1Eegaa nu'u qulqullaawoma ka arganne amanti'iin waan ta'eef, Gooftaa keenna Yesus Kristosiin, Waaqaan woliin nagaya ni qabnna.
2Garana gara amma amanti'iin jabaannee itti argaminnu gara kennaa isaa ka bilisaa kanatti ka aseenne isaan waan ta'eef, abddi'iin qoodamtoota ulfinna Waaqaa ta'uu keennaan, ufi ni dhaanna.
3Kana qofaan uduu hin ta'in rakkinni obissa akkuma nuuf argamisiisu waan beekinuuf, rakkinna keennaan'llee ufi ni dhaanna.
4Obissaan'llee qormmaataan dhaabachuu, dhaabachu'uu irra'llee, abddiin ni argama.
5Ka nuuf kenname karaa Hafuura Qulqullu'uutiin jaalalli Waaqaa onnee teenna keessatti waan guuteef, abddiin isaa hin saalfachiisu.
6Uduu dadhabiddoota taanee jirru yeroo Waaqinni murtteessetti, Kristos waayee cubbamootaatiif ni du'e.
7Bakka nama qulqullaawomaat bu'ee nama du'u argachuun haalaan rakkisa'a, ta'u'llee bakka nama misha'aa du'u'uuf ka uggu, yookiin ni argama ta'a.
8Garuu nu'u cubbamoota taanee uduu jirru, Kristos bakka keenna du'ee jira. Kun'llee Waaqinni nuu'uuf jaaltichi qabu hagam ol aanaa ta'uu isaa, ni hubachiisa.
9Ka qulqullaawomnne dhiiga Yesus Kristositiin yoo ta'e, irra caala'atti'llee dheekkamissa Waaqaa jalaa baayu'uuf ka danddeennu, karaa isaatiin.
10Nu'u diinota Waaqaa taanee uduu jirru, du'a Ilma isaatiin Waaqa woliin araaraminnee jirra, amma Waaqaan woliin eega araaraminneen duubatti karaa jireenna Ilma isaatiin, caala'attuu ni fayyina.
11Kana qofa'llee uduu hin ta'in Waaqaan woliin araara ka itti arganne karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin'llee, Waaqaan ufi ni dhadinna.
Duuti Addamiin Jireenni Kristosiin12Sababaa nama tokkotiin cubbuun gara biyya lafaa ni aseene, sababaa cubbu'uutiin'llee duuti ni dhufe, akkuma kana naminni marrinuu cubbuu waan hojjateef duuti nama mara irratti ni dhufe.
13Seerri Muse'ee kennamu'uun duranatti cubbuun biyya lafaa keessa ni ture, haa ta'u malee seerri bakka hin jirretti cubbuun mataan isaatuu akka cubbu'uu titti hin lakkaayamu ture.
14Ta'u'llee akka Addaamii titti seera dabrru'uun cubbuu hojjachuu yoo dhabaatan'llee, worrummaan hojjatan'llee uduu hin hafin duutii Addaamiin irraa jala qabee haga Muse'ee titti, nama mara irratti ni moo'e. Aangoo ni argate.
Addaamiin kun'llee Kristosii ufi durana dhufuuf, fakkeenna ni ture.
15Garuu kennaan Waaqaa ka bilisaa akka cubbuu namaatii miti, waayee cubbuu nama tokkootiin baayi'eewwan akkuma du'an, akkuma kana kennaa Waaqaa ka bilisaatii fi nama tokko sababii Yesus Kristositiin ka argame kennaan isaa ka bilisaa, baayi'eewwaniif ka irraa hafe ta'ee kennamee jira.
16Akkuma kana kennaan Waaqaa ka gati male'ee bu'aan fide ka kennaa bilisaa, bu'aa akka cubbuun nama tokkoo fideetiimiti. Sababaa cubbuu nama tokkootiin murttiin kenname adabbii ni fide, sababa cubbuu baayi'e'eetiin kennaan kenname ka gatii male'ee qulqullaawome ni fide.
17Sababaa cubbuu nama tokkootiin duuti nama mara irratti aangoo ni argate, kennaan Waaqaa ka bilisaa ka irraa guutee hafee fi kennaan gatii male'ee, ka qulqullaawan marrinuu nama tokko karaa Yesus Kristositiin, injifannoo taasisu'uun lubbu'uun ni jiraatan.
18Eegaa cubbuun Addaamii tokkoo adabbii murti'ii nama mara irratti akkuma fide, akkuma kana qulqullaawomaa hujii Kristosii tokkoo baayi'eewwan adabbii irraa bilisa isaan taasisee, jireenna ni kenna.
19Waayee ajajamuu dhabuu Addaamiitiin baayi'eewwan cubbamoota akkuma ta'an, akkuma kana waayee ajajamuu Kristositiin'llee baayi'eewwan, ni qulqullaawoma.
20Cubbuun akka baayi'atuuf jecha seerri ni dhufe, garuu haguma cubbuun baayi'ateen, kennaan Waaqaa ka bilisaa caala'atti ni baayi'ate.
21Kun'llee ka ta'eef waayee du'aatiin cubbuun akkuma mootome maratti, akkuma kana karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin jireenni bara baraa akka argamuuf, kennaan Waaqaa ka bilisaa qulqullaawoma kennu'uun, ni mootoma.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.