1Yaa obboleeyyan! Naminni dogoggoree balleessaa tokko raawwatee yoo argame isin worri namoota hafuuraa taatan, isin nama akkanaa kana gara laafnnaan qajeelcha'aanii, garuu isin'llee qormmaata akkanaa kanaan akka hin kufnneef, ufi eeggadhaa.
2Isin keessaa tokkoon tokkoon ba'aa ulffaataa nama bira'aa haa baadhatu, bifa kanaan Seera Kristosii ni raawwattan.
3Naminni kum'llee waan kaanniin irra itti fooyyayaa ta'e uduu hin qabaatin, «Ani kaan ni caala» jedhee yoo yaade, mataa isaa ni soba.
4Tokkoon tokkoon namaa hujii mataa isaa qoratee haa qormaatu, kanaan duubatti mataa isaa kaaniin woliin wol dorgomssiisu'uun uduu hin ta'in, mataa isaa qofaa waan ittiin dhaadatu haa argatu.
5Tokkoon tokkoon namaatuu ba'aa mataa isaa baadhachuu ni qaba.
6Dubbii isaa naminni baratu barsiisaa isaa woliin, waan mishaa maraa haa qoodamu.
7Mataa keessan hin sobinaa, naminni ka haamatu waanuma facaase waan ta'eef, Waaqa irratti hin balddinaa,
8Foon isaa gammachiisu'uuf ka facaasu foon isaa irraa du'a ni haamata, Hafuura gammachiisu'uuf ka facaasu Hafuura irraa, jireenna bara baraa ni haamata.
9Abddii kutachuu yoo dhabaanne yeroon yoo gayetti callaa wolitti waan qabnnuuf, hujii mishaa hojjachu'uuf dadhabuu hin qabnnu.
10Yeroo mijaayaa yoo arganne namoota maraaf gonkumaa maatii namoota hin amanneetiif, waan mishaa haa raawwanuu.
Gorssa Muumme'eetii Fi Nagaya Dhaamuu11Qubeewwan ol aanttota attam jiraniin kana harka kiyyaan akka isiniif barreesse laala!
12Akka gadoomittaniif worri isin dirqisiisan ala keessa mishaa fakkaatanii namoota muldhachu'uuf barbaadan. Kana ka raawwataniif'llee, waayee fannoo Kristositiin ari'ataminni akka isaan irra hin geenneef jedhaniiti.
13Isaan foon keessaniin dhaadachu'uuf jedhanii akka gadoomittaniif barbaadan malee, worrummaan gadooman mataan isaanii'llee Seera hin raawwatan.
14Fannoo Gooftaa keenna Yesus Kristosii malee waan bira'aatiin dhaadachuun ana irraa haa fagaatu, fannoo kanaan'llee biyyi lafaa ana irraa fooyamee jira, ani'llee biyya lafaa irraa fooyamee jira.
15Kanaaf gadoomuu ta'ee gadoomuu dhabuun womaa hin fayyadu, ka fayyadu ammoo uumama haarawa ta'u'u.
16Qajeelfama kana worra horddofan maraa fi worra gara Waaqaa Israa'eeloota ta'aniif, nagayaa fi dhiifaminni haa ta'u.
17Qaama kiyya irra ka jiru malkanni dhaanamu'uu tajaajilaa Yesusii ta'uu kiyya waan mulidhisuuf, ammaa achitti eennu'llee ana hin rakkisin.
18Yaa obboleeyyan! Kennaan bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii isin woliin haa ta'u! Ameen.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.