1Yaa obboleeyyan! Amma ammoo waayee kennaawwan Hafuura Qulqulu'uu akka beekittaniif ni barbaada.
2Ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne yeroo turttanitti, waan hin beekinneen eemaramittanii gara waaqolee dubbachu'uuf hin dandeenne, ka harkaan hojjatamanii ni fudhatamittan akka ture ni beekittan.
3Kanaaf Hafuura Waaqaatiin eemaramee Yesusiin ka abaaru eennu'llee hin jiru, akkuma kanaan'llee Hafuura Qulqullu'uun eemaramee yoo ta'e malee, «Yesus Goofta'a!» ka jedhu, eennu'llee akka hin jirre isinitti ni hima.
4 dubbachu'uu ni kennaaf, kaaniif ammoo kennaawwan Hafuura Qulqulluu irraa ta'uu isaanii yookiin hafuurota battiiwwan irraa ta'uu isaanii, dandeettiin addaan baasee beeku'uu ni kennaaf. Akkuma kana tokkoof danddeettii afaanota adda addaa dubbachu'uu ni kennaaf, kaaniif ammoo waan afaanota adda addaatiin dubbatame hiiku'uuf danddeettii ni kennaaf.
11Haa ta'u malee kana maraa ka raawwatu Hafuuruma Qulqulluun tokko san, Hafuurri Qulqulluun akka fedhe, nama tokkoo tokkoof kennaa adda ta'e ni kennaaf.
Qaama Nama Tokkoo Irra Kutaawwan Adda Addaa Jiraachuu Isaanii12 Rom 12:4, 5. Naminni tokko kutaawwan qaamaa baayi'ee ni qaba, kutaawwan qaamaa baayi'ee ta'anii uduu jiran, ka argaman achuma qaamuma tokkoo san irratti. Akkuma kana Kristos kutaawwan baayi'ee qaamaa akka qabu, akkuma qaama tokkooti.
13Yihudicha'llee yoo taane namoota Giriiki'ii yoo taane, garboota'llee yoo ta'e, namoota bilisaa'llee yoo ta'e, qaama tokko ta'uuf Hafuura Qulqullu'uun cuuphamnnee jirra, marri keennaa Hafuuruma tokko kanaan irraa dhuginnee jirra.
14Qaaminni tokko ka hojjatame kutaawwan qaama baayi'ee irraa malee, kutaa qaama tokkoo qofa irraa miti!
15Miilli, «Ani harka waan hin ta'iniif kutaa qaamaatii miti!» yoo jedhe, eegaa akkana jechuu isaatiin kutaa qaamaa ta'uun isaa ni hafaa ree?
16Gurri'llee, «Ani ijaa waan hin ta'iniif kutaa qaamaatii miti» yoo jedhe, eegaa akkana jechuu isaatiin kutaa qaamaa ta'uun ni hafaa ree?
17Qaaminni tokko guutuun ija qofa uduu ta'ee jiraatee, maali'iin dhagayuun danda'ama ture? qaaminni tokko guutuun gurra qofa uduu ta'ee jiraatee, maali'iin ulachuun danda'ama ture?
18Amma garuu Waaqinni akka barbaadetti tokkoo tokkoon kutaa qaamaa, qaama keessatti bakka barbaachisaa qabatee akka argamu isa taasisee jira.
19Marri isaaniituu kutaa tokko qofa ta'ee uduu jiraatee, qaaminni guutuun eessatti argama ture!
20Amma garuu kutaawwan qaama baayi'een yoo jiraatan'llee, qaaminni garuu tokko qofa.
21Ijji harkaan, «Ati anaaf hin barbaachifttu!» jechuunii hin danda'u, mataan'llee miilaan, «Ati anaaf hin barbaachifttu!» jechuunii hin danda'u,
22gonkumaa haalaan dadhabiddoota fakkaatanii ka muldhatan kutaawwan qaamaa, isaan barbaachisoota.
23Ulfinna diqqaa ka qaban fakkaatanii ka muldhatan Kutaawwan qaamaatiif, caala'atti ulfinna isaaniif ni kennina, laalu'uuf ka saalfachiisan fakkaatanii ka muldhatan kutaawwan qaamaatiif, caala'atti ulfinna kennineefii isaaniif ufi ni eegganna.
24Ija duranatti ka muldhatan kutaawwan qaamaatiif garuu kun marrinuu isaaniif hin barbaachisu, Waaqinni garuu isaan laalu'uuf ka saalfachiisan fakkaatanii kutaawwan qaamaa ka muldhatan, ulfinna caalaa ta'een akka qabaman taasisee, kutaawwan qaamaa wol qabsiisee jira.
25Kana'llee ka taasise kutaawwan qaamaa jidduu adda fooyamuun uduu hin jiraatin, ufii isaaniitii akka wolii yaadaniif.
26Kutaan qaama tokkoo yoo makkaraaru kutaawwan qaamotaa kaanniin marrinuu woliin ni makkaraaran, kutaan qaamaa tokkochi yoo kabajamu, kutaawwan qaamotaa kuunniin'llee isa woliin ni gammadan.
27Isin'llee qaama Kristositi tokkoon tokkoon keessan'llee, kutaa qaama isaati.
28Efs 4:11.Kanaaf Waaqinni tokkoon tokkoon namaa Mana Waaqeffanna'aa keessatti tajaajila adda ta'e akka qabaatu taasisee jira, bu'ura kanaan'llee jalqaba ergamittoota, lammaffaa nabiyyoota, sadaffaa barsiisota muudee jira. Itti aanssee'llee baasaa worra raawwatan, itti aanssee'llee kennaa fayyisu'uu worra qaban, namoota gargaaru'uuf worra kennaa qaban, bulchitootaa fi afaanota adda addaatiin namoota dubbatan ramadee jira.
29Marrinuu ergamittootaa ree? Marrinuu nabiyyootaa ree? Marrinuu barsiisotaa ree? Marrinuu baasa worra raawwatanii ree?
30Marrinuu kennaa hafuuraa worra qabanii ree? Marrinuu afaan adda addaatiin dubbachu'uuf worra danddeettii qabanii ree? Marrinuu waan afaan adda addaatiin dubbatame hiiku'uuf worra dandeettii qabanii ree?
31Kanaaf kennaawwan haalaan caalan argachu'uuf barbaadaa.
Amma ammoo karaa maraa caalu, isinitti ni muldhisa.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.