1 HuE 19:29; Rom 16:23; 1Qor 1:14. Dhugamaan ka jaaladhuuf, Gaayosii jaalatameef,
Ana jaarsa irraa ergaa ergame,
2Yaa waahela kiyya! Jireenni kee marrinuu akka si mijaayu, fayyaa akka qabaatuu fi akkuma kana boqannaa hafuuraa akka argattu siif ni hawwa.
3Dhuga'aaf amanamummaa keetii fi dhuga'aaf'llee jiraachuu kee obboleeyyan kristaanotaa tokko tokko dhufanii yeroo natti himantti, haalaan ni gammade.
4Ijoolleen tiyya dhuga'aan dedeebi'aa jiraachuu isaanii dhagayuu irra ka caalu, wonitti ana gammachiisu hin jiru.
Galateeffatamuu Gaayosii5Yaa waahellan kiyya! Si'iif keessummoota yoma ta'an'llee obboleeyyaniif tajaajila amanamaa ni kennita.
6Isaan'llee waayee hujii jaalalaa ka isaanii raawwatteetiif woldayoota amanti'ii duranatti ragaa bayanii jiran, amma'llee haala Waaqinni gammachiisuun, adeemissa isaaniitiin isaan yoo garggaartte misha'a.
7Isaan Kristosiin tajaajilu'uuf yoo bayan, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne irraa gargaarssa woyiitu hin fudhanne.
8Qoodamtoota hujii dhuga'aa akka taanuuf, namoota akkana jiran kanniin garggaaruu ni qabnna.
Mormmatamuu Diyotreefesii fi Galateeffamuu Deemetriusii9Asiin durana waldaya amanti'ii Kristosiitiif xalayaa barreessee jira, garuu durssaa woldaya amanti'ii ta'u'uuf ka barbaadu Deemetrius, yaada kiyya hin fudhanne.
10Kanaaf gara keessan yeroo dhufu inni nu arrabissa'aatii fi nu salphisa'aa, hujii inni raawwate hamaa mara marattuu ni dubbadha, kun uduu isaa hin gayin hafee, inni mataan isaatuu obboleeyyan ufitti hin fudhatu. Kuunniin'llee akka isaan ufitti hin fudhanneef ni dhoogga. Woldaya amanti'iitii'llee isaan ni baasa.
11Yaa waahela kiyya! Mishaa fakkaadhu malee hamaa san hin fakkaatin. Hujii mishaa ka hojjatu marrinuu ka Waaqaati. Hujii hamaa ka hojjatu garuu Waaqa hin argine.
12Deemtriusiif naminni marrinuu haala misha'aan ragaa ni bayaaf. Dhugaan mataan isiituu ufii isi'iitii ragaa ni baati. Nu'llee ragaa ni baanaaf, ragummaan keenna'llee dhugaa ta'uu ni beekitta.
Nagaya Muumme'ee13Si barreessu'uuf ka barbaadu waan baayi'ee qaba ture, garuu xalaya'aan si ibisu'uuf hin barbaadu.
14Yeroo dhiyo'otti si argu'uuf abddii ni taasisa, yeroo sanitti jechaa jechaan woliin ni haasofnna.
15Nageenni siif haa ta'u.
Waaheloonni nagaya siif ni dhiyeessan. Ati'llee Waaheloota keennaaf tokko tokkoon, nagaya nuuf dhiyeessi.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.