesus Kristositiin mara keessanuu hagam akka isin yaadu, Waaqinni ragaa kiyya.
9Jaalallitti keessan ka beekkomissaa fi hubannaan itti guuttame ta'ee guddata'aa akka deemuuf, ni kadhadha.
10Kun'llee waan fooyaye qorattanii akka beekittanii fi guyyaa Kristos deebi'ee dhufutti, Qulqullu'uu fi worra heeyibiin isinitti hin jirre taatanii, akka argamttaniif.
11Jireenna keessan ka bifa kanaatiin Yesus Kristosiin irraa ka argamu firii qulqullaayinnaatiin ka guuttame ta'ee, ulfinnaa Waaqaatii fi galata, worra argamisiifttan ni taatan.
Hidhamuun Phaawulosii Babaldhachuu Wongeelaatii fi Akka Gargaare12Yaa obboleeyyan! Wonitti ana irra gaye marrinuu wongeelli caalatti akka babaldhatu taasisuu isaa, akka beekittaniif ni jaaladha.
13HuE 28:30.Ani'llee ka hidhame waayee Kristositiin ta'uu namoonni wordiyyoota mana nugusaatii fi kuunniin'llee namoonni achi jiran marrinuu ni beekan.
14Sababaa hidhamuu kiyyaatiin obboleeyyan amanttootaa ta'an baayi'eewwan caalmaya worra Goofta'atti abddii taasfatan ta'anii jiran, kanaaf dubbii Waaqaa sodaa malee lallabuuf, waan duraanii caalatti uggiinssa argatanii jiran.
15Haa ta'u malee tokko tokkoon isaanii dubbii gammachuu Kristosii ka lallaban hinaaffa'aan, kuunniin'llee hafuura mormmiitiin, kuunniin garuu Kristosiin ka lallaban onnee fayya'aatiin.
16Isaan kunniin'llee dubbii Waaqaa onnee fayyaatiin ka lallaban, jaalala irraa ka ka'een, isaan'llee ani wongeela kana baraaru'uuf asitti ka gatame ta'uu kiyya waan beekaniif.
17Sunniin garuu waayee Kristosii dabssanii ka lallaban qajeelummaan uduu hin ta'in, mataa isaanii jaalachuu fi hidhaana kiyya irratti rakkinna dabalataa ana irratti fidu'uuf yaadu'uun.
18San ta'ee kana waan kanaan ni gammada fakkeessuun ta'ee dhugaan karaa maraanuu, Kristos ni lallabama.
19Ka biraa waayeen ittiin gammadu kadhannaa keessan fi gargaarssa Hafuura Yesus Kristositiin bilisa akka bayu, waan beekuuf.
20Dhugamaanuu akka hin saalifachiifnneef abddi'iin ni eeggadha, garuu akkuma yeroo mara raawwdhuu fi adha lubbu'uun yoo jiraadhe yookiin yoo du'e, Kristos qaama kiyyatti ni kabajama jedhee, uggiinssaan ni dubbadha.
21Kanaaf anaa jireenna jechuun Kristosiin jiraachu'uu, du'a jechuun'llee, faayyidaan waan ittiin argamu.
22Haa ta'u malee qaama foonayaa kiyya kanaan itti fufee waan jiraadhu uduu ta'ee hujii firii kennu hojjachuu jechu'u, ta'u'llee garuu itti fufee jiraachu'uu fi du'uu, kamiin akka filadhu hin beeku.
23Yaadota kaniin lamaan jiddu'utti qabamee jira, gara tokkoon Kristosiin woliin ta'uun ka maraa caalu waan ta'eef, jireenna kana irraa fooyamee Kristosiin woliin ta'uu ni barbaada, kun'llee Kristosiin woliin jiraachuun ka haalaan woyyu waan ta'eef.
24Gara biraatiin lubbuun jiraachuun isiniif ka haalaan woyyaa ta'ee fi barbaachisa'a.
25Kanatti amantiin ani du'a irraa hafee amantiin keessan akka guddatuu fi gammachuu akka argattaniif, isin mara woliinuu akka turu ni beeka.
26Ani'llee deebi'ee gara keessan yoo dhufu dhaadannaan waayee kiyyaan qabddan, Yesus Kristosiin ni baayi'ata.
27Eegaa waan maraayyuu olitti jireenni keessan wongeela Kristosii ka galteeffachiisu haa ta'u, kun'llee ani dhufee yoo isin laale'llee yookiin isin irraa yoo fagaadhe'llee kaayyoo tokkoon jabaattanii dhaabachuu keessan fi wongeela tokkummaan woliin gayuuf tataafachuu keessan ni dhagaya.
28Mormmitoota keessan'llee womaanuu hin sodaatinaa, uggiinssi keessan kun'llee isaaniif malikata badiinsaa yoo ta'u, isiniif ammoo Waaqa biraa ka isiniif ta'e malikata fayyiinsaati.
29Carraan Kristosiin tajaajiluuf ka isiniif kenname isa qofatti akka amantaniif uduu hin ta'in, waayee isaatiin'llee rakkinna akka fudhattaniif'le'e.
30HuE 16:19-40.Kanaf amma anaan woliin qoodamtoota rakkinnaa taatanii jirttan, rakkinni kun'llee asiin durana narra gayee ka argitanii fi amma'llee ka narra gaye ta'uu ka dhageettan.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.