1Kanaan duubatti maleyikkoonni afurii kallattii arfan arddi'iitiinuu dhaabatanii ni arge, isaan'llee arddii irra'llee ta'ee garba ciisaa yookiin muka irratti'llee bubbeen woyiituu akka hin bubbifnneef, kallattii arfaniinuu ka dhufan bubbeewwan ariddi'ii ni qaban.
2Chaaphaa Waaqa jiraata'aa ka qabatee jiru maleyikkaan bira'aa'llee gara baya adu'uutii yoo dhufu ni argge, arddi'ii fi garba ciisaa akka miidhaniif gara isaan aangoon kennameefii gara maleyikkoota arffanii qooniqqa isaa ol fudhatee,
3«Kallacha tajaajiltoota Waaqa keennaa irratti chaaphaa haga isaanitti chaaphessinutti, arddii ta'ee garbi ciisa'aa'llee yookiin mukkiin hin miidhinaa» jedhe, ni iyye.
4Laakkofssa namoota chaapheffamanii'llee ni dhagaye, gosoota Israa'eelii mara keessaa laakkofssi namoota chaapheffamanii, kuma dhibbaa fi afurtamaa ni ture.
5Gosa Yihuda'aa keessaa ka chaapheffaman kuma kudha lama, gosa Robeelii keessaa kuma kudha lama, gosa Gaadii keessaa kuma kudha lama,
6gosa Aseerii keessaa kuma kudha lama, gosa Niftaalemii keessa kuma kudha lama, gosa Minaase'ee keessaa kuma kudha lama,
7gosa Simoonii keessaa kuma kudha lama, gosa Leewi'ii keessaa kuma kudha lama, gosa Yisaakoorii keessaa kuma kudha lama,
8gosa Zaabiloonii keessaa kuma kudha lama, gosa Yooseefii keessaa kuma kudha lamaa fi gosa Biiniyaamii keessaa'llee, kuma kudha lama ni turan.
Ummatoota Baayi'ee Uffata Adii Uffatan9Kanaan duubatti ni laale, namoota haalaan baayi'e'ee ni arge, isaan'llee ummataa fi gosa maraa, worraa fi afaan adda addaa ka dubbatan irraa kan wolitti bayan ni turan, isaan kun uffata adii uffatanii, baala muka meexxi'ii harka isaanii titti qabatanii, teessoo isaatii fi Hoolicha durana dhaabatanii jiran ni ture,
10qoonqqa ol aana'aan iyyaa'llee,
«Fayyisiinssi ka teessoo irra ka taa'ee jiru,
Waaqa keennaaf Hoolichaati!» ni jedhan ture.
11Maleyikkoonni marri teessoo isaatii fi jarsotii, bineensota arfan naanaya'llee dhaabatanii jira ture, teessoo isaa duranatti'llee kallacha isaaniitiin gonbbifamanii, Waaqaaf ni sagadan.
12Akkana'llee ni jedhan,
«Ameen farfannaa, ol aanttummaa, ogummaa,
galataa fi ulfinni, humnnitii fi jabeenni'llee,
Waaqa keennaaf, baraa haga baraa titti haa ta'u! Ameen.»
13Jaarsotii keessaa tokko gara kiyya deebi'ee, «Kunniin uffata adii ka uffatan eennu fa'a ree? eessaa'llee dhufan?» naan jedhe.
14 Mat 24:21; Mar 13:19. Ani'llee, «Yaa Gooftaa, ati ni beekita» ni jedheen. Inni'llee akkana naan jedhe, «Kunniin rakkinna ol aanaa bira dabrranii worra dhufan, uffata isaanii'llee diiga Hoolichaatiin miicanii, adii taasisaanii jiran.
15Kanaaf teessoo Waaqaa durana ta'anii halkanii fi guyyaa, Mana Waaqeffanna'aa titti isa ni tajaalilaniin, ka teessoo irra taa'e'llee gaadisa isaanii ni ta'a.
16Ammaa achitti hin beelayan, hin dheebotan, aduun'llee isaan hin dhoofittu, oo'i'llee isaan hin argatuun,
17teessicha jidduu Hoolichi jiru'llee tissee isaanii ni ta'a, gara burqqaa bishaan jireennaa'llee isaan ni eemara, Waaqinni'llee imimmaan isaanii mara ija isaanii irraa, isaaniif ni haqa.»
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.