Gara Ibirootaa 4 - Waadaa Haarawa

1Kanaaf gara bakka boqanna'aa ka inni nuuf kennuu galu'uuf abddiin fudhanne amma'llee ka eeggame waan taateef, isin keessaa eennu'llee gara bakka boqanna'aa kana galu'uuf carraa uduu hin argatin akka hin hafinneef, marri keennaa ufi haa eeggannuu.

2Dubbima oduu mishaa akka isaan dhagayanii nu dhageenneenii jira, garuu isaan dubbii dhagayan amanti'iin waan hin fudhatiniif isaan hin fayyadinne.

3Hujiin isaa yeroo biyyi lafaa uumamee jala qabee ka xumurame yoma ta'e'llee, «Gara bakka ani isaaniif kennu ka boqanna'aa titti, gonkumaa hin galan jedhee dallanssuu kiyyaan kakadhee jira» Akkuma jedhe amma'llee nu'u ka amannu, garasi gara bakka boqanna'aa ka Waaqinni nu'uuf kennuu ni galla,

4waayee guyyaa torbaffaa bakka tokkotti, «Waaqinni hujii isaa mara irraayyuu guyyaa torbaffaa titti ni boqate» jedhamee barreeffamee jira.

5Akkuma kana bakka kana irratti deebi'ee,

«Gara bakka boqanna'aa ka ani isinii kennuu titti gonkumaa hin galan» jedha.

6Isaan sunniin worri Oduu mishaa jalqaba dhagayan ajajama dhabuu isaaniitiin, gara bakka boqanna'aa ka Waaqinni isaanii kennu'uuf jiruu titti hin galle, ta'u'llee garasitti akka galaniif worri isaaniif eeyyame tokko tokko ni turan.

7Kun'llee akkuma durissee jedhametti,

«Adha qooniqqa isaa yoo dhageettan,

onnee teessan didduu hin taasisinaa»

jechu'uun Waaqinni baroota baayi'e'een duubatti, karaa Daawiitiitiin dubbii dubbateen, «Adha» jedhamee guyyaa waamame, murteefamuu isaatiin mirkanaayee jira.

8Iyyaasuun bakka boqanna'aa uduu isaanii kennee jiraatee Waaqinni irra deebi'ee, «Adha» jechu'uun, waayee guyyaa bira'aa hin dubbatu ture.

9Eegaa ummata Waaqaatiif boqannaa Sanbbataa boqanni fakkaatu amma'llee ni hafaan,

10Waaqinni hujii isaa irraa akkuma boqate akkuma kana ka gara boqannaa Waaqinni kennuu galu'llee, hujii isaa irraa ni boqata.

11Kanaaf eennu'llee ajajamuu dhabuu namoota sanniinii horddofee akka hin kufnneef, gara bakka boqannaa Waaqaa titti galu'uuf, haa hisannuu. Dammaqinnuu.

12Dubbiin Waaqaa jiraata'aa fi ka hojjatu, billaya afaan lama qabu irra qarama'a, lubbu'uu fi hafuura, ribu'uu fi mogolee haga addaan baasutti ka mummuru, onnee keessatti ka dhokate yaadaa fi hawwa'llee qoratee ka muritteessu.

13Waaqaa duranaa ka dhokatu uumaminni woyiituu hin jiru, ija isaa duranatti wonitti marrinuu ifaa fi qullaa isaa ta'ee ka mulidhatu, nu'llee deebii kennuu ka qabnnu isa duranatti.

Yesus Ol Aanaa Qeesotaati

14Eegaa samiiwwan bira dabrree gara olii gara sami'ii ka baye itti gaafatamaa qeesotaa ol aanaan waan qabnnuuf, amantii keenna jabeessinee haa qabannuu, itti gaafatamaan qeesotaa'llee Ilma Waaqaa Yesus.

15Nu'u ka qabnnu itti gaafatamaan qeesotaa dadhabbii keennaan nuuf nayuu ka danda'u, inni'llee waan maraanuu akkuma keenna ni qormaatame, ta'u'llee cubbuu woyiituu hin hojjanne.

16Eegaa dhiifama akka argannuu fi yeroo gargaarssa nu barbaachisutti kennaa isaa ka bilisaa akka argannu, gara bakka kennaan isaa ka bilisaa itti argamu gara teessoo Waaqaa, sodaa tokko malee haa dhiyaannu.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help