1 Gara Ximotewoosii Seensa - Waadaa Haarawa

SeensaXimotewoos dargaggeessi jedhame dhaloonni isaa ka kristaanumma'aa, biyya Isiya'aa maandhitti'ii yoo ta'u, haadha isaatiin Yihudicha, abbaa isaatiin ammoo Giriikicha ture, waahelli Phaawulosii ka huji'iitii fi ergama wongeelaatiin'llee gargaaraa isaa ka dhiyo'oo ni ture. Phaawulos Ximotewosiif ka barreesseef ergaan jalqabaa, wonittoota ijoowwan sadihi irratti ka xiyyeefate.Waan maraa durssu'uun ergaan isaa woldaya amanti'iitii ka'ee waayee barsiisa dharaa ka ufi eeggachiisu ture. Barsiifinni keessummaan kun'llee wolakka'aan ka Yihudotaa, wolakka'aan ammoo yaada ummatoota kaanniinii ka qabate yoo ta'u, «Biyyi lallaafaa ka muldhatu cubbu'uun ka faalame waan ta'eef, fayyinni argamuu ka danda'u adda ka ta'e dhossaa beekkomisaatii fi nyaata tokko tokkoo fi fuudhaa heeruma irraa ufi eeggachu'uun» yaada jedhu irratti ka hundaaye ture. Dabalataan'llee ergaan waayee bulchiinsa woldaya amanti'iitii fi waayee naamusa waaqeffanna'aa, qajeelffama barsiisaa, akkuma kana waayee itti gaafatamoota woldaya amanti'iitii fi gargaarttonni isaanii amala isaan qabaachuu malu ibisa ka qabate. Muummee irratti'llee Ximotewos tajaajilaa mishaa Yesus Kristosii attamitti ta'uun akka maluu fi woldayoota adda addaa keessatti waayee itti gaafatamummaa jiruutiif, gorssa Phaawulos isaaf kenne ni argganna.Woliigala Qabiyyee KitaabchaaSeensa 1:1-2Waayee woldaya amanti'iitii fi tajaajilttoota Isi'ii 1:3—3:16Waayee tajaajila isaatiif barsiisa Ximotewosiif kenname 4:1—6:21
Blog
About Us
Message
Site Map

Who We AreWhat We EelieveWhat We Do

Terms of UsePrivacy Notice

2025 by iamachristian.org,Inc All rights reserved.

Home
Gospel
Question
Blog
Help