1Afaan namootaatiin ta'ee afaan maleyikkootaatiin dubbachu'uuf danddeettii uduma qabaadhe'llee, jaalala qabaachuu yoo dhabaadhe akka sibiila diimaa iyyuu yookiin akka kabalaa shakkisuu, ta'uu kiyya.
2Mat 17:20; 21:21; Mar 11:23.Dandeettii dubbii Waaqinni natti hime dubbachu'uutiif'llee kennaa yoo qabaadhee fi dhossaa mara'llee uduu hubadhee, beekkomissa mara'llee uduu qabaadhee, gaara'llee bakka tokkoo gara bakka bira'aa ka deemisisu amantii mara'llee uduu qabaadhee, jaalala yoo hin qabaatin ani tasa.
3Waan qabu maraa hiyyeesotaaf yoo qoode, foon kiyya'llee uduu hin hafin ibiddaan akka gubatu dabarssee uduu kennee, jaalala yoo hin qabaatin, womaayyuu ana hin fayyadu.
4Jaalalli ni obissisiisa, jaalalli mishaa ni taasisa, jaalalli akka hinaafan hin taasisu, jaalala naminni qabu ufi hin tuulu,
5Jaalalli seera maleessa hin taasisu, jaalala naminni qabu faayiddaa ufii qofa hin barbaadu, jaalala naminni qabu hin dallanu, jaalala naminni qabu miidhame'llee miidhama akka miidhamaa titti hin lakkaayu,
6Jaalala naminni qabu waan dhugaa ta'een gammada malee, sirrii waan hin ta'iniin hin gammadu.
7Jaalala naminni qabu maraa ni danda'a, mara irrattuu amantii isaa ni kaaya, mara irratti abddii ni taasisa, waan maraanuu ni dhaabata.
8Jaalala naminni qabu yeroo kamttuu hin kufu, kennaan waan Waaqinni itti hime dubbachu'uu ni dabrra, danddeettiin afaan adda addaatiin dubbachu'uu ni dabra, beekkomissa'llee taanaan ni dabra.
9Ka beekinnu'llee ta'ee waan Waaqinni nutti himee dubbachuun'llee gamisaan.
10Garuu guutuu wonitti ta'e yoo dhufu, wonitti gamisaan ta'e ni hafa.
11Daa'ima yeroo turetti akka daa'imaa titti ni dubbadha ture, akka daa'imaa titti'llee ni yaada ture, akka daa'imaa titti ni qoradha ture, nama guutuu yeroo ta'etti garuu, amala daa'imummaa kiyyaa ni dhiise.
12Amma akka waan daawi'ite'een laalluu titti dimimisaan ni laalla, yeroo sanitti garuu ifaan ni argina, amma ka beekinnu gamisaan, yeroo sanitti garuu haga Waaqinni ana ka beeku beekkomissa guutuu ni qabaadha.
13Eegaa amantiin, abddii fi jaalallitti, isaan sadiin kunniin jabaatanii ni jiraatan, garuu isaan kanniin keessaa ka caalu jaalala.
Who We AreWhat We EelieveWhat We Do
2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.