1Eegaa Gooftaa tajaajiluu kiyyaan hidhamaa ka ta'e ani, waamicha ittiin waamamittaniif jireenna barbaachisaa ta'e jiraachuu akka dandeettaniif, isin ni kadhadha.
2Qol 3:12, 13.Jaalalaan ufii keessan wolii obissa'aa yeroo mara mataa gad qabataa fi gara laafnnaan, wol danda'uun'llee jiraadhaa.
3Nagayaan wolitti hidhamttanii tokkummaa Hafuura Waaqaa irraa argamuu eeggacu'uuf hisadhaa.
4Yeroo waamamittanitti abddii tokkoof akka waan waamamittanitti, qaama tokkoo fi Hafuurri tokko ni jira.
5Akkuma kanan Gooftaan tokko, amantiin tokkoo fi cuuphaman tokko ni jira.
6Dabalee'llee maraa ol ka ta'e, maraanuu ka hojjatu, mara bira ka jiraatu, abbaa maraa ka ta'e Waaqinni tokko ni jira.
7Garuu Kristos haguma kennu'uuf murtteesseetiin, tokkoo tokkoo keennaaf kennaan isaa ka bilisaa nuuf kennamee jira.
8Kun'llee,
«Gara olii yeroo bayetti booji'amittoota baayi'ee qabatee ni deeme,
namootaaf'llee kennaawwan ni kenne» akkuma jedhame.
9Eegaa kun, «Gara olii ni baye» dubbiin jedhu, durssee gara arddii kanaa, arddi'ii'llee gara bakka gad aanttuu bu'uu isaa yoo ta'e malee, ka bira'aa maal muldhisa?
10Kun ka gara gadii bu'e ammoo maraa guutu'uuf, samiiwwan maraa olitti ka dhufe.
11Inni'llee tokko tokkoon ergamittoota, tokko tokko nabiyyoota, tokko tokko ammoo lallabddoota wongeelaa, tokko tokko tissitoota amantootaa, tokko tokko barsiisota akkuma kana, kennaawwan isaanii ni kenne.
12Kana'llee ka taasiseef woldeenni qaama Kristosii taate akka ijaaramttuuf, amantoota tajaajila kristaanumma'aatiif qopheesu'uuf.
13Akkuma kana Ilma Waaqaa beeku'uun gara tokkummaa amanti'iin argamuu geennee, akkuma bifa Kristos muda maleessa guutuu ta'etti, nu'llee nama guutuu akka taanuuf.
14Ammaa achitti daba sossoba namootaatiin ka qophaaye, bubbee barisiisa dogoggorssa'aatii fi honbololatti'iin garanaa fi garas dhiibamanii akka daa'imman fudhatamanii hin taanu.
15Kana irra dhugaa jaalalaan dubbata'aa waan maraanuu gara isa ka mataa ta'ee, gara Kristosii ni guddanna.
16Qol 2:19.Kutaawawn qaamaa ka gara garaa ka wolitti qabatan Kristosiin, qaaminni guutuun'llee ka wol qabateen humnna ittiin wol qabatuun, kanaaf tokkoon tokkoon kutaa qaamaa hujii isaaf ramadame akka ta'utti yoo raawwatu qaaminni guutuun ni guddata, jaalalaan'llee ni ijaarama.
Jireenna Haarawa Kristosiin Argamu17Ammaa achitti akka worra yaanni isaanii tasa ta'ee akka ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee hin ta'inaa, jedhee maqaa Goofta'aatiin isin ufi ni eeggachiisa.
18Sammuun isaanii dukkanaayee jira, beekuu dhabu'uu fi waayee morkkattummaa isaaniitiin, jireenna Waaqinni kennu irraa fooyamanii jiran.
19Miirri isaanii ka saalfataa waan badeef battummaawwan maraa raawwchu'uuf, mataa isaanii fedha isaanii ka fooniitiif dabarsanii kennanii jiran.
20Isin garuu waayee Kristosii ka barattan akkanaa miti.
21Dugamaanuu waayee isaanii dhageettanii jirttan, bu'ura dhugaa Yesusiin jiruutiin'llee isa irraa barattanii jirttan.
22Qol 3:9.Kanaaf sossobee gara cubbu'uu hawwii eemaruun ka badee fi durssitanii ka ittiin ni jiraattan turttan, eennummaa moofaa amala uumama duraanii dhabamisiisaa.
23Sammuun keessan'llee hafuuraan haa haareffamu.
24Qol 3:10. Qulqulluma'aa fi qulqullaayoma dhuga'aatiin fakkeenna Waaqaatiin ka uumame, qaama haarawa uffadhaa.
25Kanaaf soba hin dubbatinaa, marri keennaa kutaawwan qaama tokkoo waan taaneef, ufii keennaa dhugaa woliitti haa dubbannu.
26Baanadhaa, baanii keessaniin garuu cubbuu hin hojjatinaa, baaniin keessan'llee uduu hin dhabamin aduun isinitti hin dhiyin.
27Sheexanaaf'llee qaawwa aseenissaa hin kenninaafii.
28In hata ka ture ammaa achitti hin hatin, kana irra hiyyeesotaa kennu'uuf qarshii akka qabaatu, harka isaatiin waan mishaa haa hojjatu.
29Gonkumaa afaan keessan dubbiin hamaan hin bayin, garuu worra dhagayaniif ka gammachiisuu fi ijaaru'uuf ka fayyadu, namootaaf'llee barbaachisaa dubbii ta'e dubbadhaa.
30Guyyaa itti fayyitaniif mirkaneessaa akka isinii ta'uuf, ka ittiin caapheffamttan Qulqulluu Hafuura Waaqaa, hin gaddisiifnnaa.
31Hadhaayummaa, aarii, dallanissuu, jeeqama, arrabaa fi hameenni bifa kamii marrinuu, isin irraa garasi haa fagaatu.
32Qol 3:13.Kana irra, ufii keessan wolii mishaawwanii fi wolii naatota, arjjootaa fi gara laafttota ta'aa, Waaqinni Kristosiin akkuma isinii dhiifama taasisetti, isin'llee ufii keessan wolii dhiifama taasisaa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.