Gara Worra Efesoonii 5 - Waadaa Haarawa

Ifa Keessa Jiraachuu

1Eega akka ijoollee jaalatamttootaa isin'llee, fakkeenna Waaqaa horddofaa.

2Kristos akka nu jaalatee fi foolii mishaa Waaqa gammachiisuu ka qabu kenna'aa fi kitimaa taasisee lubbuu isaa waayee keennaaf dabarssee akkuma kenne, isin'llee jaalalaan jiraadhaa.

3Wonitti akkanaa kun Kristaanotaaf waan hin taaneef gocha sagaagalaa yookiin battummaan bifa kamiituu yookiin dhoogata taasisuun haa hafuutii, odumaan'llee isaan irratti dhagayamuun hin malu.

4Kana irra Waaqaaf galata dhiyeessaa malee, waan nama mufachiisuu fi haasaya gowwumma'a, yookiin waan baliddaa dubbachuun isin irra hin jiru, wonitti akkanaa kun isiniif mijaaya'aa miti.

5Gocha sagaagalumma'aa raawwataa yoo ta'e, hujii battumma'aa kamiinuu ka raawwatu yoo ta'e, haafayummaa Waaqa harkaan hojjatame waaqeffachu'uu'llee yoo ta'e, Kristosii fi Mootummaa Waaqaa titti'llee, qabiyyee akka hin arganne beekaa.

6Sababa wonittoota kanniiniitiin namoota hin ajajaminne irratti dheekkamissi Waaqaa waan dhufuuf, eennu'llee haasaya tasaatiin isin hin sobin.

7Kanaaf namoota hin ajajaminne kanniin woliin hin hirmmaatinaa.

8Duraan isin dukkana keessa ni jiraattan ture, amma garuu ka Goofta'aa waan taataniif isin ifa, kanaaf akka namoota ifaan jiraatanii titti dedeebi'aa.

9Ka mishummaa maraa, firiin qulqullaayomutii fi firiin dhuga'aa ka argamu ifa irraayyii.

10Kanaaf Gooftaa wonitti gammachiisuun maal akka ta'e qoradhaa.

11Gara ifaa baasa'aatii saaxileessa'aanii malee, firii dhabeessa ka ta'e hujii dukkanaa woliin hin hirmaanna.

12Dukkanaan namoonni jiraatan waayee waan isaan hojjatanii dubachumaafuu, ni saalifachiisa.

13Wonitti marrinuu gara ifaa yoo bayu biftti isaa ka dhuga'aa, ifa ta'ee ni muldhata.

14Ifatti ka muldhatu marrinuu ifa, kanaaf,

Ati ka mugiddu dammaqi!

worra du'an irraa'llee fooyamiitii ka'i!

Kristos'llee si ni ibisa jedhamee jira.

15Eegaa attamitti akka jiraattan ufi eegganna'aan hubadhaa, akka worra ogeessotaa malee akka worra gowwootaa titti hin jiraatinaa.

16Qol 4:5.Barri kun hamaa waan ta'eef, yeroo ta'e kamittuu fayyadamaa.

17Kanaaf fedhiin Goofta'aa maal akka taate hubadhaa malee, gowwoota hin ta'inaa.

18Gara badi'ii ka isin eemaru waan ta'eef daadhii woyinni'iitiin hin machaayinaa, kana irra Hafuura Qulqullu'uun guuttamaa.

19Qol 3:16, 17.Faaru'uu fi galataan, qooniqqa hafuuraatii fi onnee guutu'uun'llee Gooftaa galateeffadhaa.

20Maqaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin waayee waan maraatiifuu, Waaqa Abbaa yeroo mara galateeffadha'aanii.

Waayee Abbaa Worraatii Fi Haada Worraa

21Waayee ulfinna Kristositiif jettanii isin tokkoon tokkoon keessan ka bira'aatii haa ajajamu.

22 Qol 3:18; 1Phex 3:1. Yaa haawotiin woraa! Akkuma Gooftaa Yesusiif ajajamittanitti, abbootii worraa keessaniif ajajamaa,

23Kristos mataa woldaya amanti'ii akkuma ta'e, abbaan worraa'llee mataa haadha worraa isaati, deebi'ee'llee Kristos woldaya amanti'ii ta qaama isaa taateef fayyisaa isi'iiti.

24Woldeenni amanti'ii Kristosiif akkuma ajajamitutti, akkuma kana haawotiin worraa waan maraanuu, abbootii worraa isaaniitiif haa ajajaman.

25 Qol 3:19; 1Phex 3:7. Isin abbootiin worraa! Kristos woldaya amanti'ii akkuma isii jaalateenii fi mataa isaa'llee waayee isiiti'iif dabarssee akkuma kenne, isin'llee haawotii worraa keessan jaaladhaa,

26Kristos kana ka taasise woldaya amanti'ii Qulqullaawomssu'uuf barbaadeeti ka isii Qulullaawomssee'llee, karaa dubbii isaatiin bishaaniin miiceeti.

27Bifa kanaan huubinni yookiin wolitti guuramuu fuulaatiin yookiin kana ka fakkaatu waan badaa bira'aa uduu isii irratti hin argamin, Qulqullittii, ta mudaa hin qabnnee fi bareedduu taasisee, gara mataa isaa ni dhiyeessaan.

28Akkuma kana abbootiin worraa akkuma mataa isaanii jaalatantti haawotii worraa isaanii jaalachuun isaan irra ni jira, haadha worraa isaa ka jaalatu mataa ufii ni jaalata.

29Qaama mataa ufii ka jibbu eennu'llee hin jiru, kana irra akkuma bifa Kristos woldaya amanti'iitiif raawwatutti mataa isaa ni soora, ni kunuunssaan'llee.

30Nu'llee kutaa qaama Kristositi,

31«Waayee kanaan naminni haadhaa fi abbaa isaa dhiisee, haadha worraa isaatiin wolitti ni maxana, lamaanuu qaama tokko ni ta'an» jedhamee jira.

32Dhossaan kun ol aana'aa, kana'llee ka jedhu waayee Kristositii fi waayee woldaya amanti'ii fakkeenna taasiseeti.

33Garuu wonitti kun isin'llee ni laala, kanaaf abbaan worraa hadha worraa isaa akka mataa isaa taasisee haa jaalatu, haati worraa'llee abbaa worraa isi'ii haa kabajitu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help