Gara Worra Galaatiyaa 5 - Waadaa Haarawa

Bilisummaa Kristosiin Argamu

1Kristos bilisa ka nu baase bilisumma'aan akka jiraannuuf. Kanaaf jabaadha'aatii dhaabadhaa, deebitaanii'llee waanijjoo garbumma'aatiin hin xamadaminaa.

2Kunoo! Ani Phaawulos ka isiniin jedhu kana, «Gadoomuu nu barbaachisa» jettanii yoo gadoomttan, Kristos womaa isin hin fayyadu.

3«Gadoomuu ana barbaachisa» jedhee ka gadoomu marrinuu, dirqama Seera guutuu raawwachu'uu ni qaba jedhee, irra deebi'ee ufi isin ni eeggachiisa.

4Isin seera eegu'uun qulqullaayomu'uuf ka barbaadan marrinuu Kristosiin irraa fooyamtanii jirttan, kennaa isaa ka bilisaa irraa'llee fagaattanii jirttan.

5Nu'u garuu Hafuura Waaqaatiin abddii qulqullaawoma amanti'iin ni eegganna.

6Yesus Kristosiin ka jiraatuuf jaalala irratti hunddaayee amantii hojjatu malee, gadoomuu ta'ee gadoomuu dhaabuun, faayiddaa woyiituu isaa hin kennu.

7Nagayaan ni tarkaanffattan ture, eegaa amma dhuga'aaf akka hin ajajaminne, ka isin dhooge eennu?

8Gorssi akkanaa kun Waaqa isin waame biraa ka dhufee miti.

91Qor 5:6.Kun'llee, «Shiishaan muraafnni miciqaa maraa ni bukeessa» akkuma jedhamu.

10Garuu kana irraa yaada adda ta'e akka hinqabaanne dhugaalessa ta'ee Goofta'aan ni amana, eennu'llee dubbii bitaa ka isinitti taasisu yoo jiraate adabbii isaa ni fudhata.

11Yaa obboleeyyan! Ani haga ammaa titti ka lallabu, fayyu'uuf gadoomuun ni barbaachisa jedha'aa uduu jiraadheetii, haga ammaa titti maali'iif ana ari'aniiyyu ture? Akkana uduu ta'eetii fannoon Kristosii namootaaf gufuu ta'uun ni hafa ture.

12Eegaa namoonni akkana dubbii isinitti bitaa taasisan yoo barbaadan, gadoomuu qofa uduu hin ta'in mataa isaanii yakkatamaa uduu taasisanii ni jaaladha ture.

13Yaa obboleeyyan! Isin ammoo bilisumma'aaf waamamittanii jirttan, garuu tokko ka bira'aa jaalalaan haa tajaajilu malee, bilisummaan keessan kun sababaa fedhii foonii ittiin raawwattan hin ta'in.

14Seerri marrinuu, «Nama akka kee taasisii jaaladhu!» ka jedhu jecha tokkoon ni raawwata.

15Garuu ufii keessan yoo wol ciniinttanii fi yoo wol nyaattan, ufii keessan akka woliin hin badinneef ufi eeggadhaa.

Jireenna Hafuuraya'aa Fi Foonayaa

16Eegaa Hafuuraan qajeelfama'aatii jiraadhaa, fedha foonii'llee hin raawwatinaa isiniin jedha.

17Rom 7:15-23.Fedhiin foonii fedhii Hafuurayaa woliin wol fugisa, Hafuuraa fi fooni ufii isaaniitii wolitti masaanuu ni ta'a, kanaaf isin waan barbaaddan raawwachu'uuf hin danddeettan,

18Hafuuraan uduu qajeelffamttanii garuu, bitamittoota Seeraa hin taatan.

19Hujiiwwan foonii ka beekkaman, isaan'llee sagaagalaa, battayumma'aa, gad dhiifamummaa,

20Waaqa harkaan hojjatame waaqeffachuu, falfala, diinummaa, mormmii, hinaaffaa, dallanssuu, mataa isaa jaalachuu, gargar bayiinssaa fi marri hamaa,

21waanyummaa, machii, gammachuu gara dhabe, kanniin ka fakkaatan, asiin durana akkuma ufi isin eeggachiisetti amma'llee irra deebi'ee ufi isin ni eeggachiisa, wonittoota akkanaa jiran namoonni raawwatan, Mootummaa Waaqaa hin dhaalan.

22Firiin Hafuura Qulqullu'uu garuu jaalala, gammachuu, nagaya, obissa, mishummaa, amanammummaa,

23Gara laafummaa, mataa ufii toowachu'u. Wonittoota akkana jiran kanniin seerri mormmu hin jiru,

24Namoonni ka Yesus Kristosii ta'an foon gubata isaatii fi hawwa isaa woliin fannisaniinii jiran.

25Hafuuraan ka jiraannu yoo taane, hafuuraan haa qajeelffamnuu.

26Tokkoon ka bira'aa hamma'aaf kakaasu'uun ufii keennaa wolitti hinaafa'aa, tasaan akka hin dhaadanne.

Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help